Erga Tiraamp dhukaasa dhaabuu dheeressee dooniiwwan sadii Ulaa Hormuuzitti haleelaman

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu dheeratus, Iraan ammayyuu US waliin mariyachuuf dhiisuu irratti hin murteessine jette.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maanchister Siitiin Piriimer Liigii dursuu jalqabe

    Maanchister Siitiin yeroo dheeraa booda Piriimer Liigii dursuu jalqabe.

    Barnilee 1-0 kan mo'ate Siitiin Arsenaal irraa dursummaa isaa fudhate.

    Arsenaal torban kana Niwkaasil waliin morkata. Barnileen Piriimer Liigii keessaa bu'e. Woolvisis akkasuma Liigicha keessaa baheera.

  2. Maanchister Siitii haala amma jiruun Piriimer Liigii dursuu jalqabe

    Maanchister Siitiin haala amma jiruun Piriimer Liigii dursuu jalqabe.

    Maan Siitiin Barnilee 1-0 dursaa jira.

    Erliing Haalaand galchii lakkoofsiseen Siitiin dursaa jira. Taphoota isa hafan hunda mo'atee baay'ina galchiin Arsenaaliin yoo caale waancaa mo'achuu danda'a.

  3. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabee hulaa Hormuuz hin bannu- Iraan

    Bakka bu'aa Jila Iraan, Mohaammad Gaaliif

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Bakka bu'aa Jila Iraan, Mohaammad Gaaliif

    Jila Iraan bakk bu'uun marii irratti dhiyaachaa kan ture Mohaammad Baager Gaalibaaf ''yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabetti Hulaa Hormuuz banuu hin dandeenyu'' jedhan.

    Dhukaasa dhaabuu cabe keessaa tokko kan jedhan Ameerikaan akka dooniiwwan Iraanii bahanii fi gara Iraan deeman hin seenneef dhorkuu akka tahe hime.

    Kun dinagdee addunyaa ''ugguruudha'' jedhan bakka bu'aan Iraan kun.

    Israa'el adda waraanaa hundaan waraana banuu ishees qeeqaniiru.

    Ameerikaa fi Israa'el kaayyoo isaanii karaa waraanaa milkeessuu hin dandeenye jedhe.

    Akkasumas doorsisaan milkeessuu hin danda'an jedhan.

    Karaan furmaataa tokkichi mirga Iraanotaaf beekamtii kennuudha jedhan.

    Gaalibaaf Itti Aanaa Pirezidaantii US, JD Vaansi waliin Paakistaanitti mari'ata jedhamee eegamaa ture.

    Garuu ammaaf yoom akak jalqabu hin baramne. Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu har'a xumuramuuf ture dheeressuu hime.

    Iraan ammoo har'a hulaa Hoormuuz keessatti dooniiwan lama to'achuu ibsite.

  4. Cheelsiin leenjisaa isaa Liyaam Rooziner ari'e

    Liyaam Roozinar

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Liyaam Roozinar

    Cheelsiin leenjisaa ji'a afur dura qacare Liyaam Roozinar hojiirraa gaggeesse.

    ''Murtoo salphaatti fudhatame miti, Garuu qabxii eegamuu gadi waan galmaa'eef murtoo kana fudhanne jedhe Cheelsiin.''

    Biraayitaniin 3-0 kan mo'ame Cheelsiin erga bara 1912 as yeroo jalqabaaf osoo galchii tokkollee hin galchiin walitti aansee taphoota shan mo'ame.

    Roozinar taphoota 23 keessaa 11 qofa mo'ate. Kontiraata waggaa shanii mallatteessee ji'a afur booda ari'ame.

    Duraan kileba abbaa qabeenyaa tokko jalatti bulu Istiroosbarg leenjisaa ture.

    Leejisaan Fuulham Maarkoo Silvaa, kan Barnimooz Andaanii Ariyoolaa fi kan Boorushiyaa Doortimond Teerzish bakkichaaf kaadhamamaniiru.

  5. Tiraamp Iraan faana guyyoota muraasa dhufanitti mariin 'jiraachuu mala' jedhe

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Donaald Tiraamp mariin nagaa marsaa lammeessoo Jimaata eegaluu danda'a jechuu isaa New York Post gabaase.

