KALLATTIIN, Kaayyoon tarsiimawaa US Iraan keessatti qabdu 'goolabamuutti dhiyaateera' -Tiraamp

Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Iraan ilaalchisee Waayit Haawus keessatti ibsa kenneen Kaayyoon tarsiimawaa US Iraan keessatti qabdu 'goolabamuutti dhiyaateera' jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan haleellaa bal'aa Ameerikaafi Israa'el 'burkuteessu' akka gaggeessitu akeekkachiifte

    Meeshaa waraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubbi-himaan waraana Iraan, Ameerikaafi Israa'el haleellaa raawwachaa kan turan bakka "xiqqoorratti" xiyyeeffachuun akka ta'e ibsuun, Iraan haleellaa isaaniin "daaraa godhu, bal'aa fi barbadeessu" akka gaggeessitu akeekkachiise.

    Ibsi madda oduu Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin hidhata qabu Taasniim irratti bahe, Ameerikaa fi Israa'el humna waraanaa Iraan fi meeshaa isheen qabdu ilaalchisee odeeffannoon qabna "guutuu akka hin taane" eeree jira.

    Dubbi-himaan kun itti dabaluun, omshini waraanaa Iraan, "bakka tasa isin hin beeknedha jira," jedheera.

    Haasaa Pirezidant Tiraamp kuufama meeshaa Iraan harka caala akka barbadeesseera jedhe kufaa taasiseera dubbi-himaan kun.

    Ameerikaa fi Israa'el "haleellaa bananiif gatii baasuu qabu" jedheera.

  2. Iraan "abiddan isinitti roobsa" jechuun USfi Israa'elitti dhaadatte

    Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa

    Madda suuraa, AFP

    Iraan haleellaa cimaa ta'e USfi Israa'elirratti akka gaggeessitu akeekkachiifte.

    Dubbi himaan humna waraanaa Iraan yeroo dhiyootti "abidda isinitti roobsinu arguuf jirtu" jechuun itti dhaadatan.

    Miidiyaaleen Iraan akka ibsa Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamaa irraa kenname akka gabaasanitti, USfi Israa'el waa'ee dandeettii humna waraanaa Iraan abjuudhanuu odeeffannoo hanquu ta'e qabu.

    Humni waraanaa Iraan dandeettiifi meeshaa waraanaa USfi Israa'el hin argin akka qabuufi haleellaa cimaa ta'e irratti gaggeessuf qophiirra akka jiru ibse.

    Dubbi himaan waraana Iraan dabaluunis, meeshaan waraanaa Iraan kan omishamu "bakka isin tasumaa yaaddanii hin beeknettiidha" jedhan.

    Tiraamp "kuusaan meeshaalee waraanaa Iraan manca'aa jira, Iraan meeshaa waraanaa fixaa jirti" jechuun isa dubbate soba jechuunis ibsan qondaalli Iraan kun.

  3. Seneegaal seera namoota jaalala saala wal-fakkaataa keessatti hirmaatan waggaa kudhaniin adabu baaste

    Nama alaabaa Seeneegaal qabatee mul'atu

    Madda suuraa, EPA

    Seneegaal jaalala saala wal-fakkaataa yakka gochuun seera tumte. Pirezidaantiin biyyattii Bassirou Diomaye seera jaalattoota saala wal-fakkaataa yoo xiqqaate waggaa 10 adabu mallatteessan.

    Seerri Seneegaal haaraa baaste kun jaalala saala wal-fakkaataa akka yakkaatti ilaaluu qofa osoo hin taane, gochaawwan jaalala saala wal-fakkaataa jajjabeessan "akka yakkaatti ilaalamu" jette.

    Gochaa jaalala saala wal-fakkaataa keessatti hirmaachuun hidhaa waggaa 10 kan adabsiisu yoo ta'u, jaalala saala wal-fakkaataa maallaqaafi wantoota biraan jajjebeessuun waggaa sadii hanga torbaa akka adabsiisus seerri haaraa bahe kun ni ibsa.

