Dhukkubbii dubartootni yeroo laguu ittin rakkatan hir'isuuf qorannoon maal fide?

-

Madda suuraa, Getty Image

Ibsa waa'ee suuraa, -
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Eema Baklandi hanga dhaabbati baayooteek NextGen jedhamu bara 2023tti saamuda marsaa laguu ishee akka kennitu gaafatutti waa'ee marsaa laguu ishee baay'ee hin yaadne ture.

Dhaabbanni Kaalifoorniyaa Ookland keessatti argamu tokko saamuda laguu ishee akka kennitu wayita ishee gaafatu waan haaraa itti ta'ee ture.

Qorannoo dhukkubbii dubartoota yeroo laguu mudatan salphisuuf gargaaruu danda'u irratti hirmaachuu ishee gaafa bartu yaadicha irratti walii galte.

"Laguu koo kan natti dhufuu eegale yeroon umuriin koo waggaa 11 ture. Nan du'a jedheen yaade," jetti Emma kan amma Minnesota jiraattu.

"Haadha kootti hospitaala deemuun akkan qabu itti hime. Ergasii as ji'a ji'aan gara hospitaalaa deemuu akkan qabu natti dhaga'ama. Ji'a ji'aan ol na deebisa. Yeroon mana barumsaa dhaquu ykn sochii hawaasummaa kamiyyuu irratti hirmaachuu hin dandeenye jira. Miirri dhukkubbii gubuu, waraansi, ciniinuu fi kanneen biroollee natti dhaga'amu."

Dhukkuba endometriosis jedhamu kan tishuun gadameessaa, gadameessaan alatti guddatu akka qabdu baruuf waggoota 13 itti fudhate.

Addunyaa guutuutti dubartoonni miliyoona 190 ta'an haala kanaan rakkatu. Kunis dubartoota umuriin isaanii da'umsaa ga'e kudhan keessaa tokko dhukkubbii marsaa laguu waliin walqabatuun rakkatu.

Dubartoonni kunneen yeroo marsaa laguu garmalee dhiiguu, dhukkubbiin cimaan, rakkoo fincaan waliin wal qabatu akkasumas rakkoo dhala dhabuu isaan muudachuu danda'a.

Dubartiin tokko dhukkuba kana akka qabdu baruuf waggaa shanii hanga 12 fudhachuu danda'a, kanatu Eema mudate.

Ogeeyyii dhaabbata qoranno Next Gen kana keessaa tokko kan taate Ridahi Tarial qorannoon kun saffisaa fi gatii xiqqaan akka raawwatamuufi haalawwan biroo adda baasuuf kanneen hojjataniidha.

Saamuda laguu

Qorannoo laguu irratti gaggeefamu

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon saamuda fincaanii waggoota 6,000 oliif kan turedha. Qorannoo fincaanii booda saayinsiin babal'atee qorannoon bobbaa fi dhiigaallee itti dabalame.

Haa ta'u malee qorannoon dhiiga laguu irratti hin gaggeeffamne. Dhiiga laguu keessatti saamuda pirootiinii, hormoonii, baakteeriyaa, tishuu gadameessaa, ujummoo gadameessaa fi xannachi ovaariifaa argamuu danda'a.

"Saamuda seelii sana irraa argame dhiiga, hancufa ykn saamuda qaama biroo keessatti hin argamu. Kunis qorannoo kutaalee qaamaa walhormaata keessatti gahee qaban hubachuuf faayidaa qaba," jechuun ogeessotni kun kan ibsa.

NextGen tola ooltota irraa saamuda fudhachuun qorannoo taasisaa jira. Bara 2014 irraa eegalee dubartoota 330 ol irraa saamuda argame kuma 2 ol irratti qorannoo taasiseera.

''Dhukkubni gadameessa miidhu kamiyyuu saamuda laguutiin adda baafamuu danda'a,'' jetti Kiristiin Meetz, ogeettiin baayoloojii Dhaabbata Qorannoo Meedikaalaa Fenstin. "Dhukkuboonni kun gosa hedduudha."

Qorannoon seelii Gadameessaa irratti waggootaaf gaggeeffamaa tureera. Qorannoon kun rakkoo ujimmoo gadameessaa fi Xannaacha naannawa sanatti uumamu adda baasuuf kan gargaarudha.

"Saamudi dhiiga laguu garuu caalatti fayyaa gadameessaa hubachuuf faayidaa qaba. Waa'ee gadameessaa karaaleen biroo caalaa karaa qorannoo kanaa waan baay'ee argachuu n ni danda'ama," jedha ogeessi kun.

Qorannoon tokko gosoota pirootiinii 385 dhiiga laguu keessatti argaman adda baaseera.

Dhiigni laguu ji'a ji'aan kan mul'atu ta'uu bira darbee fayyaa gadameessaa waliigalaa qorachuuf karaa ijoodha.

Haa ta'uu malee saamuda dhiiga laguu irratti qorannoon hojjetame xiqqaa waan ta'eef ammallee wanti hin beekamne hedduudha.

Ridahiin ogeessa jeneetikii Piitar Giraagsan waliin qorannoo gaggeessaa jirti. Hanga ammaatti dubartoonni 3,700 qorannoo isaanii irratti hirmaataniiru. Bu'aan argame jajjabeessaadha jedhu.

