Itoophiyaan 'qabeenya waraabessaa' qabdutti maalif hin fayyadamin?

-

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraabessa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Maqaan waraabessaa gaariin ka'ee hin beeku. Baha Itoophiyaa kan waraabessi afaanitti gurshaniif irraan kan hafe ilaalchi hawaasni biyyattii waraabessaaf qabu kutaa Itoophiyaa hundattuu tokkuma jechuun ni danda'ama.

Yunivarsiitii Maqalee fi UK'tti kan argamu qorataan yunivarsiitii Sheefild Dr GIDAY Yirgaa garuu ilaalcha addaa qabu.

Qorannoo qoratanii waraabessi kunuunsa naannoo dabalatee gama hedduun faayidaa qabaachuu mirkaneessan.

Waraabessi kaarbanii gad-lakkifamu hir'isuu, naannoo qulqulleessuun dhibee ittisuu fi maallaqa qusachuu keessatti faayidaa ni qabu yoo jedhame eenyutu amana laata?

Waraabessi akkamiin kaarbanii gad lakkifamu hir'isa?

Jijjiiramni qilleensaa addunyaa hirriba dhorkee jira. Kutaa kaanitti ho'insi akka malee yoo hammaatu kaanitti immoo lolaatu biyya dhidhimsaa jira.

Waan jijjiirama qilleensaa hordofsiisu keessaa tokko kaarbanii gara qilleensaatti gad lakkifamu dha. Kaarbonii qilleensatti gad-lakkifamu jechuun ida'ama kaarbon daayoksaayidii fi gaazii miitenii fi gaazota giriinhaawusii kaani.

Itoophiyaatti hoolaa, lukkuu fi beeyladootni kuun erga qalamanii booda hafteewwan isaanii karaaarratti gatama.

Dr Giday akka jedhanitti, hafteen beeyladootaa kunneen yoo tortoran gaaziwwaan giriin haawusii akka miiteenii fi kaarbon daayoksaayidii gadlakkisu.

"Waraabeyyiin hafteen beeyladootaa osoo hin tortorin (decompose hin ta'in) dafanii waan nyaataniif gaaziin kun akka qilleensa naannootti gad hin lakkifamne godhu" jedhu.

Dr Giday qorannoo isaanii kan qoratan magaalaa Maqaleerratti. Bu'aan qorannoo kanaa magaalota biroottis hojiirra ooluu waan danda'u.

Akka agarsiiftuutti magaalaa Maqalee haa fudhannu. Magaalaa Maqaleetti qofa waraabessaa fi bineensonni raqa kaasan (scavengers) waggaatti kaarbonii qilleensatti gad lakkifamu meetirik toonii 1,063 ta'u hambisu.

Kunis kunuunsa naannoorratti waraaabeyyiin "gahee hin eegamne akka qaban" buusaa jiraachuu qorataan ni himu.

Maqalee qofatti beeyladoonni waggaatti qalaman miliyoona tokkoo ol ta'u. Hafteen beeyladoota harka sadi keessaa lama karaarratti gatama.

Kosii waliin waldhaansoo walqabuu waraabessaa

Kosii balleessuun qormaata magaalotaa isa olaanaa dha. Dr Giday qorannoo godhaniinis adeemsi magaalaan Maqalee kosii itti dhabamsiistu ''gad aanaadha'' jedhu.

"Gabaasaaleen akka agarsiisanitti kosii magaalattii keessaa 40% qofatu harama" jedhu. Sababa kanaan kosiin bakka hedduutti tuulamee arguun waan barame dha.

Waraabeyyiin kosii soorachuun magaalaa qulqulleessuu keessatti gahee olaanaa taphatu. Waggaa waggaan kosiin (organic waste) meetirik toonii 4,455 ta'u akka hir'isan agarsiisa qorannoon.

Waraabessa uumama kosii sassaaban jechuunii dandeenya. Akka qorannoon mul'isutti Maqaleen waggaatti dolaara 89,000 kosii walitti qabuuf ykn dhabamsiisuuf baaftu qusachuu dandeessi.

Waraabeyyiin kosii walitti qabamuu fi geejjibsiifamuu malu ni hir'isu. Uumama magaalaa qulqulleessan kan jedhamanis kanaafi.

Waraabessa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraabessa

Waraabeyyiin dhibee ni ittisuu?

Hafteen beeyladoota du'anii karaarratti gatamu titiisa, hantuura fi uumamoota dhibee daddabarsan harkisa.

Kosiin kuufamu baakteeriyaatu irratti wal hora. Kunis nama, biqiloota fi naannoos miidha.

Waraabeyyiin saffisaan haftee beeyladootaa soorachuun dhabamsiisanii dhibee ittisu jedhu Dr Giday.

"Jiraattonni baay'een akka jedhanitti bakka waraabeyyiin sooratanitti kosii baay'een walitti hin qabamu, titiisnis hin baay'attu" jedhu.

Waraabeyyiin karaa fi iddoowwan namoonni walitti qabanii kosii balleessuun carraa dhibeef saaxilamuu namaa hir'isu. Naannoo qulqulleessuun fayyaa namaa eegu jechuu dha.