    Gaazexaan kun oduu kana qondaalota Paakistaan irraa dhagahuu hime. Qondaalonni Paakistaan mariin sa'aatiiwwan 36 hanga 72 gidduutti taa'amuu danda'a jedhan. Yoo gaazexaan kun kana maxxansetti Tiraamp, deebii gaazexaaf kanaaf ergaa gabaabaan kenneen,"Ni danda'ama! jedhee deebise!

    Kaleessa, Traamp, yeroo dhukaasa dhaabuu Iraan waliin waliigalame kan Roobii xumuramu dheeressuu hime,kun immoo sirnichaaf ''karoora waloo'' qabaatee waraannis dhaabbatu yeroo gahaa kennuufi jedhe.

  6. Loltuun Faransaay lammaffaan Libaanos keessatti ajjeefame prezdant Maakroon himan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltuun Faransaay lammaffaan Libaanos keessatti ajjeefame

    Loltuun Faransaay lammaffaan kan ergama naga-eegumsaa UN keessa jiru Libaanos keessatti ajjeefamuu pirezdantiin Faransaay Immaanu'eel Maakroon himan.

    Ergaa karaa fuula X dabarsaniin, Maakroon Corporal Anicet Girardin kaleessa biyyatti deebifamee har'a du'uu ibsan.

    Sanbat-duraa, naga-eegaan Faransaay kan kibba Libaanositti ergama nageenyaa UN keessa ture konkolaataan paatroolii inni irra ture gubachuu hordofee du'e. Maakroon, haleellaa Hezboolaatiin du'uu himan. Hezboolaan taatee kanaa waliin ''hidhata tokkollee'' hin qabu jechuun haale.

    Lolltoonni biraa lama madaa'anii turan.

    Maakroon waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hezboolaa fi Israa'el ''guutuutti'' akka deeggaran ibsan. Ammoo lolli itti fufu waliigalticha akka gaaffii keessa hin galchine yaaddoo qaban ibsan.

    Hezboolaan hidhannoo akka hiikkatuu fi Israa'el daangaa Libaanos akka kabajju Maakroon waamicha godhan.

  7. Iraan nama Israa'elii basaasa jettu biraa fannifte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Iraan Roobii nama caasaa tikaa Israa'el Mossad'iif basaasa jettu tokko fannifte.

    Miidiyaan Iraan namni kun caasaa murteessaa mootummaa, passive defence committee [basaasa haleellaa dursee xiinxalu] keessa akka hojjetuu fi Mosaad faana qunnamtii akka qabu gabaase.

    Kibxata, Iraan nama kan biraa mormii Amajjii keessa mootummaa Iraan irratti ka'ee waliin hidhata qabaachuu fi Mosaad faana qunnamtii qaba jettuun fanniftee turte.

    Iraan erguma waraanni eegalee, namoota kaan Israa'eliif basaasu jettuun hedduu fannifte. Kaan immoo garee mormituu mootummaa Mojahedin-e Khalq Organisation, waliin hidhata qabaachuu fi mormii Amajjii darbee kakaasuun fannifte.

    Kibxata immoo, Abbaan alangaa biyyattii himata Donaald Tiraamp Iraan dubartoota saddeet fannisafamuuf jiran gadlakkisuu qabdi jedhu fudhatama dhorke.

    Miidiyaan abbaa alangaatiin hogganamu Mizan News Agency pireezdaantiin Ameerikaa "oduu sobaa miidiyaa ''jibbiinsaan '' tamsa'uun dogoggorsiifameeti malee dubartoonni saddeettan dur gad lakkifaman jedhe. Kuun immoo himannaa murtoo du'aaf isaa saaxilu hin qaban jedhe.

  8. Buruunoo Fernaandez osoo Maan Siitii keessa tahe Ballon d'Or mo'ata- Poogbaa

    Buruunoo Fernaandez

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Buruunoo Fernaandez

    Taphataan duraanii Maan Yuunaayitid Pool Poogbaa waayilli isaa duraanii Buruunoo Fernaandez osoo garee akka Maan Siitiif taphata tahee silaa badhaasa ballon d'Or mo'ata ture jedhe.

    Poogbaan marsa alama Yuunaayitidiif taphatee bara 2022 gara Juuvantasitti deebi'e.

    Buruunoon osoo taphattoota ciccimoon marfamee taphata tahee maqaa fi badhaasa guddaa argata ture jedhe.

    Fernaandez bara kana qofa kubba 18ffaa mijeessee kennuun rikardii Heenerii fi Keevin De Biruun cabsuuf lama qofatu isa hafa.

