Waraanni Somaaliyaa Baayidowaa to'achuu booda pirezidaantiin bulchiinsichaa aangoo gadhiisan

Madda suuraa, VILLA SOMALIA
Waranni biyyaalessaa Somaaliyaa magaalaa guddoo bulchiinsa Kibba Lixaa biyyattiifi tarsiimawaa taate Baayidowaa to'achuu hordofee pirezidaantiin bulchiinsichaa aangoo gadhiisan.
Magaalaan Baayidowaa magaalota bulchiinsa Kibba Lixaa keessatti argaman keessaa ishee guddoo yoo taatu, waraanni Somaaliyaa Wiixata, Bitootessa 30, to'achuusaa maddi oduu Rooyitars gabaase.
Kana hordofee pirezidaantii bulchiinsa Kibba Lixaa kan ta'an Abdihaziiz Hasan Mohammad Laftagareen aangoo gadhiisaniiru.
Humni waraanaa Somaaliyaa magaalattii to'achuuf kan murteesse, bulchiinsi Kibba Lixaa mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin hariiroo qabu "adda kutuu" beeksisuu hordofeeti.
Bulchiinsi Kibba Lixaa naannolee Somaaliyaa keessaa bakka yeroo hedduu walitti bu'iinsa, hongeefi buqqaatii namootan miidhamte yoo taatu, dhaabbileen namoomaa biyyattii keessa jiran heddu achi buufatu.
Gama biraan ammoo loltoonni humna nagaa kabachiisas bulchiinsa kana keessa buufatanii argamu.
Magaalaan Baayidowaa magaalaa guddoo Somaaliyaa kan taate Mogaadishoo irraa gara kaaba lixaatti fageenya km 245 irratti kan argamtu yoo taatu, loltoonni mootummaa federaalaa to'achuusaanii jiraattonni magaalaa ibsuu Rooyitars gabaase.
"Humnoonni federaalaa magaalaa Baayidowaa to'ataniiru...amma haalli jiru tasgabbaa'adha, garuu magaalattiin ona fakkaattee jirti," jechuun jiraatan magaalattii tokko madda oduu kanatti himan.

Madda suuraa, FACEBOOK
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin bulchiinsa Kibba Lixaa Somaaliyaa Abdiaziiz Hasan Mohammad Laftagareen fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti, aangoo gadi lakkisuu ibsan.
Qondaalli Somaaliyaa kun waggaa shan dabalataa bulchiinsa Kibba Lixa gaggeessuuf erga guyyoota muraasa boodadha kan aangoo gafdi lakkisan.
Humnoota federaalaafi naannichaa gidduutti lolli ka'uu mala sodaa jedhuun jiraattonni heddu magaalaa Baayidowaa keessaa baqataa turuu ibsa gabaasi Rooyotars kun.
Bulchiinsa Kibba Lixaafi mootummaa federaalaa Somaaliyaa gidduutti muddamni dhalate sirna federaalaa biyyattiifi mootummoota naannolee gidduu filannoofi aangoo qooddachuun wal-qabatee garaa garummaa jiruuf agarsiistudha.
Mootummaan federaalaa Somaaliyaa yeroo dhiyoo heera biyyattiirratti jijjiirama gochuusaa bulchiinsi Kibba Lixaa mormee ture.
Kuni ammoo caalmatti muddamni akka dhalatu gochuun mootummaan federaalaa humna akka bobbaasu taasiseera.
Ministiirri odeeffannoo Somaaliyaa ibsa baaseen, bulchiinsi Kibba Lixaa rakkoon siyaasaa akka dhalatu taasisuurraa kan ka'e humni waraanaa bobba'uufi loltoonni biyyattii magaalaa Baayidowaa keessatti simatamuu beeksise.















