Yuunivarsiitiin 'AI' akka addunyaatti 2ffaa ta'u Itoophiyaan eegaluuf jettu maali?

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimad
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad yeroo adda addaatti waa'ee yuunivarsiitii hubannoo nam-tolchee AI akka addunyaatti 2ffaa akka Afrikaatti ammoo isa jalqabaa ta'u Itoophiyaan bara 2027 eegaluuf kaayyeffatte irra deddeebin dubbatu.

Ofii yuunivarsiitii AI kaayyoonsaa maali? Itoophiyaan maaliif yunivarsiitii AI irratti invast gochuu barbaadde? Dhaabbileen akkasii maal hojjetu,egeree akkamiis qabaachuu danda'u?

Yuunivarsiitii sammuu namtolchee AI hundeessuun karoora dijiitaalaa fi teeknolojii Itoophiyaan qabattee hojjataa jirtu ta'uu MM Itoophiyaa baatii Fulbaanaa darbe yaa'ii paarlaama keessatti ibsaa turan.

Ergasiis Yaa'ii Gamtaa Afrikaa baatii tokko dura gaggeefame irratti akkataa Itoophiyaan teeknolojiin of cimsaa jirtuu fi Yuniversiitii sammuu nam tolchee kana yeroo jalqabaaf Afrikaa keessatti bara 2027 irraa eegalee tajaajila akka kennuuf yaadame ibsaniiru.

Tibbanas afgaaffii miidiyaa biyya keessa tokkoo waliin taasisaniin yaadumaa walfakkaataa fi faayidaa inni guddina biyyattiif qabu irra deebiin dubbataniiru.

Sadarkaan teeknolojii Itoophiyaan irra jirtu ammayyuu gad aanaadha. Garuu tarkaanfiin akkanaa kun egeree guddina teeknoolojii fi dijitaalaa biyyattii fooyyeessuuf bu'uura ta'uu danda'u.

Akkuma Itoophiyaan karoorfatte yuniversiitichi waggaa itti aanu keessatti hojii isaa kan eegaluu yoo ta'e, Itoophiyaan biyyoota addunyaa muraasa yuunivarsiitii addaa AI irratti xiyyeeffate irratti hojjatan keessaa ishee tokko ni taati.

Akka MM Abiy ibsanitti yunivarsiitichi magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramaa jira.

Yuunivarsiitii AI banuun maalif barbaachise?

Roobootii

Madda suuraa, iStock

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Addunyaa keessatti kalaqni saayiinsii fi teknolojii saffisa cimaan jijjiramaa sadarkaa olaanaa fi ajaa'ibsiisaa irra gahaa jira. Har'a waan qabatamaan ta'ee fi AI'n hojjataman adda baasuun qormaata cimaa ta'aa jira.

MM Abiy dargaggootni Itoophiyaa sadarkaa addunyaan irra gahaa jirtu kana waliin tarkanaafachuu akka danda'aniif teeknlojii akkasii hidhachiisuun barbaachisaa ta'uu cimsanii ibsu.

Akkasumas ''teknolojiin utubaawwan guddina Itoophiyaan qabattee irratti hojjataa jirtu keessa isa tokkoo " jedhan.

Guddinni dameewwaan kamuu(barnootni, fayyaan, indaastiriiin, geejjibni, nageenyifi loltummaan, qonnii fi gabaa) dabalatee teknoolojii malee sadarkaa barbaadamuun bu'aa fiduu dhabuu danda'u. Kanaaf hidhannoo teknolojii jabaanaa daran murteessaa ta'udha Abiy kan dubbatan.

''Waanti haaraan yeroo dhufu akka waan nu madaalutti hin fudhannu, akka waan biyyoota guddatan qofa madaalutti amannee erga darbee gaabbiina. Kana hambisuufI yoo xiqqaate ijoolleen keenyaa gabaa addunyaa irratti dorgomoo akka ta'an akkasumallee humna namaa leenji'e horachuuf ilaalcha kana cabsinee itti deemu qabna.'' jedhu.

Akka Abiy jedhanitti yuniversiitichi akka sadarkaa Itoophiyaa fi Afrikaallee ol kaasuu danda'utti irratti hojjatama. Bu'aa inni biyyattiif fi Afrikaaf qabullee yoo ibsan daandii qilleensaa Itoophiyaa waliin wal qabsiisuun kaasan.

''Yeroo daandiin qilleensaa Itoophiyaa hundeeffamu namni yeroo sana ture fayidaa isaa guddaa hubachuu dhabuu danda'a ta'a. Har'a garuu Akka Afrikaatti dhaabata ittiin boonnudha.Akkuma abbootiin keenya Daandii Qilleensaa Itoophiyaa hundeessuun, dhaabbata addunyaatti kabajamaa ta'e godhan, Yuunivarsiitiin kunis ijoollee keenyaaf kan itti boonanii fi ittiin guddatan akka ta'u abdanna" jechuun dubbatan.

Yuunivarsiitii AI kun kan irratti xiyyeeffatu dameewwan akka Sirna AI, roobootiksii, Algoorizimii, saayinsii daataa, teknolojiiwwaan kalaqaa addaa waliin walqabatani fi kanneen biroofaa akka ta'u eerameera.

