Iraan-Hormuuz- Humna galaanaa fayyadamuun ulaa cufuun hangam milkaa'a?

Madda suuraa, Getty Images
US humna galaanaashee fayyadamuun Ulaa Hormuuz Iraanitti cufuunshee diinagdeen miidhuun harka kennachuu, biyyoonni biraa ishee waliin daldalanis akka irraa bitanii hin gurgurre gochuun sirna daldalaa jalaa jeequu kan kaayyeffateedha.
Malli US fayyadamte kun haaraa osoo hin taane, mala waraanaa durirraa jalqabee hojiirra oolaa ture yoo ta'u, qaama biraa harka kennachiisufi diinagdeen laamshessuuf kan hojiirra oolaa tureedha.
Humna waraanaa fayyadamuun ulaa galaanaa cufuun dhiibbaa uumuuf akka gargaaru seena waraanaa gurguddoo kana dura gaggeeffamaniirraa hubachuun ni danda'ama- garuummoo dhiibbaan inni qabu akkasuma wal-xaxaadha.
Keessumaa Waraana Addunyaa Tokkoffaafi Lamaffaarratti humna galaanaa fayyadamuun ulaa galaanaa cufuun dandeettii waraanaa biyya tokkoo akka miidhu qabatamaan mul'ateera.
Waraana Gaazaafi Yaman keessatti ammoo ulaa galaanaa cufuun rakkoon namoomaa guddaan akka uumamu taasisera.
Waraana Addunyaa I - Biroiteen Jarmanitti ulaa galaanaa cufte

Madda suuraa, Historica Graphica Collection / Heritage Images / Getty Images
Waraana Addunyaa 1ffaa (1914-1919) irratti humni galanaa Biriteen dooniwwan buufatawwan doonii Jarman seenaniifi bahan irratti to'annaa cimaa gaggeessuun itti milkooftee turte.
Buufataalee doonii Jarman qaamaan dhaqxee to'achuurra, sochii dooniwwan Galaana Kaabaa to'achuun Jarman meeshaa waraanaa akka qofaa osoo hin taane meeshaaleen daldalaa akka hin baanefi hin seenne gochuun Jarman daldala addunyaarraa akka adda citu goote.
Jarmaniin jalqabarratti biyyoota maloora garaa garaa fayyadamuun dandamachuu yaaltus, yeroo dheeraa booda miidhaansaa gola tokkoon tokkoo gola namaa lixuu eegale.
Bara 1916tti hanqinni nyaataa Jarmanitti mudate sadarkaa yaaddessaarra gahe. Beektonni seenaa akka jedhanitti, sababa Biriteen humna galaanaashee fayyadamuun buufataalee doonii Jarmanitti karra cufteef hanqina nyaataa mudateen lammiileen Jarman kumaan lakkaa'aman du'an.
Jarmanitti ulaan galaanaaa cufamuun qofaan akka mo'amtuuf sababa ta'uu baatus, dandeettii waraanafi diinagdee biyyattii miidhuu keessatti gahee guddaa taphateera.
Waraana Addunyaa 2ffaarratti Jaappaanitti karri galaanaa cufamuu

Madda suuraa, Galerie Bilderwelt / Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaappaan dhiyeessiin ulaa galaanaa irratti kan hundaa'e ta'uunshee Waraana Addunyaa 2ffarratti ugguraaf saaxilamtuu ishee taasise.
Biyya oddoolawwan garaa garaa irraa ijaaramte waan taateef, boba'aa dabalatee omishaalee dheedhii garaa garaa murteessoo ta'an dooniwwan daldalaa fayyadamuun gara biyya keessaa galchiti. Loltootasheefis nyaatafi dhiyeessii meeshaalee waraanaa kan dhiyeessitu dooniwwan fayyadamauuni.
Bara 1943 irraa kaasuun, dooniwwan waraanaa US galaana jala deeman (submarines) dooniwwan daldalaa Jaappaan haleeluun diinagdee Jaappaan garmalee jeeqe.
Waraanni Addunyaa 2ffaa gara xumuramuutti yeroo dhiyaatu, dooniwwan daldalaa Jaappaan hedduunsaanii manca'aniiru. Waraana booda qorannoo gaggeeffameen, uggura dooniwwan Jaappaan irra kaa'ameefi dooniwwan daldalaa heddu jalaa manca'uun diinagdee Jaappaan yeroo waraana keessa turtee heddu miidhuun kufaatiif akka saaxile agarsiisa.
Jappaan waraanicharratti mo'amtee harka kennachuuf boombiin nikularaa US magaalota Hirooshimaafi Nagaasaakii irratti darbatte mancaatii guddaa qaqqabsiisen sababa ijoo ta'us, uggurri yeroo waraanaa sochii dooniwwansheerratti godhames diinagdeen biyyatti garmalee akka miidhamu gochuun gahee guddaa taphateera.
To'annoo US bara 1962tti Kuubaa irratti taasifte

