BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
KALLATTIIN, Waraanni tibbanaa erga eegalee yeroo jalqabaaf Huutiin Iraaniin deeggaraman Israa'elitti dhukaasan
Dubbii himaan waraana Huutii hanga Iraan haleeluun hin dhaabbanne dhukasa akka hin dhaabne dhaadate. Huutiin bara waraana Gaazaa yabala Galaana Diimaa danqee ture.
Oduu
Namoota beekamoorratti himatni birrii biliyoona 1.7 waliin dhahuun dhiyaate maali?
Poolisiin Federaalaa namoota beekamoo fi artiistota dhaabbata Fenteek Investimeent hundeessan waliin waliindhahuu birrii biliyoona 1.7 ta'uun shakkee irratti himannaa banuu beeksise.
Hanqina boba'aa magaalota Itoophiyaa hiriira konkolaataan dhiphisaa jiru
Itoophiyaa keessatti hanqina boba'aa mudachaa jiruun magaalota hedduu buufataaleen boba'aa keessatti hiriira konkolaataa arguun baratamaa dhufeera.
Iraan Ulaa Hormuuz cufuunshee xaa'ooo, qorichaafi omishaalee murteessooo ta'anirratti dhiibbaa qabaatu
Ulaan kun cufamuusaan gatiin keemikaalotaa, xaa'oo, nyaata, ismaartifooniifi kaanis gatiin akka dabalu ta'aa jira.
KFOn waa'ee filannoo Itoophiyaa maaliif callise?
Paartiin Kongirasii Federalawaa Oromoo (KFO) filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa irratti akka hirmaatu ibsus, akka paartilee kaanii yeroo duula filannoos ta'ee falmii siyaasaa gaggeessu hin mul'atu.
Dhukkubbii dubartootni yeroo laguu ittin rakkatan hir'isuuf qorannoon maal fide?
Qorannoon bara 2022 Taayilaanditti gaggeeffame akka agarsiisutti saamuda dhiiga laguu fudhachuun HPV qaama keessa jiraachuu isaa adda baasuuf gargaaruu danda'a.
Falmattuu Sabaa: Qabsooftuu jabduu achi buuteenshee dhabamee maatiin balbala eegaa hafan
Maqaa qabsoo Famattuu Sabaa jedhamuun beekamti. Qabsoo barattootaatii hanga qabsoo hidhannootti dubartii jabinaan beekamtudha. Manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti dararaan irra gaheera. Erga dirree qabsoo hidhannootti seentees geerartee onnachiisti.
Naannoo Badhaadhinni kaadhimamaa hin dhiyeessine Tigraayitti filannoon gaggeeffamaa?
Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay, bakka filannoon shakkii keessa jirutti teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoof kaadhimamaa tokkollee akka hin dhiheessine tarreen kaadhimamaa BBBn gamaaggame ni mul'isa.
Caccabaa misaayeloota Iraan, Weest Baanki, Israa'el keessatti
Kuun isaanii hamma konkolaattota fe'iisaa xixiqqaa gahu, yeroo ji'a tokko ta'uuf guyyuma guyyaan lafarratti kukkufanii caccabaa turan, mooraa manneen barnootaa, daandiiwwanii fi tulluuwwan caccabaa meeshaalee waraana Baha Jiddugaleessaa guutanii jiru.
Yuunivarsiitiin 'AI' akka addunyaatti 2ffaa ta'u Itoophiyaan eegaluuf jettu maali?
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad yeroo adda addaatti waa'ee Yuunivarsiitii AI akka addunyaatti 2ffaa akka Afrikaatti ammoo isa jalqabaa ta'u toophiyaan bara 2027 eegaluuf kaayyeffatte irra deddeebin dubbatu. Ofii yuunivarsiitii AI kaayyoonsaa maali? Itoophiyaan maaliif yunivarsiitii AI irratti invast gochuu barbaadde? Dhaabbileen akkasii maal hojjetu,egeree akkamiis qabaachuu danda'u?