    Paarlaamaan Seneeegaal seericha ji'a darbe kan raggaasise yoo ta'u, pirezidaantiin biyyattii ammoo amma irratti mallatteessuun seera jaalala saala wal-fakkaataa dhorku ta'uusaa mirkaneessaniiru.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) garuu seerri Seneegaal baaste kun mirga namootaa kan sarbuudha jechuun yaaddoo qabu ibse.

    Seneegaal keessatti jaalattoota saala wal-fakkaataa ta'uun duraanuu dhorkaa ta'us, yeroo dhiyoo as biyyattiin namoota jaalala saala wal-fakkaataa gaggeessu jette heddu to'achuu hordofeeti seerri addatti jaalala saala wal-fakkaataa yakka taasisuufi namoota gochaa kana keessatti hirmaatan seeran adabasiisu akka bahu kan taasifame.

    Ji'a Guraandhalaa keessa poolisiin seneegaal dhiirota 12 "seera uumamaa sarban" jedhe to'achuu beeksisee ture. Gaazexeessitoonnifi namoonni bebbeekamoon kanneen to'ataman keessatti argamu.

  4. DR Koongoon waggaa 52 booda Waancaa Addunyaaf darbuu hordofee guyyaa ayyaana waggaa labsite

    Garee biyyaalessaa DR Koongoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Dimokiraatika Rippaabilika Koongoo biyyattiin walakkaa jaarraa booda Waancaa Addunyaaf darbuu hordofee Ebla 1 guyyaa ayyaana waggaa biyyaalessaa akka ta'u murteesse.

    Gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Kibxata darbe 1-0 dhaan Jamaayikaa injifachuuni dorgommii Waancaa Addunyaaf kan dabarte.

    DR Koongoon waggaa 52 booda dorgommii Waancaa Afrikaaf darbuunshee biyyattii keessatti gammachuu guddaa uumera.

    Ministeerri humna namaafi qacarrii ibsa baaseen bu'aan gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa DR Koongoo argate mo'icha "seena qabeessa" ta'uu ibsuun kana sababeeffachuun tokkummaafi jaalala biyyaalessaa cimsuuf Ebla 1 guyyaa ayyaana waggaa biyyaalessaa akka ta'u beeksise.

    DR Koongoon Waancaa Addunyaaf kan dabarte si'a tokko qofa yoo ta'u, bara 1974 yeroo Zaayeer jedhamtee waamamtu ture.

  5. Iraan 'meeshaa waraanaa nukilaraa' hidhachuu geesseeturte -Tiraamp

    Dhimma waraana Iraan irratti Israa'el waliin tauun gaggeessaa jirurratti ibsa kan kenne Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan 'meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuuf xiqoomatu ishee hafa' jedhe.

    Waliigaltee nukilaraa Iraan waliin Ameerikaan mallatteessitee turte diiguu isaa ittin boona kan jedhe Tiraamp, mootummaan shororkeessaa akka Iraan 'nukilara hidhachuun yaaddoo bira darbamuu hin qabnedha' jechuun, Iraan irratti waraana banuuf sababa amansiisaa ta'uu isaa dhiyeesse Tiraamp.

  6. Pirezidant Tiraamp waraana Iraan ilaalchisuun Waayit Hawusitti ibsa kennaa jira

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Iraan ilaalchisee ibsa kallattiin Waayit Hawusirraa darbu kennaa jira.

    Jalqaba milkaa'ina Ergama Addeessaa Artemis II astiroonoomeroota afur erguun biyyattiin milkoofte jajuun eegale.

    Hawaa irrattis mooneerra erga jedheen booda, waraana Iraan keessatti gochaa jirruunis injifannoo ajaa'ibsiisaa galmeessineerra jedhe.

    Mootummaa abbaa irree waggoota 47 oliif Ameerikaa, Israa'eliifi michootaaf du'a hawwaa turre haleelleerra jedhe.

    "Amma humni mootummaa Iraan hojii ala gooneerra; gaggeessitoonni isaanii dhabamsiifamaniiru; amma yeroon asii dubbachaa jiru kanatti aanga'oonni Eegdota Warraaqsaa Rippabilika Islaamaa adabamaa jiru," jechuun dubbate Tiraamp.

    Akkuman bara bulchiinsa kootti Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuu h

  7. ASHAMAA! Tamsaasa kallattii jalqabneerra.