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo Kuubaafi US gidduutti mudamni misaa'elaa (Cuban Missile Crisis0 dhalate US sochii Sobviyeet Yuuniyeeniin gara Kuubatti taasistu to'achuufi dooniwwan Kuubaa seenaniifi bahan irratti to'annoo cimaa taasisaa turte.
Bara bulchiinsa Pirezidaant Joon F Kenedii, meeshaaleen waraanaa Sooviyeet Yuuniyeenii Kuubaa akka hin geenyeef, US humna galaanaa bobbaasuun Kuubaa to'achaa turte.
Kaayyoonsaa guutummaan ulaa bishaanii Kuubaa ugguruu osoo hin taane, misaa'elonniifi meeshaaleen waraanaa dabalataa Kuubaa akka hin geenye gochuu ture.
Gama biraan ammoo Mooskoon hariiroo Kuubaa waliin qabduufi misaa'ela Kuubatti irratti US waliin marii akka taasistu dhiibbaa gochuufi.
Oppireeshiniin US kun ji'a tokkoof kan gaggeeffame yoo ta'u, Sooviyeet Yuuniyeenii irratti dhiibbaa gochuuf kan kaayyeffateedha.
US humna galaanaa bobbaasuusheerraa kan ka'e dooniwwan Sooviyeetii hammi tokko US waliin muddama keessa galuurra jechuun of duuba deebi'aniiru.
Tattaaffii dippilomaasiifi dhiibaa to'annoo ulaa galanaa US taasifteen Sooviyeet Yuuniyeen misaa'eloota Kuubaa keesse baaste. US ammoo misaa'eloota icciitiin gara Turkii geessite akka baastu taasifame.
Qoqqobbii maaritaayimii UN Iraaqirra kaa'e

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Iraaq bara 1990tti Kuweet weeraruu hordofee, Manni Maree Nageenyaa UN qoqqobbii maaritaayimii cimaa Iraaqirra kaa'e. Kunis sochii dooniwwan daldalaa galaanarraa Iraaq to'achuufi hordofuu kan of keessatti qabatuudha.
Kunis bara 1990 irraa kaasee waggoota 10 oliif hojiirra kan oole yoo ta'u, dooniwwan daldalaa Iraaq sochii galaanarratti taasisan irratti dhiibbaa guddaa kan fideefi diinagdee biyyattii laamshesse.
Keessumaa al-ergii boba'aa Iraaqirra qoqqobbiin kaa'ame heddi ishee miidhe.
Dhiibbaa waraanaafi sochiin galaanarraa walitti ida'amuun Iraaqirratti dhiibbaa guddaa fideera.
Qoqqobbii Yugoslaaviyaa duraanii irra kaa'ame

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo Waraana Baalkaan, UN mootummaa duraanii Yugoslaaviyaa irra qoqqobbii maritaayimii kaa'ee ture.
Kunis, humni galaanaa NATOfi Gamtaa Awurooppaa sochii Yugoslaaviyaan galaanarratti taasiftu akka to'atuufi hordofuudha.
Bara 1992 hanga 1996tti dooniwwan heddu qabamuun sakatta'amaniiru, kaan duubatti akka deebi'an yoo godhaman kan ammoo to'atamaniiru.
Qoqqobbiin sochii daldalaraa Yugoslaaviiyaa irra kaa'ame qophaasaa waraana hambisuu hin dandeenye.
Dhiibbaa dippiomaasii, qoqqobbii maaritaayimiifi humna waraanaa fayyadamuun waliigalteerra akka gahamu godhame.
Uggura Gaazaa

Madda suuraa, Majdi Fathi / NurPhoto via Getty Images
Bara 2007 irraa kaasee uggurii Israa'el Gaazaa irra keesse sochiin daldalaa kamiyyuu karaa galaanarraa gara Gaazaa akka hin seennefi hin baane gochuuf kan karoorfameedha.
Humni Galaanaa Israa'el ammoo bara 2009 irraa ka'uun Gaazaa marsuun sochiin uummanni Gaazaa galaanarratti taasisu akka daanga'u gochuurratti shoora guddaa taphateera.
Israa'el Gaazatti ulaa galaanaa cufuunshee meeshaan waraanaa gara Gaazaa akka hin seenne gochuuf akka ta'e ibsiti.
Kanneen mirga namoomaaf falman garuu tarkaanfiin Israa'el diinagdee Gaazaafi jiruufi jireenya Filisxeemota Gaazaa jiranii heddu kan miidhe ta'uu dubbatu.
Israa'el sochii galaanarraa Gaazaa uggurtus meeshaan waraanaa Gaazaa akka galu gochuurratti guutummaan dhorkuu hin dandeenye, waraana Gaazaas hin hambisne.
Israa'el ammayyuu uggura Gaazatti karra bishaanii cufuu keesse akkuma itti fuftetti jirti, garuu nageenya waraafi furmaata siyaasaa fiduu hin dandeenye.
Uggura gamtaan Saawudiin durfamu Yamanirra kaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Gamtaan biyyootaa Sawudiin durfamu bara 2015 irraa kaasee buufataalee doonii Yamaniifi qilleensa Yamanirra uggura kaa'ee jira.
Kunis meeshaan waraanaa harka Huutii Yaman akka hin galle gochuu ykn xiqqeessuuf kan kaayyeffateedha.
Yaman diinagdeenshee harki guddaan buufataalee doonii qabdurratti hundaa'a. Uggurri buufataalee dooniisheerra kaa'amu ammoo kallattiin lammiilee nagaarratti dhiibbaa qaba.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sababa uggura kanaan, beelli, hanqinni nyaatafi boba'aa akka mudatu akeekkachiisaa ture.
Hordoffiifi uggurri kaa'ame yaaddoo nageenyaa jiru fedhii dhiyeessii namoomaa wajjin akka wal-simu jedhamee kan eegale ta'us, dhiyeessii irratti dhibbaa guddaa fideersa.
Uggurri buufataalee doonii galaanaa Yamanirra kaa'ame Huutii irratti dhiibbaa qabatamaa fidus, bu'aa yaadame fiduu hin dandeenye. Inumaayyuu rakkoon namoomaa wal-xaxaan akka uumamu godheera.












