Obbo Shimallis Marroo waliin mari'achuuf qophiidha jedhan, WBO'n maal jedha?

Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Shimallis Abdiisaan Marroo waliin mari'achuuf qophii ta'u dubbatan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessatti nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari'achuuf qophii ta'uu dhihoo dubbataniiru.

Yaa'ii magaalaa Bishooftuutti taa'ameerratti argamanii haasaa taasisaniin dhimmi nageenya buusuu dhimma bulchiinsi isaanii dursa kennuuf akka ta'e kan himan.

Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessaatti, yaa'ii qophaa'eerratti hirmaattonni Gamtaa Qeerroo Oromoo jedhamu hirmaataniiru.

Ergaan ijoo isaas "Wal-ajjeechaan Obboleewwanii haa Dhaabbatu; Nageenyi Waaraan haa Mirkanaa'u!" jedhu ta'uu FBC'n gabaaseera.

Sagantaa kanarratti kan argaman bulchaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa nagaa buusuuf tarkaanfii buchiinsi isaanii fudhachuu danda'u ibsaniiru.

Dubbiin isaanii kuni keessumaa filannoo biyyaalessaa adeemaa jiruun dhimmi nageenyaa ajandaa yeroo ta'aa jirutti dhagahame.

Rakkoon nageenyaa Naannoo Oromiyaa keessa waggootaaf adeemaa jiru jireenya hawaasaa danqeera.

Dhimmoota ijoo bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimadiif qormaata ta'e keessaatis.

Obbo Shimallis wal tajjii kanarratti mootummaan isaanii mariif qophii akka ta'e irra deddeebiin ibsaa turan.

''Qe'ee Oromoo nagaa gochuun waan dursa kennamufidha,'' jechuun himan.

'Abdii haa ta'u, Marroo haa ta'u...'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Shimallis haasaa isaaniin ''Abdii haa ta'u, Marroo haa ta'u abbaa barbaade haa ta'u ana faana achitti dubbachuu barbaadu taanaan ani bakka isaan jiran(bosona) waliin dubachuuf nan dhaqa,'' jechuun dubbataniiru.

Kumsaa Dirribaan [Marroon] Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta'u, Abdiin immoo ajajaa zoonii giddugalaa hidhattoota WBO'ti.

Obbo Shimallis hidhattooti WBO bosona taa'uun miidhaa malee faayidaa hin qabu jedhu.

''Qe'een Oromoo nagaatti deebi'uu qaba. Qe'ee Oromoo nagaatti deebisuudhaaf mootummaan waan kamiifuu qophaa'aadha.

''Karaan nuyi hin yaalle hin jiru. Ijoolleen bosona jirtu kuni sababni tokko bosona keessa isaan deemsisu hin jiru.

''Waan Oromoo fayyadu tokko keessa hin jiru.

''Waan barbaachisu hunda compromise [waan nutti hafu hin qabnellee dhiifnee] goonee waan Oromoon qabu kenninee sadarkaa Oromoon danda'utti goonee fuulduratti tarkaanfachuudhaaf qophaa'aadha,'' jechuun Obbo Shimallis himan.

Dabaluunis, ''Jarri kuni qe'ee Oromoo gaaga'anii diinaaf karra saaqu malee waanti biraa wanti isaan fidan hin jiru,'' jechuun himan.

Kana duras, 'Akka barbaanne akka hin tarkaanfanne madaa mogolee kan nutti ta'e Shaneedha' jechuun himatanii turan.

Bulchiinsi isaanii rakkoo nageenyaa mariin furuuf kaayyoo akka qabu yeroo ibsaniis akkana jedhan.

''Nama dhuunfaa haa ta'u gareedhaan haa ta'u abbaa barbaaddan fidaa waan isin jettan hin fudhanna nuti.

''Kanaaf, mootummaan karaa nagaan dubbii kana xumuruuf qophaa'aadha. Karaa nagaatin alas dubbiin kuni hin xumuramu.

''Karaa sanii ala karaan jirus karaa nu fayyadu miti. Haa cufamu,'' jechuun himan.

Sagantaa isaan irratti argaman irratti Janaraal Hayiluu Gonfaa, Dr Diimaa Noggoo, ajajaan duraanii WBO damee gidduugalaa Obbo Sanyii Nagaasaafi kaanis mul'atu.

Aangawoonni mootummaa haala amma jiruun siyaasni Oromoo qabsoo hidhannoo hin barbaadu jechuun ibsu.

Sochii Gamtaa Qeerroo Dargaggoo Oromoo jedhamuufi ''afaan qawwee haa duudu' jechuun dhiheessaa jiru mootummaaf ''humna guddaa itti hora'' jechuunis himan.

''Obbolaan obbolaa ajjeesuu hin qabu kan jettan kun sagalee qawwee dhaabuudhaaf qabsoon isin gootan kuni seenaa Oromoo keessatti barabaraaf kan yaadatamudha.''

'Siyaasa wal dhahaati'

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan waggoota muraasa darbaniif mootummaa loluu itti fufan immoo yaada mootummaa faallessu dubbatu.