Yoo karoora nagaatti wal hin galle Iraan 'balaa hamaatu' eeggata - Tiraamp
Giddugala Bahaatti ergamaan addaa Tiraamp Istiiv Witkoof Ameerikaan ''qabxiilee 15'' waliigaltee nagaaf bu'uura ta'an Iraanitti erguu mirkaneessan. Iraan haalduree ofiin deebii kennuu gabaafamee ture.
Karoorri nagaa Tiraamp 15'n waraana dhaabuuf baasaniifi Iraan mormitu maali?
Tiraamp ''namoota sirriitti'' dubbataan jira jedhu, Iraan immoo mariidhumti adeemaa jiru hin jiru jetti.
Filannoo darberratti Finfinneetti Badhaadhina bakka bu'uun filataman keessaa dhibbentaa 60 ol kan biroon bakka buufaman
Filannoo marsaa 6ffaa A L I bara2013 gaggeeffanerratti paartii biyya bulchu bakka bu'uun Finfinneetti paarlaamaafi mana-maree magaalaatiif filataman keessaa dhibbentaa 62 kaadhimamtoota haaraan bakka buufaman.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, US fi Israa'el Iraan laamsheessine jedhu, Tehiraan akkamiin dhukaaftiree?
US fi Israa'el torbaanotaaf dandeettiin waraana Iraan laamshayuu himaa turan.
Viidiyoo, Ameerikaan humna lafoon Iraan seenuuf karoora addaa qabdii?
Qondaalonni waraanaa US, humna lafoo Iraan keessa bobbaasuuf karoora bal'aa qopheeffataa akka jiran michuu BBC kan tahe CBS gabaase.
Viidiyoo, Weellisaan jaalatamaa Daawwitee Mokonniin waa'ee karoora isaa maal hima?
Artist Daawwitee Mokonniin weellistoota fakkeenya ta'aniif keessaa tokko weellisaa Tsaggaayee Danda'aa ta'uu BBC'tti dubbate.
Viidiyoo, Waaqoon akkamiin taatummaarra gara qopheessaatti guddate?
Hojiiwwan aartii Afaan Oromoo hedduu kessatti jaalatamummaa guddaa kan goonfate Waaqoon akkamiin siitkoomii duraan itti hirmaachaa ture dhiise?
Viidiyoo, Iraan, Israa'el fi Amerikaan lola kanaan maal buufachuu fedhu?
Kaayyoon Ameerikaa, Israa'eliifi Iraan waraana kana keessatti qaban maal akka ta'ee viidiyoon kuni deebii qaba.
Viidiyoo, Israa'el akkamiin hogganaa nageenyaa Iraan Alii Larjaanii ajjeeste?
Israa'el haleellaa qilleensaa raawwatteen hogganaa olaanaa nageenya Iraan Alii Laarjaanii ajjeesuu himte. Iraanis boodarra mirkaneessite.
Viidiyoo, MM Abiy waraana Iraan gidduutti gara UAE maaliif imalan?
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad osoo Giddugala Bahaatti waraanni hammaatee itti fufee jirutti UAE daawwataniiru.
Viidiyoo, Shahed 136 - Diroonii Iraan 'balaafamaa' US fi Raashiyaan fakkeessan
Dirooniin Iraan akka rasaasaa dhuka’u Giddugala Baharraa darbee Ameerikaa yaaddessaa jira.
Viidiyoo, Meeshaaleen waraanaa US Iraan ittiin haleelaa jirtu maal fa’i?
Waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun Ameerikaan meeshaalee jajjaboo dhukaasaa jirti.
Viidiyoo, Mootummaan Itoophiyaa , TPLF fi Ertiraan yoo lola seenan maaltu mudata?
MM Abiy Ahimad hooggansi TPLF ''qophii waraanaa bal'aa'', ''bittaa meeshaa'' fi ''duula waraanaa gochaa jira'' jechuun himatan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Iraanirratti ejjennoon Tiraamp kami: Marii, dippilomaasiimoo doorsisa?