'Waraabeyyii faayidaan isaanii hin biramne'

Waraabessi akka bineensa "balaafamaa fi faayidaa hin qabneetti "akka hubataman qorattoonni taajjabaniiru. "Qorannoon keenya garuu waraabessaaf ilaalcha addaa uuma" jedhu

Bineensonni kunneen kosii tooniiwwan biliyoonaan lakkaawamu karaarraa kaasu. Kaarbonii gad lakkifamu hir'isuun qulqullina eegu.

"Namoonni hedduun waan kana akka hubatan qorannoon keenya ni agarsiisa. Jiraattonni 72% waraabessi faayidaa qaba jedhanii akka amanan qorannoon keenya ni agarsiisa" jedhu Dr Giday.

Kanaafuu, waraabessa akka rakkoo qofatti laalurra, akka qaama waliin jireenya namootaa, bineensotaa, biqilootaa fi ilbiisotaa (urban ecosystem) tokkootti fudhachuun ''faayidaa isaanii'' hubachuun barbaachisaadha.

Itoophiyaan hanga yoonaa 'qabeenya waraabessaa qabdutti' hin fayyadamnee?

Qorataan gaaffii kanaaf deebii qabu. Kanaan dura gahee isaaniirratti qorannoon godhamuu dhabuun faayidaarra ooluun isaanii sababa tokko jedhu.

Imaammatootni karoora magaalaa (urban planning) fi kosii dhabamsiisuun (waste management) addatti namootaa fi teknolojii irratti kan fuulleffatan ta'uu eeru.

Sababa kanaaf tajaajilli bineensonni bosonaa kennan xiyyeeffannaa hin arganne.

Magaalonni yoo karoora baasan " haala namoonni fi bineensonni bosonaa wal faana itti fufan xiyyeeffannaa keessa galchuu qaba" jechuun gorsu.

Waraabessa

Madda suuraa, Getty Images

Waraabessaa fi jijjiirama qilleensaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eegumsa baayoodaayivarsiitii (naannoo lubbu-qabeeyyii) keessatti bineensonni faayidaa qabaachuu isaanii saayintiistonni duraanuu ni beeku.

Garuu bineensota magaalotatti deddeebi'an (urban scavengers) fi kaarbonii hir'isuu keessatti hariiroon jiru gadi fageenyaan hin shallagamne jedhu Dr Giday.

Bineensonni akka waraabessaa raqa kaasan (scavenging animals) kosii kaasuun akkamiin gaazii giriin haawusii akkamitti akka hir'isan ifatti agarsiisuudhaan "qorannoon keenya kan jalqabaa kanneen ta'an keessayi" jedhu

Eegumsa baayoodaayivarsiitii keessatti akkamiin jijjiirama qilleensaa qolachuun akka danda'amu agarsiisa.

Dhuguma, anniisaa haaromsamaa fayyadamuun, aara indaastiriiwwanii hir'isuun, fi anniisaa qusachuun fa'i gahee waraabessaa bakka bu'uu akka hin dandeenye sirriitti hubatamuu qaba.

Tarkaanfiiwwan kunneen jijjiirama qilleensaa qolachuuf gahee qaban qabatanii itti fufu.

"Qorannoon keenya karaa uumamaatiin jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti gahee qabaachuu isaaniirratti xiyyeeffata" jedhu.

Baayoodaayivarsiitii eegu fi bakka jirutti akka itti fufuuf, dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa uumu keessatti hawaasni gahee isaa akka bahu tumsa ta'a.

Saayintiistonni immoo furmaata karaa uumamaatiif beekamtii ni kennu.

Qorannoon Dr Giday akkamiin waraabessi karaa hin eegamneen qaama furmaataa akka ta'an agarsiiftuudha.

Gaheen waraabessaa kun "baasii illee kan qusatu" dha.

Waraabessa qorachuu

Dr Giday wayituma barataa yunivarsiitii Maqalee turani kan waayee waraabeyyii qorachuuf kaka'umsi isaan keessatti uumame.

"Naannawa yunivarsiitiitti halkan halkan yeroo baay'ee waraabessa arga ture. Biyyoota baay'eetti naannoo magaalotaatti bineensotni gurguddoo akkanaa (large predators) waan hin jirreef waayee isaanii baruun barbaade" jechuun yaadatu.

Magaalota akka Maqalee fi Harar fakkaatan keessa waraabessi nama faana jiraachuutti madaqeera.

"Hariiroo addaa" kana arguun, adeemsi waliin jiraachuu maal akka fakkaatu baruuf isaan kakaase.

"Hariiroon addaa kun, faayidaan waraabessarraa kan namoonni hin beekne jiraachuu danda'a jedhee akkan yaadu na godhe" jedhu.

Bineensonni kunneen magaalaa keessa jiraachuu qofa osoon hin taane, "magaalaas gargaaraa akka jiran" hubatan.

Kana hubachuun isaanii waraabeyyii irruma caalaa akka qoratanii fi namoonnis waayee faayidaa bineensota bosonaa akka hubatan gochuuf isaan kakaasu qorataan kun himanii jiru.

Waraabessa

Madda suuraa, Getty Images