Filannoo darberratti Finfinneetti Badhaadhina bakka bu'uun filataman keessaa dhibbentaa 60 ol kan biroon bakka buufaman

Filannoo marsaa 6ffaa A L I bara2013 gaggeeffanerratti paartii biyya bulchu bakka bu'uun Finfinneetti paarlaamaafi mana-maree magaalaatiif filataman keessaa dhibbentaa 62 kaadhimamtoota haaraan bakka buufaman.
Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos dabalatee aanga'oonni olaanoo mootummaa Federaalaa mana-maree bakka bu'oota ummataa keessatti magaalaa Finfinnee bakka bu'anii akka dorgoman kaadhimummaan dhiyaataniiru.
Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa Caamsaa dhufu gaggeeffama jedhamee ee eegamuuf kaadhimamtoota 154 magaalaa Finfinneef dhiyeesse keessaa 96 kan ta'an filannoo darberratti magalattii keessatti warra dorgoman akka hin ta'iin BBCn hubateera.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa darbeen Finfinneetti mana-maree bakka bu'oota ummataa fi mana-maree magaalaaf kanneen filataman 60 keessaa filannoo marsaa ammaa kanaan kaadhimummaan kanneen dhiyaatan 58 qofadha.
Kaadhimamtoota maqaan isaan bahe BBC'n arge akka agarsiisutti paartiin biyya bulchaa jiru magaalaa Finfinneetti mana-maree bakka bu'oota ummataaf akka dorgomaniif kaadhimamtoonni dhiyeesse 20 yoo ta'an isaan keessaa irra deebiin kanneen bakka kanaaf kaadhimaman afur qofaadha.
Filannoo darberratti Paartichi kaadhimamaa Paarlmaaf kan hin dhiyeessiin hafe bakka ministira gorsaa dhimmoota hawaasummaa Ministira Muummee Abiy Ahmad kan ta'e Daani'eel Kibirat dhuunfaan irratti dorgome "Naannoo filannoo 28" ture.
Daani'eel Kibret tarree kaadhimamaa bara kanaa keessatti hin hammatamne. Paartiin Badhaadhinaa naannoo filannoo kana keessattis kaadhimamaa isaa taasisuun Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa Dr. Lalisee Namee dhiyeesseera.
Paartiin mormituu Lammiilee Itoophiyaa Haqaa Hawaasummaa (EZEMA) naannolee filannoo sadan keessaa lama kan Paartiin badhaadhinaa kaadhimamaa hin galmeessine keessatti dorgomaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaa'ii waliigalaa hatattamaa EZEMA dhuma baatii Guraandhalaa gaggeeffame irratti hogganaa dhaabaa ta'uun kan filataman Iyyoob Mesaafint, "Naannoo filannoo 18" bakka Paartiin Badhaadhinaa kaadhimamaa hin dhiheessine keessatti dorgomaa jira.
Yaa'iidhuma kana irrattis itti aanaa hogganaa kan turan Nigaatuu Waldee, "Naannoo filannoo 23" Paartiin Badhaadhinaa kaadhimamaa hin dhiheessine keessatti dorgomaa jira.
Namoota siyaasaa "naannoo filannoo 11" bakka Paartiin Badhaadhinaa kaadhimamaa hin dhiheessine keessatti dorgoman keessaa, filannoo biyyoolessaa 6ffaa irratti Sochii Biyyoolessaa Amaaraa (ABIN) bakka bu'uun Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa ta'uun kan filatame Ababaawu Dassaaloo isa tokkodha.
Filannoo darbeen paartii isaa naannoo Amaaraatti dhiisee kan ba'e Ababaaw Paartii Warraaqsa Ummata Itiyoophiyaa (EPRP)tti makameera. Kaadhimamaan ammaa kun qindoomina "Tumsa Tokkummaa Itiyoophiyaa" kan EPRP of keessatti hammate bakka bu'aa jira.
Filatamtoota warra kamitu kaadhimummaan osoo hin dhiyaatiin hafe?
Kaadhimamtoota 134 paartiin biyya bulchaa jiru Mana Maree Magaalaa finfinnef dhiyeesse keessaa, filannoo darbe irratti kan dorgoman 51 qofa.
Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee, Hoggantuun Biiroo Nageenyaa Liidiyaa Girmaa, akkasumas Hogganaan Biiroo Fayyaa Dr. Yohaannis Caalaa hoggantoota olaanoo magaalichaa ammas dorgomaanidha.
Qondaaltota olaanoo tarree kaadhimamaa amma jiran keessatti hin hammatamne keessaa tokko Jaanxiraar Abay yoo ta'u, A L I Fulbaana bara 2014 irraa eegalee kantiibaa magaalaa Finfinnee ta'uun tajaajilaa tureera.
