Qondaala jeettii waraanaa US qabachuun Iraaniif 'badhaasa guddaadha'

Madda suuraa, Reuters
Hojjetaa jeettii waraanaa US achi buuteen dhabame argachuun Iraaniif waan guddaadha jedhu qorataan.
Dhaabbata Chaataam Haawusitti daarektarri US fi Kaaba Ameerikaa, Laawural Raap, hojjetaa US jeettii dhahame keessaa oolchuun Ameerikaaf ''ergama ijoodha'' jedhu.
Nama kanammoo Iraan yoo argatte Iraaniif ''badhaasa guddaadha'' jedhu.
Sababnimmoo, haalaan itti dhimma bahu jechuun himu.
Yoo qabatanii suuraa isaa gadhiisan keessumaa sababa waraanaan qeeqa jabaa ummanni US dhiheessaa jiru ittuu hammeessa jedhu.
''Yoo suuraan qoodame, akkaataa Ameerikaatii waraanni kuni ilaalamu haalaan jijjiira.''
Hojjetaan humna qilleensaa yoo qabame marii irratti Iraaniif carraa guddisa.
Mariinis walitti bu'iinsa tasgabbeessurra hojjetaa kana gara hiiksisutti ce'uu mala jechuun himu.
''Galmi duula kanaa ifa miti... ammoo walxaxaa ta'aa jiru,'' jechuun dubbatan.