Kaayyoon isaas ogeeyyii sirna sammuu namtolchee hubachuu fi hojjachuu danda'an, kanneen rakkoolee walxaxaa furuu fi waa kalaquu danda'an uumuudha.

Yuunivarsiitichi mala Afrikaa guutuu irraa iskoolarshiippii baratoota hedduuf wagga waggaan kennu kan of keessa qabu ta'ullee MM Abiy dubbii baatii Fulbaanaa darbe keessa paarlamaa Itoophiyaa keessatti dubbataniin ibsuun isaani ni yaadatama.

Kunis Itoophiyaan wiirtuu kalaqa teeknooloojii fi barnootaa Ardii akka taatuuf hawwii qabaachuu mul'isa.

Haa ta'uu malee maadda maallaqaa kana tumsuuf ooluu fi barattootni ulaagaa akkamiin gara carraa Yuuniversiitii kanaatti dhufu isa jedhu irratti ibsi bal'aan hin kennamne.

Itoophiyaan bara 2020tti Inistiitiyuutii AI kan hundeessite yoo ta'u dhabbatichii qorannoo fi misooma AI biyyattii keessatti bu'uura kaa'aa jiraachuun ibsameera.

Yuunivarsiitii AI jalqabaa enyuutu bane?

Yuunivarsiitiin AI addunyaa irratti kan jalqabaa ta'e Yunivarsiitii AI Mohamed bin Zayed kan Yunaayitid Arab Emireets- Abu Daabitti argamu.

Madda suuraa, MBZUAI

Ibsa waa'ee suuraa, Yuunivarsiitiin AI addunyaa irratti kan jalqabaa ta'e Yunivarsiitii AI Mohamed bin Zayed kan Yunaayitid Arab Emireets- Abu Daabitti argamu.

Itoophiyaan yuunivarsiitii AI irratti xiyyeeffate ijaaruun akka addunyaatti isa jalqabaa miti.

Yuunivarsiitiin AI addunyaa irratti kan jalqabaa ta'e Yunivarsiitii AI Mohamed bin Zayed kan Yunaayitid Arab Emireets- Abu Dhaabii keessatti argamu yoo ta'u, bara 2019 hundeeffame.

Dhaabbanni kun sadarkaa AI qofa irratti xiyyeeffachuun barnoota olaanoo keessatti jijjiirama guddaa agarsiiseera. UAE Yuunivarsiitii AI addunyaa irratti isa jalqabaa jalqabuu isheetiin faayidaa hedduu argachuus gabaasaleen kan ibsan.

Kanneen keessaa yuunivarsiitichi barattootaa fi qorattoota olaanoo addunyaa irraa hawwachuu,teeknooloojiiwwan haaraa uumaman keessatti biyyattiin qooda fudhachuu fi irraa fayyadmuufaa eeruun ni danda'ama.

Keessumaa ce'uumsa biyyattiin hirkattummaa boba'aa irraa gara teeknoolojii fi turizimiitti taasisaa jirtuuf tumsa guddaa ta'uun gargaaraa jira.

Kana malees yuunivarsiitichi dhaabbilee teeknooloojii addunyaa fi qorannoo waliin hojjachuun bu'aa guddaa argamsiisaa kan jiru yoo ta'u, Itoophiyaanis Afrikaa keessatti faayidaa kana argamsiisuuf kaayyeffattee faana UAE hordofaa kan jirtu fakkaata.

Egeree yuniversiitichaaf qormaata fuulduraa

Muziyeemii saayinsiii fi Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Muziyeemii saayinsiii fi Magaalaa Finfinnee

Itoophiyaan yuunivarsiitiiwwan teknoolojii akkasii irraa ogeessota leenjii olaanaa argatanii fi damee teeknooloojii, faayinaansii, fayyaa, qonnaa, fi hojii mootummaa irratti jijjirama fiduu danda'an uumuu dandeessi.

Akkasumallee akka wiirtuu qorannoo teeknooloojiiwwan haaraa, oomishaa fi gahumsa industirii fooyyessuu danda'a, dinagdee biyyaatti guddisuu danda'an, rakkoolee adda baasuun furuu danda'anii ta'uu mala.

Haa ta'uu malee yuunivarsiitii AI sadarkaa addunyaatti ijaaruuf sirna kompiitaraa ga'umsa olaanaa qabuu fi dhaabbilee qorannoo dabalatee bu'uuraalee misoomaa isaa irratti invastimantii guddaa akka barbaadu ifaadha.

Piroofeesarootaa fi qorattoota gahumsa qaban gara yuuniversitichaatti fiduu barbaachisa. Kunis qormaata biraa ta'uu danda'a. Sababiin isaas barbaadamummaan ogeeyyii akkasii addunyaa irratti garmalee olaanaadha.

Ogeeyyiin Afrikaa hedduun carraa fooyya'aa argachuuf gara biyyoota alaatti deemu. Ga'uumsi fi Dandeettiin ogeeyyii milkaa'ina yunivarsiitichaaf murteessaa ta'a.

Milkaa'inni dhaabbatichaa dinagdee biyyattii jijjiiruu, dargaggootaf carraa hojii haaraa uumuu fi jijjiirama dijitaalaa Afrikaa keessatti gumaacha guddaa kan qabaatu akka ta'utu eegama.