Filannoo bara kanaa naannoo Amaaraa godina Wolloo Kaabaa naannoo filannoo "Meqeet 1" keessatti dorgomaa jiru.
Walgahii mana maree Finfinnee keessatti gaaffilee falmisiisoo gaafachuun kan beekamu kaadhimamaa Badhaadhinaa Dr. Sisaay Mangistee tarree kaadhimamtootaa keessa hin jiru. akkuma gaaffilee falmisiisoo kaasuun kan beekamuufi A L I bara 2015 irraa eegalee mana hidhaa kan ture Dr. Kaasaa Teshageris bakka isaa kan biraa bu'eera.
Aanga'oota mootummaan olaanoo kanneen turan Ameerikaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Doktar Silashii Baqqalaa, Ministira Fayyaa duraa Dr. Liyaa Taaddasaa Ministira Tiraanispoortii duraanii Daagimaawwit Moges filatamtoota kaadhimummaan hin dhiyaanne keessatti argamu.
A L I bara 2016 Deetaa Ministiraa Hojiifi Ogummaa irraa kan kaafame Nugusuu Xilaahun, biyya akan baqate Deetaa Ministira Nagaa Dr. Siyyum masfin, akkasumas Itti-gaafatamaa komunikeeshinii duraanii magaalaa Finfinnee Dr. Yonaas Zawuduu aanga'oota bakka isaanii kan biraan buufame keessatti eeramu.
Finfinnee bakka bu'uun paarlaamaaf filatamee kan ture Ambaasaaddar Diinaa Muftii barana ammoo mana-maree magaalaa finfinneetiif kaadhimame.
Kaadhimamtoonni haaraan eenyu faa'i?
Badhaadhinni Finfinnee bakka bu'uun mana-maree bakka bu'oota ummataatiif kaadhimamtoota dhiyaatan 20 keessaa 16 kanneen ta'an aanga'oota olaanoo mootummaa federaalaati.
Ministira dhimma alaa Dr. geediyoon Ximootiwoos, ministira fayyaa Dr. Maqidas Dhaabaa, akkasumas ministira dhimmoota komunikeeshinii mootummaa Annaataalem Mallasee ni eramu.
Filannoo marsaa ja'affaa irratti miseensa mana-maree magaalaa kan ture ministirri Jallisiifi naannoolee gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay, akkasumas ministirri turiizimii Salamaawit Kaasaa amma mana mara abakka bu'oota ummataaf kaadhimamaniiru.
Daarektarri Olaanaa Inititiyuutii Artiifishaal Intelejensii Dr. Warquu Gaachanaa, Deetaa ministiraa Fayyaa Sahaarallaa Abdullaahii, Komishnara Gumurkii Dabalee Qaabataa, akkasumas Daarektara Tajaajia Immigireeshiniifi Lamummaa Salaamaawwit Daawit kaadhimamtoota mana-maree bakka bu'oota ummataaf dhiyaatan keessatti argamu.
Paartiin Badhaadhinaa aanga'oota olaanoo kaadhimummaan kan dhiyeesse parlaamaaf qofa miti. Ministirri Haqaa Haannaa Arayaasillaasee fi ministirri Albuudaa Hamtaamuu tagany miseensummaa mana-maree magaalaatiif kaadhimamaniiru.
Itti-gaafatamtuun waajira ministeera muummee fi ministtirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos akkuma kana mana-maree magaalaaf kaadhimamteetti.
Itti-gaafatamtuu itti-aantuu Sab-qunamtiifi hariiroo idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa, akkasumas hirmaannaa miidiyaa hawaasarratti taasiftuun kan beekamtu Fadiilaa Biyyaa Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti mana-maree magaalaa Finfinneetiif dorgomti.
Paartiin Badhaadhinaa mana maree magaalaa Finfinneetti akka makamaniif kaadhimummaan kanneen dhiyeesse keessatti namoonni industirii bashannanaan keessatti beekaman ni argamu.
Qindeessaan muuziqaa beekamaa Kaamuzuu KaasaaKutaa Magaalaa Heekkaatti kaadhimummaan dhiyaateera. ETV irratti qophii bashannannaa dhiyeessaa kan turteefi hundeessituufi haati ODA AWARD kan bara kana marsaa saglaffaatiif gaggeeffamee Bashaatuu Tolamaariyaam kutaama magaala akana keessatti dorgomti.
Kaadhimamtoonni qote-bulaa, abbaa-qabeenyaa, akasumas barsiisaa ta'uun ibsame Paartii Badhaadhinaa bakka bu'uun dhiyaataniiru.















