KALLATTIIN, Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraana Ameerikaa Jeneraal Raandii Joorj aangoo akka gadi dhiisan Peentaagoon gaafate

Ministiirri Ittisaa US Piit Heegset Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaa Ameerikaa Jeneraal Raandii Joorj aangoo akka gadi lakkisan gaafate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Haadha Alangee waliigalaa arii'e

    Paam Boondii

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp Haadha Alangee Waliigalaa Paam Boondii -michuusaa yeroo dheeraafi bulchiinsa isaa akkaan deeggartu hojiirraa arii'e.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaa dhuunfaa Truth Social irratti ishee leellisuun booda gara seektara dhuunfaatti ''ceetee'' jirti jedheeni.

    Hoggantummaa Boondii jalatti waajirri haqaa galmeewwan Eeppistiin baasuufi qorannoon isaan wal-qabatuun kan guutame ture.

    Hoggantuun nageenya biyya keessaa Kiritii Noom Bitootessa darbe aangoorraa buufamanuun booda Paam Boondiin nama lammataa aangoo guddaarraa kaate dha.

    Boondiin ittaanaashee Tood Bilaansheedhaan bakka buufamti.

    Hiree hojii aanuttiis ''Tiraampiifi bulchiinsa'' isaaf falmuu akka itti fuftu himte. Hojiin irratti bobba'uuf jirtu garuu hin ibsamne.

  2. Iraan wiirtuun calaltuu boba'aa Kuweet si'a sadaffaaf haleelte

    Boba'aa gubate

    Madda suuraa, Stringer/Anadolu via Getty Images

    Buufanni Kuweet boba’aa calalu Jimaata ganama irra deddeebiin Iraan dirooniin haleeluu booda abiddi qabachuun ibsame.

    Miidhaan qaqqabe hangam akka ta’e hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

    Miinaa Al-Ahimadiin calatuu boba’aa gurguddaa Baha Giddugaleessaatti argaman keessaa tokkodha.

    Calaltuun boba’aa kun guyyaatto boba’aa barmeela 346,000 qulqulleessa.

    Kuweet calaltuu boba’aa gurguddoo sadii kan qabdu yoo taatu, Miinaa Al-Ahimadiin waraana torban shaniif itti fufeen diroonii Iraaniin haleellaan irratti raawwatameera.

    Koroporeeshiniin Petirooliyeemii Kuweet fi hojjetoonni balaa abiddaa abidda uumame kana to’achuuf carraaqqii taasisa ajiraachuun barameera.

  3. Tiraamp riqicha Teehraanitti dhiyoo jiru haleelluu mirkaneessuun "tarkaanfiin waraana abiraa akka itti fufu" akeekkachiise

    Riqicha Iraan haleelame

    Madda suuraa, X/Mamlekate

    Doonaald Tiraamp riqicha Baha Giddugaleessaa keessatti hunda caalaa guddaadha jedhame Teehraanitti dhiyootti argamurratti haleellaa raawachuu mirkaneesse.

    Riqicha magaalaa Kaaraaj Teehraan waliin wal qunnamsiisa jedhame ijaarsa kan ture akka ta'e ibsameera.

    Haleellaa raawwatame kanaan namoonni saddet ajjeefamanii 100 kan ta'anirra ammoo miidhaan qaqqabeera.

    Ministirri dhimmaa alaa Abbaas Raagchii fuula X irratti "riqichawwan ijaarsi isaanii hin xumuramiin dabalatee, bu'uuraaleen misoomaa siviloota haleeluun Iraanonni akka harka kennan hin taasisu" jedheera.

    Araagchiin haleellaan Karaaj irratti raawwatame "diinni waan godhu wallaalee burjaaja'aa jiru mo'amuufi kufaatii agarsiisa"jedheera.

  4. Ameerikaan 'mootummaa jijjiirre' jettus Iraan ammallee bayyanachaa jirti

    Ayaatolaa Alii Kameenii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsi Donaald Tiraamp Roobii galgala dhimma waraana Iraan irratti kenne olaantummaa agarsiisuuf kan kaayyefate tahus, yaada walii faallaa ta'e qabaahuus saaxileera.

    Pireezidantiin Ameerikaa humni galaanaa, qilleensaafi misaayelaa, akkasumas bu'uurri misoomaa nukilaaraa Iraan akkaan barbadaa'uu himuun waraanni goolabamuu jalatti akka dhiyaachaa jiru ibse.

    Haatahu malee, Tiraamp torbanoota dhufanitti haleellaan akka jabaatus himeera.

    Ergaan dabarse maal akka himuu barbaadu baruun rakkisaadha: Injifannoon labsameera garuu wabiin hin jiru fakkaata.

    Dhimma kana waan jabeessu biraas dubbateera, Iraan boombiin haleeluun ''akka isaan bakka isaaniitti deebi'an, bara dhakaatti akka galan goona,'' jedha.

    Dubbiin kuni Iraan keessatti dhimma qabatamaan dhiibbaa uumu yoo tahu miidiyaa hawaasaa irratti ammoo mormitoota mootummaa Iraan Tiraamp jijjiirama fida jedhanii amananillee dheekkamsiiseera.

    Sirna mootummaa Iraan irratti dhiibbaa gochuurra inumaa miira biyya weerara jala jirtu jabeessaa jira.

    Tiraamp Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatoolaa Kaameenii Alii ajjeefamuun ''jijjiiramni mootummaa'' taasifameera waan jedhu dubbata. ''Amma hoggansa sababaan amanuufi mankaraaressaa hin taanetu hafe,'' jedhee amana.

  5. Peentaagoon Ajajaan Waliigalaa Waraana US aangoo akka gadhiisan gaafate

    Raandii Joorj

    Madda suuraa, Getty Images

    Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraana Ameerikaa Jeneraal Raandii Joorj aangoo akka gadhiisaniif Peentaagoon gaafachuusaa miidiyaan biyyattii CBS gabaase.

    Dubbi-himaan Peentaagoon Siin Paarneel ajajaan waraanaa biyyattii sababa sooramaan angoo gadi lakkisuuf akka jedhan fuula miidiyaa hawaasaa irratti barreessan.

    "Raandii Joorj akka ajajaa waliigalaa waraanaa 41ffaatti yeroo dhiyootti soorama babhu," jechuun barreessuusaanii miiidyaa US kan ta'e CBS News gabaase.

    Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaa Ameerikaa tokko aangorra kan turu waggaa afuriifi. Raandii Joorj ajajaa waliigalaa waraana US ta'uun kan muudaman bulchiinsa Joo Baayidan jalatti bara 2023 ture.

    Ajajaan waraanaa kun aangorraa akka kaafaman kan himame Tiraamp waraanni Iraan waliin gaggeeffamaa jiru "yeroo gabaabaa" keessatti ni xumurama erga jedhee boodadha.

    Raandii Joorj Waraana Galoo Galaanaa dabalatee waraana Iraaqiifi Afgaanistaanirratti nama hirmaataniidha.

    Amma aangoo Ajajaa Waliigalaa Humnoota Waraanaa US akka gadhiisan gaafatamuunsaanii maaliif akka ta'e ifatti hin ibsamne.

    Akka gaabasa miidiyaa US kanatti, Raandii Joorj ittaanaasaanii kan ta'an Jeneraal Kiristoofar LaNeve dhaan bakka bu'a.

  6. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo har'aa eegalleera.

    Toora marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp chaanaalii keenyaa odeeffannoo waktawaa biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenyu hordofaa.

    Tamsaasa kallattiin asii argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!