Itoorikaa: Sirbi Teedii Afrooo haaraa baasee maaliif falmii kaase?

Madda suuraa, Teddy Afro FB
Kaasahuun Teewodiroos (Teedii Afroo) albama jahaffaa Itoorikaa jedhu dhuma torban kanaa baasuu hordofee deeggartootafi mormitoota biratti ijoo dubbii ta'ee jira.
Sirbi weellisaa kanaa ijoo dubbii ta'uun kun kan jalqabaa miti. Sirboota kanaan dura baasuunis haaluma kan ammaa kana fakkaatuun gariin cimsanii wallee isaarratti yoo isa qeeqan, kanneen isa deeggaranis turaniiru.
Sirba isaa ammaa keessaa, addatti "Daasa Xaal" jedhu Yuutuubii dhuunfaasaarratti fe'ame yeroo gabaabaa keessatti miliyoonotaan daawwatameera.
Waa'een albama Teedii erga bahee qofa osoo hin taane, baasuuf akka jiru guyyaa ibsee kaasee ijoo dubbii ta'uu eegale.
Teediin waggoota 25 darban keessatti sirboota garaa garaa kan jaalattootasaaf kan dhiyeesse yoo ta'u, waggoota kanneen keessatti muuziqaansaa falmii kaasuu hin dhiisne.
Sirbootasaa kan jajan akkuma jiran "sirna durii leellisa" jechuunis kan balaaleffatan salphaa miti. Muuziqaa Itoophiyaa keessatti nama beekamtii guddaa horate ta'uunsaa waan haalamu miti.
Ogeessa fiilmiifi barreessaa walaloo kan ta'e Yaareed Shumatee Teediin "ofta'ee bifa addaan dhufuunsaa" adda akka isaa taasisu BBCtti hime.
Teedii Afroo gaafa [muziqaa qabatee] dhufu, "nama biraa osoo hin taane of-ta'ee dhiyaachuunsaa, yeedaloon, sagaleefi malli ittiin sirbu of ta'ee dhufuunsaa adda isa taasisa" jedha.
Inni kan biraa nama tasgabbaa'aa ta'uunsaa artistoota kaan keessaa adda ta'uu isaa hima Yaared.
"Baay'ee hin jarjaru. Jechi wayii ykn yaanni wayii naa dhufe jedhee nama hariifatu miti," jechuun muuziqaasaa keessatti dandeettii miira nama keessa kaa'uu akka qabus hima.

Madda suuraa, TeddyAfro FB
Mormitoonnifi deeggartoonnisaa maal jedhu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeessi muuziqaa maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan BBCtti akka himanittu, Teediin nama ejjannoo qabutti cichee hafe ta'uunsaa namoota hedduu biratti jaalatamaa akka isa taasise himu.
Nama tasgabbiifi hubannoo cimaa qabu ta'uu ibsus. Muuziqaan yeroo gabaabaa keessatti ergaa guddaa kan nama keessa kaa'u waan ta'eef, keessumaa muuziqaa ergaa siyaasaa qabu mootummoonni akka sodaatan himu namni kun.
Ogeessi fiilmiifi barreessan walaloo Yaareed Shumatee ammoo Teedii itti dhiyeenyaan akka beekuufi yeroo hunda muuziqaansaa falmii akka kaasu hima.
Haata'u malee, falmiin akka ka'u kan godhu "Teediin itti yaadee falmii kaasuuf kan hojjatu osoo hin taane, warra isa mormantu dubbiin akka hafarfamu godha" jechuun kanneen ergaa muuziqaa Teedii irraa mormii qabanitti quba qaba.
Gama biraan ammoo keessumaa torban kana albamiin Teedii erga baheen booda miidiyaa hawaasaa irratti kanneen qeeqa cimaa dhiyeessan keessaa qabsaa'onniifi rogeeyyiin Oromoo adda drummaan ka'u.
Teediin sirboota isaa durii keessatti mootota darban kanneen akka Minilikiifi Hayilassillaasee leellisuun beekama. Mootonnifi sirni Teediin leellisu kunneen ammoo hawaasafi qabsaa'ota Oromoo heddu biratti baay'edhuma fudhatamummaa hin qaban.
Akkuma jaalattonni Teedii miliyeenan lakkaa'aman albama isaa haaraa bahe jaalatan, kanneen qeequun miidiyaa hawaasaa irratti barreessanis hedduudha.
Inumaayyuu artistoonni tokko tokko sirba haaraa qopheessuun Teediif sirbaan deebii kennaa jiru.
Teediin albama haaraa keessatti "ilmoon haadha ciniinsuu hin barsiistu" himni jedhu keessumaa "Itoophiyummaa namni nu hin barsiisu" kan jedhu, tuffiifi, sirna durii leellisuun kan guutameedha jechuun qeeqa irratti dhiyaatu keessayi.
Sirbi isaa 'Daas Xaal' jedhu kun ergaa falmisiisaa inni qabu biraan, hima bakka 'ofii gidduu qabatanii nuun moggaatti dhiiban' jedha. Qaama kana godhan jedhu garuu ifatti himuu baatus, namoonni isa qeeqan waan kun akeeku dudubbataafi deebii kennaa jiru.
Sirbi kun addatti siyaasa Itoophiyaa keessatti dhimmoota falmisiisoo ta'an akka alaabaa, afaan fi aadaa kaaseen faallaa qaama hawaasaa bal'aa weeddiseera.
'Galmee Seenaa'
Artist Galaanaa Gaaromsaafi Artist Yoosan Geetahuun waliin ta'uun sirba "Galmee Seenaa" Ebla 17, 2026 gadi lakkisan keessatti "sirba Teedii Afroof ergaa deebii kennuu of keessaa qabu kan fakkaatu" sirbaniiru.
Gaalaanaa Gaaromsaafi Yoosan Geetahuun ergaa ijoo "sirna kalee" kan jedhurratti xiyyeeffachuun "sirni kalee tasumaa hin deebitu" jechuun sirban.
"...gadoode dabalee, sichi hin deebitu sirni kalee..
qoree kan baasanii qoreedhanii, soba hin booyin naa jedhaan...." ergaa jedhu of keessaa qaba.
Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa kan ta'an Dr. Wandimmuu Taganyee ammoo albama Teediin baase, keessumaa sirba "Daas Xaal" jedhurratti qeeqa bal'aa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbatti barreessan.
Akka isaan jedhanitti, Teediin sirba isaa keessatti "sirni durii qofti akka waan sirrii ta'eettifi inni yoo hin jiraanne, baaxiin Itoophiyaa akka dhim'isuutti, tokkummaan dur malee akka waan hin jirreetti, rakkoofi gargar qoodamuun amma malee bara sirnoota "inni faarsuu" [Atseewwanii] akka waan hin jirreetti dhiyaate jechuun qeequ.
Qeeqi biraa Dr. Wandimmuun kaasan, garaagarummaa siyaasaa dhukkuba miiraa fakkeessanii dhiyeessuufi dhaadheessuun akka irraa mul'atu ibsu.
Itoophiyaan dur-malee amma akka waan abdii hin qabneetti, rakkoon biyyattii sadarkaa furamuun hin danda'amnerra akka waan gaheetti dhiyaachuu ibsuun, Itoophiyaan biyya seenaa gariifi gadhee keessa dabarte ta'uushee "Teediin sirba isaa keessatti hin ibsine" jechuun qeeqa cimaa irratti dhiyeessu.













![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)