Gorsaan olaanaa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Obbo Jireenyaa Guddataa akeekni haasaa Obbo Shimallis '' dhugaa miti. Kijibadha,'' jedhu.

''Maaliif dhugaa miti jetta yoo naan jette jara kana har'a beekna miti. Akkaataa isaan siyaasa biyyasanaa ilaalan ni beekna,'' jechuun dubbatu.

''Ummata kanarratti lola labsan'' kan jedhan Obbo Jireenyaan, Obbo Shimallis ilaalcha ''yookiin amansiisi, yookiin burjaajessi'' jedhu amanu jedhan.

''Namoota malaammalu, maallaqaan bituu aangoo isinii kennina jedhanii ofitti harkisuu. Sana booda ummatichi rakkoon isaa furamee dhiifate dhimma keenya miti waan jedhu.

''Siyaasa isaan gaggeessan walumaagala siyaasa wal dhahaati,'' jechuun himatu.

Yeroo ammaa dhimma kana Obbo Shimallis kan kaasan filannoon waan dhihaatef akka ta'e yaada qaban ibsu.

Obbo Shimallis ''Marroos Abdiis deemee arguu niin danda'a bakka isaan jiranittuu jedha.

''Maaliif gaafa Jaal Marroon Daare Salaam ture addunyaa, Imbasiin, faranjiin bakka meeqaa dhuftee gaafa dubbisftu hayyama dhabee moo maal ta'ee irraa haferee?'' jechuun gaafatu.

''Namuma nagaadhaaf waan dhimmu nagaadhaaf waan hunda dabarsee kennuu barbaadu wayii tokko fakkeessee haasa'a. Kijiba jechuudha.''

Obbo Shimallis haasaa isaanii keessatti hidhattoota kana waliin waliigaluudhaaf mootummaan 'darbee akka simatu' himaniiru.

Yaada kana garuu Obbo Jireenyaan shakkii irraa akka qaban dubbatu.

''Compromise goona waan inni jedhu maallaqaafi aangoo siif kenna, akka nama dhunfaatti nama bitachuu malee gaaffiin sabaafi mootummaa sabni kuni irraa abdatu dhalootatti darbu tolchuudhaaf qophii ta'u dadhabuutu lolatti nama deebise.''

Dabaluunis, ''Namni galma sana keessa taa'ee harka walitti dhahu akkuma bara Mallasaa goota misoomaa maaloo jedhanii uffata wal fakkaataa uwwisanii diraamaa hojjechisaniiti.

''Kanaaf, hiika hin qabu. Waan isaan hojjetaniifi [dubbataniifi] waan isaan godhan takkaa walitti hin dhufu,'' jedhu.

Asiin dhimma nagaa dubbatu, achii tibbana Shawaa Bahaatti diroonii dhukaasaa turan, kanaanis ''ummatatu dhume dhugaa dubbachuuf'' jechuun himatani.

BBC'n addatti waa'ee haleellaa kanaa waan mirkaneeffate hin qabu.

Sochii Gamtaa Qeerroo Dargaggoo Oromoo jedhamuufi 'afaan qawwee akka cuqqaalamu' gaafatuufis deebii yoo kennan akkana jedhan;

''Qawween kan callisu gaaffiin sabaa sirnaan gaafa deebifamu qofaadha.''

Garee kana kanneen gaggeessan qondaalota farra riphee lolaati jechuunis himataniiru.

''Sagalee qawwee callisiisna kan jedhan isin callisaa isin ajjeesna, gaaffii saba kanaas hin deebisnu harka kennadhaa galaa barbaannaan waan bubuutuu isinii kennina jedhaniiti nama kiyyoo keessa galchuutti jirani,'' jedhu.

Rakkoo nageenyaa furuuf fedhii hin qaban ''afaanfaajji dhalchuudhaaf'' yoo ta'e malee jechuun qeequ.

Si'achi mariin hin jiruu?

Kana dura mootummaan federaalaa Itoophiyaafi WBO marsaa lamaan marii gaggeessaniif waliigalteerra gahuu hin dandeenye.

Mariin kuni danqamuu isaaf tokko isa kaaniin himata.

Maricha keessatti gama Naannoo Oromiyaa aangawaan hirmaatan akka turan kan dubbatan Obbo Jireenyaan, haasaan Obbo Shimallisis beekamtii mootummaa federaalaan ala hin ta'u yaada jedhu qabu.

''Shimallis kana dubbachuun isaa ummata Oromoofis, WBO'fis, isaaniifis waan godhu tokkollee hin qabu. Kana duras akkasuma dubbateera.''

Kunis, ta'u ammallee mariif qophii ta'u isaanii himu hidhattooti paarlaamaan Itoophiyaa tarree shororkeessaa jala kaa'e kuni.

''Yoo itti amanan yoomiyyuu taanaan walitti deebinee xumuratti gochuudhaaf qophiidha.

''Garuummoo ejjeennoodhuma isaanii isuma durii qabatanii dhufu yoo taate gatii hin qabu''jechuun dubbatan.