Ameerikaan biyya waraanatti jirtu tahuu dandeessi garuu gochaan Donaadi Tiraamp guyyoota darbee garuu makaa dippiloomaasiifi dubbii maqsuuti. Yeroo gariiin waan abjuu fakkaatu raawwata.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Misaa'eloonni Iraan magaalota Awurooppaa qaqqabuu danda'uu?
Iraan balastik misaa'elii gara buufata waraanaa waloo UK-US kan odolo Giyeegoo Gaarsiyaa Garba Indioyaarratti argamutti dhukaasuun ishee walitti bu'iinsi Baha Giddugaleessatti dhalate hammaachaa dhufuu isaa ifatti agarsiisa.
Haleellaan Iraan irratti baname akkamiin guutuu addunyaa raase?
Waraanni Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti eegalan erga eegalee torban sadii ta'uuf deema. Dhiibbaan isaammoo Giddugala Bahaarra darbee biyyoota addunyaa nagaa dhowwaa jira.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ajajaan Humna Eegumsa Warraaqsa Iraan IRGC-QC Esmaayil Qaanii lubbuun jiruu?
Erga Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 waraana Iraan irratti bananii yeroo jalqabaaf Ajajaan Humnoota IRGC-QF Esmaayil Qaanii ibsa kenne.
Mariin MM Abiy waraana keessa bulchitoota Arabaa waliin godhan maal hima?
Waraana Giddugala Bahaatti hammaateen kanneen yaaddoo seenan keessaa tokko Itoophiyaan nagaan akka bu'u gaafataa jirti.
Hoggantoota olaanoo Iraan 20 guyyoota 20 keessatti ajjeefaman
Rippabilikni Islaamaa Iraan erga Ameerikaa fi Israa'el torban 3 dura waraana irratti bananii as hoggantoota ishee hedduu dhabdee jirti.
Itoophiyaanonni viizaa Ameerikaa argachuuf hanga dolaara kuma 15 akka qabsiisan gaafatamuuf
Itoophiyaanonni daldalaafi daawwannaaf viizaa gara Ameerikaa deemuuf isaan dandeessisu argachuuf iyyatan maallaqa dolaara kuma shanii hanga kuma 15 akka qabsiisaniif gaafatamuuf.
Viidiyoon Benjaamiin Netaanitaahu gadhiisan yeroo xiinxalamu
Viidiyoofi suuraawwan sobaa Ministira Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahuu miidhamuu mul'isan miidiyaa hawaasummaa gubbaa bal'inaan qoodamaa ture.
MM Abiy pirezidantii Raashiyaa Puutin waliin dhimmoota waloorratti mariyachuu himan
Ministirri Muummee Itophiyaa Abiy Ahimad Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin bilbilaan mariyachuu himan.
MM Abiy boba'aan qusannaan akka fayidaarra oolu hubachiisan
MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ergaa dabarsaniin, sababa waraana Baha Giddugaleessaatti dhalatee torban sadaffaa seene kanaan dhiyeessiin boba'aa waan gufateef qusannaan wantota bu'uuraa barbaachisoo ta'aniif fayyadamuun akka irra jiraatu himan.
Ispoortii
Arteetaafi Gaardiyoolaa keessaa eenyutu waancaa Kaaraabaawoo caalaatti barbaada?
Morkiin Arsenaal fi Maanchistar Siitiin taasisan gara Wembileey ce'eera - garuu dhimmichi waan Waancaa Kaaraabaawoo qofa hin fakkaatu.
Kufaatii kileboota Piriimer Liigii fi taphoota Shaampiyoonsi Liigii haalan eegaman
Kileboonni Piriimer Liigii jaha wal faana yeroo jalqabaaf gara ramaddii kileboota 16 Shaampiyoonsi Liigiitti yeroo darban deeggartoonnii fi xiinxaltoonni kubba miilaa cimina Piriimer Liigiin qabu kaasuun dinqisiifataa turan.
