KALLATTIIN, Tiraamp 'jecha safuurraa maqeen' Iraanitti dhaadachuu hordofee Iraan tarkaanfii laalessaan fudha jechuun akeekkachiifte

Iraan sa'aatii 48 keessatti Ulaa Hormuuz hin bantu taanan 'abiddatu itti rooba' jechuun buufataalee anniishee haleeluuf 'jecha safuu cabsuun' itti dhaadachuu hordofee, Iraanis buufataalee sivilii haleeluun haaloo bahuuf dhaadatte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daawwadhaa: Haleellaan qilleensarraa riqicha guddaa Iraan kan Teehraan fi Karaaj walqunnamsiisu mancaasetti

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Haleellaan qilleensarraa riqicha guddaa Iraan kan Teehraan fi Karaaj walqunnamsiisu mancaasetti
  2. Daawwadhaa: Bu'uuraalee boba'aa Kuweet haleelamee booda yeroo gubachaa jiru

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Bu'uuraalee boba'aa Kuweet haleelamee booda yeroo gubachaa jiru
  3. Ameerikaan 'mootummaa jijjiirre' jettus Iraan ammallee bayyanachaa jirti

    Loltuu suura hganaa waliigalaa duraanii Iraan dura dhaabbachaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsi Donaald Tiraamp Roobii galgala dhimma waraana Iraan irratti kenne olaantummaa agarsiisuuf kan kaayyefate tahus, yaada walii faallaa ta'e qabaahuus saaxileera.

    Pireezidantiin Ameerikaa humni galaanaa, qilleensaafi misaayelaa, akkasumas bu'uurri misoomaa nukilaaraa Iraan akkaan barbadaa'uu himuun waraanni goolabamuu jalatti akka dhiyaachaa jiru ibse.

    Haatahu malee, Tiraamp torbanoota dhufanitti haleellaan akka jabaatus himeera.

    Ergaan dabarse maal akka himuu barbaadu baruun rakkisaadha: Injifannoon labsameera garuu wabiin hin jiru fakkaata.

    Dhimma kana waan jabeessu biraas dubbateera, Iraan boombiin haleeluun ''akka isaan bakka isaaniitti deebi'an, bara dhakaatti akka galan goona,'' jedha.

    Dubbiin kuni Iraan keessatti dhimma qabatamaan dhiibbaa uumu yoo tahu miidiyaa hawaasaa irratti ammoo mormitoota mootummaa Iraan Tiraamp jijjiirama fida jedhanii amananillee dheekkamsiiseera.Waan Tiraamp jedhu maali, haalli qabatamaa Iraan hoo?

  4. Tiraamp arrabsoo 'fokkisaadhaan' Iraanitti dhaadate

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Doonaald Tiraamp arbbasoo 'fokkisaadhaan' Iraanitti dhaadate. Iraan Ulaa Hormuuz hin bantu taanan, buufataalee anniisaafi riqicha ishee haleeluuf itti dhaadateera.

    Kanaaf ammoo sa'aatii 48 Iraaniif kenneera.

    Sa'aatiin 48 Tiraampif kenne Kibxata, Ebla 7, xumurama. Iraan garuu akeekkachiisa Tiraamp kanaaf gurra waan kennite hin fakkaattu.

    US buufataalee anniisafi riqichawwan Iraan haleelti taanana, Iraanis buufataalee sivilii [Baha Giddugalaa] keessa jiran haleeluun haaloo akka baatu ibsiteetti.

    Tiraamp Ulaa Hormuuz akka banamuuf akeekkachiisa kennuunsaa kan jalqabaa miti. Kanan duras akeekkachiisa wal-fakkaataa erga kenneen booda, Iraan mariyataa jirti jechuun guyyoota kudhaniif dheeressuu himee ture.

    Kaleessa miiidiyaa US kan ta'e Fox News waliin turtii taasiseen, haleellaan kun osoo hin jalqabin dura Iraan carraa mariyachuu akka qabdu ibse.

  5. ASHAMAA!

    Toora oduu kallattiin isin biraan ittiin geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    Tiraamp 'arrabsoo fokkisaadhaan' Iraanitti dhaadate. Iraanis tarkaanfii haaloo bahuu cimaa akka fudhattu akeekkachiifte.

    Odeessa biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenyu karaa toora Marsaritii, YouTube, Whatsapp, fi Facebook keenya hordofuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!