Warra Oromiyaa keessatti filannoorratti hirmaanna jedhan hin tuqnu, garuu filannichi 'fakkeessuudha' - WBO

Kumsaa Dirribaa hidhattoota WBO waliin

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa Waxabajjii bara 2026 gaggeeffamu haqa qabeessa ta'a jedhee akka hin amanne Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) beeksise.

Filannichi 'fakkeessudhaaf' kan gaggeeffamu ta'uu ibsuun, mootummaan ija addunyaa biratti 'uummatatu na filate jechuuf diraamaa hojjatuudha' jechuuf akka gaggeessu ibse.

Mootummaa wajjin hidhannoon lolatti kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo maaliif waa'ee filannoorratti yaada kenne? Filannichi akka hin gaggeeffamne Oromiyaa keessatti danqaa ni uumaa? jechuun BBCn gorsaa Ajajaa Olaanaa WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa dubbiseera.

Akka Obbo Jireenyaan jedhanitti, mootummaan Itoophiyaa filannoo kana hawaasa idil-addunyaa biratti ittiin fudhatama argachuuf malee filannichi tasumaa haqa qabeessa miti.

Mootummaan filannoo gaggeessuu dhiisee isin waliin lola qabu dura fixachuu qabamaadha moo haqa qabeessummaa filannichaarraa yaaddoo qabdu? jechuun BBCn gaafatee, yeroo waraanni gaggeeffamaa jirutti filannoo gaggeessuun filannicha hiika akka dhabsiisu himu.

Qondaalli WBO kun akka jedhanitti, mootummaan Itoophiyaa Boordii Filannoo dabalatee miidiyaafi dhaabbilee nageenyaa hunda to'atee harkaa qabaachuun filannichi kan 'uummataaf nagaa fidu miti'.

"Filannoon gaafa gaggeeffamu abbaa filannoo sana mo'ate qaamni haqaan labsu hin jiru taanan, qaamni uummanni filate aangoo fudhatee qawwee uummatarra jiru kana akka uummata tiksu godhu hin jiru taanan hiika hin qabu jechuudha.

"Filannichi kan uummataaf nagaa fidu miti, filannichi kan uummata hirmaachisu miti," jechuun adeemsi filannoo amma jiru paartileen hundi akka amantaa irraa qabaatan kan taasise akka hin taane ibsu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ha ta'u garuu, paartileen siyaasaa 47 filannoo marsaa 7ffaa irratti hirmaachuuf Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti mallattoo ittiin dorgoman beeksisanii qophii gochaa akka jiran ragaaleen ni agarsiisu.

Hanga oduun kun qindaa'utti namoonni miliyeena 18.5 ol sagalee kennuuf galmaa'aniiru.

Paartileen filannicharratti dorgomuuf qophii gochaa jiran ammoo walumaa galatti kaadhimamtoota 10,924 mana maree bakka bu'oota uummataafi mana maree naannoleef dhiyeessaniruu.

Dhaabi Adda Bilisummaa Oromoo gamasaan magaalaa Finfinneefi Dirre Dawaan alatti naannolee Afur keessatti akka dorgomu beeksiseera.

Kanaaf ammoo kaadhimamtoota163 mana maree bakka bu'oota uummataafi mana maree naannoleef dorgomsiisuuf dhiyeessera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu osoo mootummaa wajjin lolatti jiruu waa'ee haqa qabeessummaa filannoo maaliif kaasa? jennee Obbo Jireenyaa gaafanneera.

"Qaamni qabsoo hidhannoo gaggeessu dhimma siyaasaa keessa isa hin galchu jechuu hin dandeessu. Sababni qabasoo gaggeessufuu siyaasa jechuudha. Filannoon kun mirga kana dura dhabe akka itti fufiinsaan dhabu waan isa godhuuuf, filannoon kun nama yakka nurratti hojjate, nama lola nurratti labseef beekamtii kennuudha," jedhu.

Mootummaan Itoophiyaa dimokiraatawaa ta'uu dhabuun WBOn akka qawwee kaasuuf sababaadha kan jedhan Obbo Jireenyaan, mootummaan Itoophiyaa seera qabeessa of fakkeessuuf "diraamaa filannoo gageessa" jedhan.

"Abbaan irree fakkeeffachuudhaaf driaamaa hojjata; osoodhuma qabsoo hidhannoo gaggeessituu diraamaa sana saaxiluun ammoo hojii keeti. Kanaaf siyaasi biyya sana keessatti gaggeeffamu nu ilaallata," jedhu.

Haa ta'u garuu naannoo Oromiyaa keessatti bakkeewwan loltoonni WBO socho'anitti adeemsi filannoo akka hin gaggeeffamne gochuufi kanneen filannoo kana gaggeessuuf socho'an irratti tarkaanfii homaatuu akka hin fudhannes dubbatu.

"[Lolli keenya] namoota filannoo keessatti hirmaatan osoo hin taane, sirnicha [mootummaa] filannoo akka meeshatti itti gargaaramu sanaadha.

"Namoonni filannoo keessatti hirmaannee filannoo karaa nagaas goonee mootummicha dhiibuu dandeenya jedhanii tattaafachuu malan ni jiru," jechuun kanneen karaa nagaa filannicharratti hirmaatan akka hin tuqne himan.