Tiraamp Iraan kabaja kiyyaaf jecha murtii ajjeechaa raawwachuu dhiiste jedhe

Madda suuraa, reu
Iraan murtii ajjeechaa dubartoota saddeet irratti darbe raawwachuu dhiisuun kabaja naaf qabdu mul'isa jedhe Tiraamp.
Qondaalonni Tehraan ammoo murteen ajjeechaa raawwachuu akkuma karoorfametti kan raawwatu ta'uu ibsuun, Tiraamp dubbii sobaa tamsaasuu irraa akka of qusatu akeekkachiiste.
Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa irratti maxxanse keessatti ''oduu baayyee gammachiisaadha,'' jechuun dhimma kana ibse.
Bulchaan Ameerikaa kun yeroon waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga xumuramee booda akka itti fufu ibsuu booda yaada kana kenne.
Tiraam akka jedhutti dubartoota saddeet murteen du'aa irratti darbe keessaa afur ammuma gadhiifamu, afur ammoo hidhaa ji'a tokkoo booda bilisa ba'u.
''Iraan fi hooggantoonni ishee gaaffii kiyya kabajanii waan deebii kennaniif nan galateeffadha,'' jedhe Tiraamp.
Iraan waan Tiraamp jedhu kana hunda kuffisteetti. Tiraamp maqaasaa tolfachuuf jecha odeeffannoo sobaa facaasuurraa of haa qusatu jechuun akeekkachiiste.
Tiraamp Iraan Hormuuz banuu diduusheen baayyee rifateera. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroosaa obba'us akka itti fufu himeera Tiraamp, kunis homaa jijjiirama hin finne.
''Tiraamp dirree waraanaatti harka qullaa waan galeef amma oduu sobaa tamsaasuu jalqabe,'' jechuun miidiyaan Iraan tokko gabaaseera.