Ridahi akka jettutti qorannoon isaanii dubartoota dhukkuba yeroo marsaa laguu qaban qaama isaanii keessatti tishuu gadameessaa hin miidhamne kan ulfa gadameessa keessa jiru akka baatu fi deeggaru akkasumas infekshinii irraa eegu taasisu argataniiru.

Mala qorannoo haaraa

Meeshaa qorannoo kana mana keessatti itti fayyadamuun akka danda'amuuf Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa irraa hayyammi eegamaa jira

Madda suuraa, NextGen Jane

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaa qorannoo kana mana keessatti itti fayyadamuun akka danda'amuuf Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa irraa hayyammi eegamaa jira

Qorattootni kunneen hariiroo seelonni marsaa laguu tokkoon tokkoon booda gadameessi akka haaromfamuuf gargaaran (stromal fibroblast cells)fi ulfa gidduu jirus qorateera.

Kunis ulfa baasuu fi haalawwan akka 'polycystic ovarian syndrome' (PCOS) wajjin walqabatee jira.

Saamuda dhiiga laguu karaa weerara hin qabne 'endometriosis' adda baasuuf gargaarudha.

Meeshaa qorannoo mana keessatti itti fayyadamuu danda'u kan hojjetanis yoo ta'u, Boordii To'annoo Qoricha Ameerikaa irraa hayyama eegaataa jira.

Akkasumas saamuda dhiiga laguu irraa RNA (RNA ykn mRNA) adda baasuun dhibee kana adda baasuuf qorannoo gaggeessaniiru.

Bara 2025tti NextGen qorannoowwaan kana gaggeessuuf maallaqa doolaara miiliyoona 1.62 argateera.

Xiyyeeffannaan qorannoo isaanii inni biraan hariiroo laguu fi umrii gidduu jirudha.

Sadarkaan hormooniin istiroojinii qaama keessa jiru akkuma dabalaa deemuun laguun umurii wajjin akka hir'atu ykn akka dabalu agarsiisa.

Akkasumas qorannoo isaanii itti fufuun dhukkuba (hypo or hyperthyroidism) kan qaamni hormoonii nyaata fudhachuu to'atu hangaa ol ykn xiqqaa ta'e yeroo oomishu, saamuda dhiiga laguu fayyadamuun uumamu adda baasuun isaanii ni yaadatama.

Ridahi akka jedhutti hormooniin meetaabolii qaamaa to'atan (thyroxine fi triiodothyronine) endometriosis waliin walqabatee jira.

Itti dabaluudhaanis, marsaan laguu qaama keessatti jijjiirama adda addaa kan fidu yoo ta'u, kunis dhukkuboota akka arthritis, lupus, fi multiple sclerosis jedhaman adda baasuuf gargaaruu akka danda'u dubbattetti

Qorannoon bara 2021 hanga 2024tti gaggeeffame akka agarsiisutti saamuda dhiiga laguu fayyadamuun dhukkuba sukkaaraa qorachuun ni danda'ama.

Dhaabbanni Kaalifoorniyaatti argamu Quvin hamma sukkaara dhiigaa safaruuf dhiiga laguu irratti qorannoo gaggeessee jira.

Qorannoo dhukkuba sukkaaraa dhiiga irratti hundaa'ee fi bara 2024tti Bulchiinsa Nyaataa fi Qoricha Ameerikaatiin akka mirkanaa'e beeksisaniiru.

-

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC

Ibsa waa'ee suuraa, -

Qorannoon bara 2022 Taayilaanditti gaggeeffame akka agarsiisutti saamuda dhiiga laguu fudhachuun HPV qaama keessa jiraachuu isaa adda baasuuf gargaaruu danda'a. HPVn carraa kaansarii gadameessaa ni dabala.

Hogganaan dhaabbata Quvin akka jedhanitti, saamuda dhiiga laguu dhukkuboota saalqunnamtiin daddarban kanneen akka Copxoo adda baasuu keessatti gahee akkamii akka qabu adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa jira.

Qorannoon Barliin keessatti gaggeeffames laguu fi dhukkuboota fayyaa walhormaataa waliin walqabatan adda baasuuf yaalaa jira.

Ammas dhiiga laguu irratti qorannoon baay'een hojjetamuutti jira. Qorattoonni akka jedhanitti wantootni inni of keessaa qabu ammallee guutummaatti hin hubatamne.

"Laguun akka waan nama qaanessuu fi waa'ee isaa dubbatamuu hin qabneetti ilaalama," jetti Ridahin.

Qorannoo fayyaa dubartootaaf maallaqni deeggarsaa kennamuu dhabuun qorannichiakka harkifatu ta'uu ibsiti.

Bara 2020tti qorannoon fayyaa dubartoota addunyaa dhibbeentaa 5 qofa uwwiseera.

"Qorannoo qoricha irra caalaan dhiirota irratti hojjetame. Namoota halluu gogaa adda addaa qaban irrattis hin xiyyeeffatne," jetti ogeettin kun.

Dubartoonni akka Eemaa ji'a ji'aan dhukkubbii laguutiin rakkatan qorannoon dursanii eegalamuu qaba ture jedhanii amanu.

"Sababa laguutiin dhukkubsachuun rakkina baayyee fi kophummaaf nama saaxilaa," jetti.

Sababa dhukkubbii kanaa dafanii adda baasuun dhiphina qaamaa fi sammuu hir'isuu akka danda'mus ibsite.