    Poodkaastii Riyoo Feerdinaand irartti kan dubbate Poogbaan Buruunoon taphattoota sadii badhaasa Ballon D'or mo'achuu danda'an keessaa tokko ture jedhe.

    Gahumsi isaa bara kana taphataa cimaa bara kanaa tahee akka filamuuf isa geesisa kan jedhe Poogbaan Fernaandez hin dadhabu. Bakka hunda jira. Kubba tokko tuqee dabarsuu, goolii galchuu, cimina sammuu addaas qaba jedhe.

    Garuu badhaasa akka Ballon d'Or'f kan geessu yoo waancaa mo'atte qofa jedhe. Fernaandez bara 2020 Ispoortiing Liisban irraa paawondii miliyoona 47'n Yuunaayitid gale.

    Taphoota 322 irratti hiriiree galchii 106 lakkoofsiseera.

  9. Iraan dooniiwwan daldalaa to'atte gara qaama bishaaniisheetti dabarsite

    IRGC dooniiwan lama Hulaa Hormuuz keessatti to'achuu hime

    Madda suuraa, AGUSTIN ALAPONT VIA MARINE TRAFFIC

    Ibsa waa'ee suuraa, IRGC dooniiwan lama Hulaa Hormuuz keessatti to'achuu hime

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, IRGC dooniiwwan to'ate lama nan qoradha jechuun gara daangaa qaama bishaanii Iraanitti dabarseera.

    Ibsa IRGC baaseen dooniiwwan lameen MSC Firaanseeskaa fi Epaaminondas jedhaman gara daangaa Iraanitti dabarfamuun ragaaleen isaanii fi fe'umsi isaanii ni sakatta'ama jedhe.

    Dooniiwwan kunneen ''eeyyama malee socho'aa turan'' jedhe. Itti dabaluun irra deddeebiin ''ajajakoo cabsaniiru'' kan jedhe IRGC Hulaa Hormuuz keessaa icciitiin bahuuf turan jedhe.

    BBC addatti himata kana qulqulleessuu hin dandeenye.

    Humni galaanarraa IRGC sochii hulaa Hormuuz keessaa hordofaan jira jedhee kanneen seera cabsan irratti tarkaanfii nan fudhadha jedhe.

  10. Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniwwan daldalaarratti dhukaasa banan

    Doonii Ulaa Hormuuz irra jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Eegdonni Warraaqsaa Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan konteenara fe’anirratti dhukaasa banuu Wiirtuun Daldala Geejiba Galaanaa UK (UKMTO) beeksise.

    Bidiruun waraanaa Iraan akeekkachiisa tokko osoo hin kenniin doonii konteenara fe’aterratti haleellaa raawwachuun miidhaa cimaa geessisuun ibsameera.

    Humna Galaanaa Biriteeniiniin kan hoogganamu UKMTO, haleellaan kun kan raawwatame bakka Kaaba-baha Omaanitti argamuttidha.

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan kun, “bidiruun meeshaa qiyyaafate” gara doonichaatti dhiyaachuun akeekkachiisa raadiyoo tokko malee ykn nagaa osoo hin gaafatiin “dhukaase bane” jechuun “miidhaa gudda riqicha [bakka doonicha ittiin to’atan] irraan miidhaa geessiseera,” jedhe.

    Dooniin Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraaniin haleellaan irratti raawwatame kun kan kapmaanii Giriik ta’uu BBCn mirkaneeffachuu danda’eera.

    Odeeffanno biroo kana waliin deeman:

  11. Abdiin marii Paakistaanitti gaggeeffamuuf turee 'dukkanaa'aa' jira

    Daandii cufame

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Islaamaaditti sababa mariin ni gaggeeffama jedhuun karaan humnoota nageenyaan cufamee mul'ata

    USfi Iraan Paakistaanitti wal-gahanii mariyatu jedhamee osoo eegamuu, Islaamaabaadis keessummootatu dhufa jettee qophii cimaa taasistus lamaansaanituu hin argamin hafan.

    Iraan US waliin mariyachuufuu murteerra hin geenye jette. Jilli ittaanaa pirezidaantii JD Vaansiin durfamu gara Paakistaan imaluufi osoo jedhamuu imalichi haqamuu Waayit Haawus beeksise.

    Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu godheera; garuummoo abdiin biyyoonni lamaan walitti dhufanii mariyachuuf qaban waan dukkanaa'aa deeme fakkaata.

