Osoo kaan gumbii uranii hantuunni akka gootaatti siidaan ijaarameef kuni eenyu?

Madda suuraa, Reuters
Hantuunni beekamaa fanjii lafa jalaa owwaalame saaxiluufi gootummaa isaa kanaaf medaaliyaa warqii badhaafame siidaan ijaarameef.
Seenaa addunyaa keessatti hantuuta fanjii owwaalame suufuuf siidaan yoo ijaaramu kuni kan duraati.
Maqaan isaa Magawaa jedhama, waggaa saddeet jiraateera.
Kaamboodiyaa keessatti waggoota shan keessatti fanjii fi dhodhootuu biraa 100 ol of eeggannoodhaan argateera.
Siidaan isaa artistotaan dhagaarraa bocame gaafa Jimaataa Ebla bultii 04 Guyyaa Hubannoo Fanjii Idil-addunyaa magaalaa 'Siem Reap'tti eebbifameera.
Fanjiin Kaamboodiyaa keessatti ammallee yaaddoodha.
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhetti, namoonni miiliyoonaa ol ta'an lafa dhodhootuufi fanjii qaburra jiraachuufi hojjetuu itti fufaniiru.

Madda suuraa, PA Media
Magawaan hantuuta Afrikaa guddaa ta'edha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Osoo gara Kaambodiyaa deemee bara 2016 lafa fanjiin jiru suunfuu hin eegaliin dura dhaabbata tola ooltummaa Beeljiyeemii Apopo jedhamuun leenji'e.
Ga'umsa waa fuunfachuu cimaa qabuun kemikaala fanjii owwaalame keessa jiru namoota hubachiisa.
Namoonnis lafa fanjiin owwaalame baasu.
Yeroo lubbuun ture lafa iskuweer meetirii 141,000 ta'u jechuunis dirree kubbaa miilaa 20 gahu fanjiirraa bilisa godheera.
Daqiiqaa 20 keessatti lafa dirree teenisii gahu qorachuu danda'a.
Bara 2020 Magawaan Medaaliyaa Warqii PDSA jedhamuufi bineensotaaf badhaafamu argateera.
Kunis, hojii ''lubbuu baraaruu'' keessatti gumaacha guddaa godheefidha.
Seenaa dhaabbata tola ooltummaa Apopo waggoota 77 ture keessatti hantuuta jalqabaa medaaliyaa akkanaa argatedha.
Erga soorama baheefi saffisa durii dhabeetii bara 2022 du'aan boqote.
Dhaabbata Apopo damee Kaambodiyaatti hogganaa kan ta'an Mikaa'el Raayine ammallee fanjiin yaaddoo guddaa ta'u dubbatu.
Dhaabbanni kuni erga bara 1990 keessaa eegalee hantuuta leenjisa.
Qaamni isaanii xiqqaa waan ta'ef haantuunni yoo fanjiirra ejjetteyyuu fanjiin akka dhohu hin gootu.
Kunis namarra akka filaman isaan taasiseera.
Hantuunni leenji'an kunneen dhibee somba miidhuufi tuberkuloosis jedhamullee maayikiroskoppii caalaa dafanii irra gahuu danda'u jedha dhaabbatichi.
Hantuunni kunneen seeraan alaa bineensota daddabarsuu qolachuufis Tanzaaniyaa keessa tajaajilu.
Hantuunni biraa dhaabbanni kuni leenjiseefi Roniin jedhamu bara 2025 fanjii 109 fii 15 biroo saaxiluun Magawaa caalee riikardii addunyaa galmeessee ture.







![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)







