Ameerikaan 'mootummaa jijjiirre' jettus Iraan ammallee bayyanachaa jirti

Madda suuraa, Getty Images
Ibsi Donaald Tiraamp Roobii galgala dhimma waraana Iraan irratti kenne olaantummaa agarsiisuuf kan kaayyefate tahus, yaada walii faallaa ta'e qabaahuus saaxileera.
Pireezidantiin Ameerikaa humni galaanaa, qilleensaafi misaayelaa, akkasumas bu'uurri misoomaa nukilaaraa Iraan akkaan barbadaa'uu himuun waraanni goolabamuu jalatti akka dhiyaachaa jiru ibse.
Haatahu malee, Tiraamp torbanoota dhufanitti haleellaan akka jabaatus himeera.
Ergaan dabarse maal akka himuu barbaadu baruun rakkisaadha: Injifannoon labsameera garuu wabiin hin jiru fakkaata.
Dhimma kana waan jabeessu biraas dubbateera, Iraan boombiin haleeluun ''akka isaan bakka isaaniitti deebi'an, bara dhakaatti akka galan goona,'' jedha.
Dubbiin kuni Iraan keessatti dhimma qabatamaan dhiibbaa uumu yoo tahu miidiyaa hawaasaa irratti ammoo mormitoota mootummaa Iraan Tiraamp jijjiirama fida jedhanii amananillee dheekkamsiiseera.
Sirna mootummaa Iraan irratti dhiibbaa gochuurra inumaa miira biyya weerara jala jirtu jabeessaa jira.
Tiraamp Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatoolaa Kaameenii Alii ajjeefamuun ''jijjiiramni mootummaa'' taasifameera waan jedhu dubbata. ''Amma hoggansa sababaan amanuufi mankaraaressaa hin taanetu hafe,'' jedhee amana.
Dhimma kana ragaan deeggaru badaa waan jiru miti.
Caasaan aangoo Iraan ammallee otoo hin jijjiiramiin jira. Aangoon ammayyuu hogganaa olaanaa irraa gadi darba. Tahus yeroo ammaa kana hoggantichi to'annoo kallattii hangam qaba kan jedhu ifaa miti.
Diigamuun caasaas tahe jijjiiramni ilaalchaa hin jiru. Masuud Pezeeshkiyaan ammallee pireezidantii iIraanidha. Mohaammad Baaher Haalibaaf ammayyuu paarlaamaa geggeessa. Abbaas Araagaachii imaammata hajaa alaa hogganuu itti fufee jira.
Komaandarootaafi qondaaloti ajjeefaman namoota biroo ilaalcha wal-fakkaataa qabaniin bakka buufamaniiru. Inumaa haala waraana kanaaan ittuu mataa jabataniiru.
Kunimmoo mootummaan jijjiiramuu irra mootummaa dandamataa agarsiisa. Bayyanachuun akkasii kuni waan akka tasaa mudate miti.
Iraaniif kaayyoon waraanaa mo'achuu osoo hin taane dandamannaa dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggootaaf Iraan biyyoota addunyaa humna guddaa qabanirraa ooluu irratti xiyyeeffachuun milkaa'aa as geesseetti.
Isaaniif ''ammallee jirra'' jechuun kufuun booda waan jedhamu osoo hin taane - kaayyoo dha. Waraana baatii tokkoon booda caasaan Rippaabliika Islaamaa ammallee hojiitti jira. Laaffatus garuu hin cabne.
Haala kanaan iddoo Iraan irra jirtu ammallee murteessaa dha jechuu dha.
Ulaa Hormuuz daandii galaanaa boba'aan addunyaa harka 20 tahu irra darbu qabachuun otooma haleellaa jala jirtuuyyuu Iraaniif humna caalmaa kennaafi.
Kunimmoo Waashingitaniif ejjennoo akkaan hiramaa akka qabaattuu godhaani.
Ameerikaan waraana kana yoo dhaabde Iraan humna dandamannaa akka qabdu agarsiisa, yoo immoo itti fufte karaa ifaa injifannoo otoo hin qabaatin baasii guddaaf saaxilaanii.
Haasaan Tiraampis kanuma agarsiisa. Otoo waraana geggeessuu injifannoo labsuun dhimmoota lama araarsuuf yaalaa jira: laaqii waraanaa yeroo dheeraa keessaa bahuuf barbaadaa achimmoo olaantummaa akeekuu.
Dubbii Tiraampiin booda pireezidantiin Iraan waraanicha dhaabuuf ''fedhii murteessaa'' qabdi jechuun ergaa shallagame wayii dabarse.
Xalayaan banaa uummata Ameerikaaf barreesse gaafa Roobii miiidiyaa hawaasaa irratti qoodame ilaalchi ''Dursa Ameerikaaf,'' jedhu dhuguma US'f bu'aa buusaa jiramoo Israa'eliif lolaa jirti waan jedhu akka gaafatamuuf barreesse.
Ergaan kuni uummata US irratti xiyyeeffachuun Iraan ejjennoo marii akka hin geeddarre agarsiisu dhiibbaa gochuu dha.
Sararri diimaa Iraan waraana dhaabuu irratti qabdu hin geeddaramne. Innis:
- Mootummaa bayyaanatuufi walabummaa
- Haleellaa gara fuulduraa Ameerikaafi Israa'el wabii amansiisaa argachuu
- Haara galfii qoqqobbii hiika qabu kennuu
- Humni ofirraa ittisuu eegamuu qaba
Hamma ammaatti Iraan fedhiifi faayidaawwan kunneen akka geeddartu waan agarsiisu hin jiru.
Kuni egaa yoo haleellaa Ameerikaa fi Israa'el itti fufe geeddaramuu danda'a. Waraanni kuni humna waraanaafi diinagdee duraanuu kufaa jiru irratti dhiibbaa geessisuun shakkii hin qabu
Mootummaan kuni waraana kanarraa yoo hafe biyya rakkoo wal-xaxaa kanarraa hafte deebisee ijaaruutu irra jiraata.
Iraan wraana kana dandamachuun garuu bu'aa gad fagoo qabaachuu mala. Humna ofirraa ittisuu Iraan. Waggootaaf yaadoon haleellaa bal'aa Ameerikaafi Israa'el Iraaniif danqaa ture. Waraana kana keessaa nagaan baanaan, yaaddoon egeree hir'isa jechuu dha.

Madda suuraa, Getty Images
Haalli kuni ammummayyuu garee deeggarsaa geeddaraa jira.
Biyyooti Arbaa duraan Iraaniin mormaa tura amma garuu Tiraamp Iraaniin ittuu akka hin jabeessineefi akka ilaallatu gorsaanii jiru.
Akka isaan jedhanitti waraanichi goolaba roga qabu yoo hin arganne tasgabbii dhabuu waraana kana caalutu uumama. Ameerikaa caala immoo isaantu daafoo waraana kanaaf saaxilama
Kanaaf Ameerikaan garaa hiramee jabaa keessa jirti. Waraana kana dhaabuun humna bayyanachuu Iraan dhugoomsuu yoo tahu, galma dhumaa malee itti fufuun ammoo takaalama jabaa keessa seensisa.
Hamma yoonaa Iraan haaraan hin uumamne.
Yeroo waraanni kuni xumuramu Iraan akkasumaan itti fufti taanaan gaaffiin ka'u Waashingitan diinni mo'adhee mootummaasaa jijjiira jette otoo hin milkaa'ina hafa jechuu dha.