    Jalqaba Tiraamp gaafa haleellaa banu, Teehraanitti mootummaan jijjiirameera jedhee ittiin dhaadataa ture. Akka inni jedhe ta'uu baatus, mootummaa Iraan daddaaqame waliinuu mariyatee waliigalteerra gahuu hin dandeenye.

    Iraan gaggeessitoonni heddu jalaa ajjeefamanis, hojii dippilomaasii UStti qormaata gootee jirti. Iraan US waliin mariif taa'uu qophii hin qabu jechuun inumaayyuu US waraana biraaf qophaa'aa akka jirtu himatte.

    Gorsaa afa yaa'ii paarlaamaa Iraan Mohaammad Baghaar akka jedhanitti, Tiraamp yeroo bitatee haleellaa tasaa Iraanirratti gaggeessuuf qophaa'aa jira.

    Paakistaan garuu qophii marii taasiste ammayyuu adda hin kutin jirti; biyyoonni lamaan tarii mariif dhufu malu jechuun eegumsi magaalaa Islaamaabaad akkuma itti fufetti jira.

    Garuummoo, torban kana wal-gahanii mariyatu abdiin jedhu dhumataa waan deeme fakkaata.

  12. Tiraamp 'maqaa dhukaasa dhaabutiin nu haleeluuf yeroo bitataa jira- Iraan

    Mahdi Mohammadi

    Madda suuraa, Mahdi Mohammadi

    Doonaald Tiraamp waliingalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu gochuunsaa Iraaniif "homaa hiika hin qabu" jechuun "haleellaa biraaf qophaa'aa jira" jedhan qondaalli olaanaan Iraan.

    Maqaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressuun haleellaa tasaa Iraanirratti banuuf yeroo dabalataa bitachaa akka jirus himan.

    Gorsaa olaanaa afa yaa'ii paarlaamaa Iraan Mohaammad Baghee kan ta'an Mahdii Mohaammadii Tiraamp "haleellaa tasaa Iraanirratti banuuf yeroo bitataa jira, yeroo dhukaasa dhaabuu dheeressuun homaa gatii hin qabu" jechuun dubbatan.

    Tiraamp buufataalee doonii Iraan ugguree akka itti fufu gochuunsaa "haleellaa boombii gaggeessuun garaa garummaa hin qabu" kan jedhan Mahdii Mohammadii Iraan tarkaanfii waraanaa cimaa akka fudhattu akeekkachiisan.

    "Yeroon itti Iraan tarkaanfii waraanaa cimaa fudhattu dhufee jira," jedhan ergaa fuula X irratti barreessaniin.

    Humni Galaanaa US uggura buufataalee doonii Iraanirra kaa'e akkuma itti fufetti jira.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  13. 'Iraan marii marsaa ittaanu US waliin taa'uuf ammayyuu hin murteessine jette

    Ismaa'eel Baghaayi

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp osoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu hin dheeressin durayyuu marii silaa Paakistaanitti gaggeeffama jedhamerratti hirmaachuuf akka hin murteessine ibsitee turte.

    Ministiira dhimma alaa Abbaas Araagchii dabalatee qodaalonni biyyattii heddu dhimma kana afaanuma tokko dubbachaa turan.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baghaayi BBC waliin turtii taasisaniin, Iraan US waliin Paakistaanitti mariyachuuf waanti murtaa'e akka hin jirre irra deebiin mirkaneessan.

    Iraan marii marsaa jalqabaarratti gara Islaamaabaad kan deemte "miira gaariifi fedhii guddaan ta'us, qaamni biraa [US] mariif fedhii osoo hin qabaatin dhiyaate," jechuu US mariiif fedhii gaarii akka hin qabaanne himan.

    Tiraamp guyyaa guyyaan waanti barreessu ijjannoo jijjiiruu, sodaachisuu, waan hundumaa haleelen balleessa jechuunsaa Iraan marii marsaa ittaanuuf taa'uuf US irraa amantaa akka dhabdu taasisuus himu.

    Waayit ibsa baaseen jila marii US qabachuun gara Paakistaan imaluuf kan turan JD Vaans imallisaanii haqamuu ibse.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressuus Iraan marii marsaa ittaanu irratti hirmaachuuf ammas hin murteessine jette.

    Odeeffannoo dhimma waan Baha Giddugalaatti deemaa jiruufi kaan duuka buunee isin biraan geenya.

    Toora Marsartii, Facebook, Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!