Amma waancaan gara Siitii caalsifataa jira, garuu Peep gaabbii qaba. Maaliifi?

Pep Gaardiyoolaan Bernaardoo Silvaatti yeroo seeqan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pep Gaardiyoolaan Bernaardoo Silvaatti yeroo seeqan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maanchistar Siitiin yeroo morkiin Pirimeer Liigii cimee jirutti dirree Barnileey dhaqee injifachuuf daqiiqaa shan qofatu isa barbaachise.

Deeggartoonni Siitii Tar Muuritti (dirree Barnileey) argaman battaluma ''liigii mataa gubbaa korre'' jechuun sirbuu eegalan.

Siitiin daqiiqaa shanaffaarratti Erliing Halaand galcheen Barnileey 1fi 0'n injifachuun ji'oota saddeet keessa yeroo jalqabaaf liigicha dursuu eegaleera.

Kana gidduutti Arsenaal mataa kilaboota Ingilaand ta'ee ture.

Ta'us, guyyoota 11 darban isa garaagartee qabxii sagaliin dursan dhaban.

Gareen Mikeel Arteettaa silaa garaagartee qabxii 12 Siitii of duuba aansuu danda'a ture. Garuu, qe'eetti Bornimawuziin mo'ame.

Siitiin immoo Arsenaaliin dirree isaarratti mo'achuu dabalatee walitti aansee sadii mo'ate.

Yeroo dorgommiin waancaa mo'achuu Siitiifi Arsenaal gidduu cime kanatti, kilaboota wal morkataa jiraniif galchiin baay'ee barbaachisaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Siitiin galchii takkittii qofaan Barnileey mo'achuu isaan gaabbuu hin oolu.

''Carraa qabna turre,'' jedha Gaardiyoolaan. ''Osoo silaa 2-0'n dursine kana caalaa bashannana turre,'' jechuun dubbate.

''Karoora taphaafi waan gochuu qabnuurratti ga'umsa ajaa'ibaa mul'isan [taphattoonni].''

Dabaluunis, ''Tapha baay'ee bareedaa taphanne. Kan nama gaddisiisu carraa baay'ee dhabne,'' jedhan keessumaa boqonnaa booda caalaatti ofirraa ittisu himan.

''Hin yaaddofne, maalifan yaadda'a? Qabxii sadii mo'anneerra, mataa liigichaa taaneerra. Kana caalaa gochuu dandeenya garuu taphattoonni waan danda'an hunda godhan.''

Ittisaan duraanii Maanchistar Yunaayitid Gaari Neevil ''taphattoonni, leenjistoonniifi deeggartoonni Arsenaal tapha kana ilaalaa turan 'Maanchistar Siitiin garee wayyoo qaban waliin akkanatti taphataa?' jedhanii yaadu. Dogongora raawwachuu danda'u.

''Morkii irra aanuuf jarjaruun dirqama ta'a, ammoo garaagarteen galchiis qooda qaba - morkii waancaa injifachuu keessatti waan guddaa waan ta'ef,'' jechuun himan.

Siitiifi Arsenaal taphoota isaanii shan hafan yoo injifatan qabxiin isaanii lamaaniyyuu 85 ta'a.

Kana jechuun garaagarteen galchii yookiin galchiiwwan lakkaa'aman abbaa waancaa ol kaasu murteessuu danda'u.

Kuni hangamuu morkiin isaanii cimaa akka ta'e agarsiisa - kilaboonni lamaanii taphoota 33 taphatan, qabxii wal fakkaataa 70 qabus.

Kana qofa miti lamaanuu 21 mo'anii, torba qixa ba'anii shan immoo mo'aman.

Wanti tokkichi gareewwan lamaan adda baasu hamma galchii lakkaa'amedha. Siitiin 66 yoo galchu, Arsenaal 63 galche.

Siitiin kana dura taphoota Pirimeer Liigii shan irratti Barnileey irratti galchii shan yookiin isaa ol galchee ture.

Kuni morkii kana keessatti hamma galchii gareen tokko morkataa isaarratti galchedha.

Morkii Siitii irrattis kuni eegamee ture. Siitiin 65%'n kubbaa to'atus akkasumas si'a 28 gara galchii yaalanis kan Halaand daqiiqaa shanaffaarratti dhahe qofatu seene.

Ittisaan duraanii Siitii Nedum Onuhaa BBC Radio 5 Live'tti akka jedhutti, deeggartoonni Arsenaal baay'ee Barnileey qabxii argata jedhanii hin eegani.

Dabaluunis, Arsenaal torbanoota muraasa booda Barnileey waliin akka taphatuufi akka Siitii carraa hin balleessu jedha.

Waa'ee kilaboota lamaas yoo dubbatu lamaanuu tapha shan qabaachuu yaadachiisuun abbaan tapha qabu yoo irra aane waancaan kan isaa ta'a jedha.

Karri eegaa duraanii Pirimeer Liigii Tim Kiruul ''waggoota muraasa darban waancaaf dhihaatanii turan'' jechuun Maanchistar Siitiis dorgommii waancaan ala yaadachuun akka hin barbaachisne dubbata.

Muuxannoo wal qabatee Siitiif dursa akka kennuufi ''leenjisaan cimaa addunyaa keessa jiru'' isaa waliin akka jiru dubbatu.