KFOn waa'ee filannoo Itoophiyaa maaliif callise?

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Paartiin Kongirasii Federalawaa Oromoo (KFO) filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa irratti akka hirmaatu ibsus, akka paartilee kaanii yeroo duula filannoos ta'ee falmii siyaasaa gaggeessu hin mul'atu.

Paartichi maaliif duula filannoo gaggeessaa hin jiru? Maaliif callise jechuun BBCn dura taa'aa paartichaa Pirofeesar Mararaa Guddinaa dubbiseera.

Bakka bu'oota jaha qofa filannoof hirmaachisuuf Boordii Filannootti galmeessuu kan ibsan Pirof. Mararaan, rakkooleen bu'uuraa lama filannoo kana keessatti humna guutuun akka hin hirmaanne isaan danquu ibsu.

"Rakkoo lama gurguddaatu jira; tokko dirreen siyaasaa cufamaa deeme, wajjirri keenya cufamaa deeme, rakkoo bal'aa keessa galle. Boordii filannootii jalqabee qaamni mootummaa waa'ee filannoo keessa galu hunduu yerodhaan haa fooyya'an jennee gaafachaa turre," jechuun furmaata osoo hin argatin hafuu ibsu.

Rakkoon bu'uuraa lammataa ammoo waa'ee rakkoon nageenyaafi waraanni biyyattii keessa bakka garaa garaa jiru dhaabbatee rakkoon marii siyaasaan akka furamu gochuu dhabuu akka ta'e kaasu.

"Deddeebinee mootummaa kan gaafachaa turre wal-ajjeessuu irraa gara siyaasan rakkoo hiikutti, gara waliigaltee biyyaatti deemna jennee deddeebinee [mootummaa] gaafannee turre, [garuu] hin taane. Kana jechuun lolli hin dhaabbanne," jechuun rakkoon nageenyaa naannolee Oromiyaa, Amaraafi Tigraay jiru osoo furmaata hin arganne filannoo gaggeessuun furmaata waaraa akka hin finne kaasu.

Filannoo kanaan dura gaggeeffaman irratti kutaalee Itoophiyaa garaa garaa keessa socho'uun duula gaggeessaa turuu kan himan Prof. Mararaan, amma garuu rakkoo nageenyaa jiruun kaadhimamtootas ta'ee miseensotaaf wabii kennuu akka hin dandeenye dubbatu.

"Amma mootummaafi warri bosanaa [WBO] wal lolaa jiru waan ta'eef lola kana keessatti miseensa keenyaaf wabii hin qabnu. Taajjabdoota jennee warra keenyufis wabii hin qabnu," jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabaluunis, uummata akka durii walitti qabanii mariisisuufi duula gaggeessunis yaddoo akka ta'e kaasu.

"Dura saba [uummata] kuma dhibbaan walitti qabnee sochoosaa turre. Amma garuu kuma dhibbi dhiisii kuma tokko walitti qabnee haasofsiisuu hin dandeenyu. Mootummaan dursa kana [rakkoo nageenyaa] haa furu jennaan didan," jedhu.

Bakka nageenyi hin jiretti filannoo gaggeeffamu keessaa sirni dimokiraasii uumamuun rakkisaa ta'uus ibsu.

"Mootummaafi warri mormu waliigalanii nagaa fiduu baannan, filamtes dhiistes waanti hojjattu xiqqaadha. Inni lammaffaafi inni guddaan sirni dimokiraasii kana keessaa hin dhalatu. Hanga sirni dimokiraasii hin dhalannatti akkasumaan waggaa shan shaniin uummata rakkisuu ta'a," jechuun filannoon dhufu jijjiirama akka hin finne waan amananiif hirmaachuu dhiisuuf murteessuu ibsu.

Filannoon bara 1997 ALItti gageeffame filannoo marsaa 7ffaarra akka caalufi teessoo mana maree uummataafi kan Caffee Oromiyaallee argatanii akka turan kan himan Prof. Mararaan, amma yaaddoo guddaa kan ta'e naannoon Oromiyaa rakkoo nageenyaa hamaa keessa galuu himu.

KFOn seera Boordii Filannoon akka hin haqamneef qofa kaadhimamtoota jaha dhiyeessuu himuun, hanga sabi isaan qabsaa'aniif dimokiraasii dhugaa argutti akka qabsoo itti fufan ibsu.

Filannoo irraa haftanii akkamiin uummataaf qabsooftu? jechuun gaaffii BBCn dhiyeesseef akkas jedhu Prof. Mararaan.

"Qabsoon filannoo qofaa miti. Hamma dandeenye waan dhugaa dubbachaa, karaa dhugaa nama ijaaraa siyaasa biyya kanaa keessa warra jiran hunda wajjin hojjachaa biyyi kun gara sirna dimokiraasitti akka ceetu yaaludha [qabsoo jechuun]," jedhu.

Filannoo marsaa 6ffaa irratti paartiin KFOfi ABO dirreen siyaasa dhiphate jechuun keessaa of baasanii ture.

Dhaabi ABO garuu bara kana kaadhimamtoota 167 mana maree bakka bu'oota uummataafi mana maree naannoleef dhiyeessuun filannicharratti akka hirmaatu beeksisaa jira. Duula filannoo gaggeessun alatti paartilee biroo waliin falmii gaggeessaa jira.

Gama biraan ammoo mootummaa Itoophiyaa waliin lolatti kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) filannoon biyyaalessaa marsaa torbaffaa "diraamaa mootummaan qopheessedha" jechuun garuummoo qaamolee Oromiyaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii akka hin fudhanne ibse.