Iraan waraana kana dhaabuuf garaarraa fedhii qabdi, garuu haaldureewwan guutamuu qaban jiru- Pirezidaant Pezeeshkiyaan

Madda suuraa, IRANIAN PRESIDENCY / HANDOUT via Getty Images
Iraan waraana USfi Israa'el waliin gaggeessaa jirtutti xumura gochuuf barbaaddu ibsuun garuu haal-dureewwan guutamuu qaban akka jiran ibsan Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan.
Pirezidaant Masuud kana kan dubbatan pirezidaantii Kaawunsilii Awurooppaa waliin karaa bilbilaa erga mariyatanii booda ta'uu miidiyaalen Iraan gabaasan.
Haal-duree isaan kaa'an keessaa tokko waraanni gara fuulduraatti Iraanirratti akka hin labsamne wabiin qabatamaan jiraachuu akka qabuudha.
Waraanni kun akka dhaabbatuuf qabxiilee 15 US torbee darbe keessa Iraaniif ergiteef, Iraan deebii kenniteen yaaduma amma Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan kaasan gaafattee turte. Innis, gara fuulduraatti Iraanirratti waraanni akka hin labsamne wabiin qabatamaan jiraachuu qaba kan jedhu ture.
Ulaagaa Iraan gaafattee turte kan biraa US badii waraana kanaan Iraan irra gaheef beenyaa akka kaffaltuufi Ulaa Hormuuz irratti Iraan walabummaa guutuu akka qabdu beekamtii akka kennitu kan jedhuudha.
Waliin dubbiin Pirezidaantiin Iraanifi Pirezidaantiin Kaawunsilii Awurooppaa karaa bilbilaa taasisan carraa waraanichi karaa mariin dhumuu mala jedhutti wantoota abdii horan keessaa tokkoodha jedhama.