Senegaal Waancaa Afrikaa mulqamuun 'haqa miti' jette, malaammaltummaa himatte
Konfedereeshiniin Kubba Miilaa Afrikaa Morookoon shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 akka taatu murteesse.
Arsenaal itti mudde, Siitiin si'achi balaa itti ta'u danda'aa?
Osoo taphoonni liigii saddeet hafanii morkiin Maanchistar Siitiin waancaa liigichaaf taasisu xumurameera jechuu hin dandeenyu.
'Evertan Arsenaalitti cimuunsaa hin oolu': Tilmaama taphoota Piriimer Liigii
Xiixalaan kubbaan miillaa BBC Kiriis Suutan taphoota Piriimer Liigii Ingilaand Sambataa hanga Wiixataatti taphataman kurnan tilmaameera.
Morkii kilaboota Ingilaand gufachiise, olaantummaa Arsenaal kilaboota Jarmanii irratti qabu obbaase
Kilaboonni ja'anuu gara saddeetiitti makamuu ilaalchisee tilmaamni Opta dhaan kenname, kan tapha dorgommii kilaboota 16 gidduutti gaggeeffamu dura kennamee tureerraa hir'ateera.
Kaardii diimaa 23: Tapha kubbaa miilaamoo lola jechisiise
Kubbaa miilaa keessa kaardiin diimaa tokkoon isaayyuu xiqqoo miti - haala taphaa, miiraafi morkiitti ibiddas, bishaanis naquu mala.
Dorgommii waancaawwan afurii: Morkii Arsenaliifi Siitii
Kilaboonni Ingilaand lama waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati. Waancaa Piriimiyeer Liigii, FA, Carabaawoofi Shaampiyoonsi Liigiif morkatu.
Cooma tiruu lubbuu baayyee galaafataa jiru akkamitti ofirraa ittisna?
Dhibeen cooma tiruu ykn fatty liver jedhamu dhibee mallattoo yeroo dheeraaf otoo hin agarsiisiin lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko.
Koornaa dabalatee kubbaan bakka dhaabbaterraa dhiitamu akkamiin akka Piriimer Liigii jijjiiraa jiru
Arsenaal kubbaa bakka dhaabbatee dhiituun goolii 14 lakkoofsisuun dursaa jira. Kun ammoo Piriimer Liigii keessatti yeroo kamirrayyu caalaa isa olaanaadha. Gama kaaniin Maanchester Siitiin kubbaa bakka dhaabatee dhiitamurraa goolii tokko qofa lakkoofsisuun bara kana Piriimer Liigii keessatti isa dhumaadha.
Morkii Arsenaal-Cheelsiifi taphoota Piriimerliigii eegaman
Dorgommiin Piriimerliigii torban 28ffaa har'aa hanga Jimaatatti gaggeeffame. Falmiin darbii Landan Dilbata Arsenaalifi Cheelsii gidduutti taasifamu imala taphoota imala waancaa murteessan keessaa ijoodha.
Shaampiyoons Liigii kilaboonni Ingiliiz dhuunfataniifi Riyaal Maadiriid mo'achuu isaa 'olaantummaa jibba sanyiiraatti' argate fakkeesse
Taphni dhumaa kaleessa kan gaggeeffame yoo ta'u, kilaboonni saddeet taphatanii afur darbuu yoo mirkaneeffatan, arfansaanii mo'amanii galaniiru.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.



































































![Sr. Aster Ayyaanaa [bitaa gara mirgaatti sadaffaa irra kan jirtu]1960 UN jalatti nagaa kabchiisuuf Koongootti yeroo ergamte.](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/240/cpsprodpb/a04f/live/036f7ab0-6326-11f0-af20-030418be2ca5.jpg.webp)


























