KALLATTIIN, Hojjetaan jeettii US Iraanitti kufee achi buuteen dhabame baraarame -Tiraamp

Iraan fi US miseensa gurmuu hojjetoota jeettii Ameerikaa Iraan keessatti kufe keessaa achi buuteen dhabame argachuuf kara karaa isaniin fiigicha taasisaa turan. Aanga'oonni Iraan ammoo lammileen biyyattii hojjeta jeettii US dhabame kana 'lubbuun' argeef maallaqa guddaa akka kennituyyu waadaa galtee turte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan ogeessa meeshaa waraanaa xayyaara kufee qabachuuf xiqqootu hafee ture- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waa'ee ogeessa meeshaa waraanaa Iraan keessaa baraaramee odeeffannoo dabalataa kenne.

    Loltuun Ameerikaa kun miidhaan qaamaa cimaan irra gahus oppireeshinii gaggeeffameen baraaramuu ibsuun, "Iraan qabachuudhaaf itti dhiyaattee turte" jedhe.

    Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti barreesseen: "Xayyaara F-15 keessa kan ture miseensa/loltuu goota, gaarren Iraan keessaa baraarree jirra. Waraanni Iraan lakkoofsan guddaa ta'e itti dhimmee barbaadaa ture. [Iddoo inni jiru gahuuf] baay'ee itti dhiyaatanii ture," jechuun loltuun baraarame nama gulantaa Koloneelii qabuufi kabajamaa ta'uusaa ibse.

    Oppireeshiiniin akkanaa baay'ee balaafamaafi namaafi meeshaa waraanarran miidhaa kan gahu ta'uusaan yeroo heddu kan hin taasifamne ta'uu himuun, "sa'aatii torbaaf daangaa Iraan keessa turree baraarre" jechuun akkaataa itti loltuun lammaffaan baraarame ibse.

    "Hundinuu gootummaafi dandeettii ajaa'ibaa agarsiisan! Biiroo Ovaalitti humna waraanaa waliin ta'uun ibsa gaazexeessitootaaf nan kenna. Loltoota keenya gootota ta'an Waaqayyo haa eebbisu," jechuun barreesse Tiraamp.

  2. Gidduugala Iraanitti xiyyaarri kufee caccabee argame

    Caccabaa xiyyaaraa Ameerikaa Iraanitti argame
    Ibsa waa'ee suuraa, Caccabaa xiyyaaraa Ameerikaa Iraanitti argame

    Suuraa fi viidiyoon har'a qoodame naannoo gaarreen gidduugala Iraanitti caccabaa xiyyaaraa agarsiise.

    Suuraa fi viidyoo qoodame irratti qorannoo kan gaggeesse BBC'n bakki xiyyaarichi itti kufe magaalaa Isfahaan irraa km50 fagaata.

    Waraanni Iraan ammoo xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa C-130 jedhamanii fi xiyyaarri waraanaa Black Hawk jedhaman lama rukutamuu ibse.

    Kunis yeroo oppireeshinii paayileetii fi ofisera waraanaa US baraaruuf gaggeeffamedha.

    Miidiyaan CBS jedhamu akka gabaasetti xiyyaaronni geejibaa Ameerikaa lama buufata Iraan keessaa fagoo jiru irraa ka'uu waan hin dandeenyeef achumatti akka barbadaa'an taasifame jedhe.

    Kunis achitti hafuun akka humna Iraaniin hin qabamneefi jedhan.

  3. CIAn Iraan keessatti odeeffannoo sobaa facaasuun ogeessi meeshaa waraanaa US akka baraaramu akkamiin gargaare?

    Loogoo CIA

    Madda suuraa, ap

    Iraan xayyaara waraanaa F-15 kuffisuu hordofee paayileetiin US tokko argamus, ogeessi meeshaa waraanaa toko osoo hin argamin guyyoota darban daangaa Iraan keessa ture.

    Haa ta'u garuu Oppireeshinii waraanni US Iraan keessatti gaggeessen ogeessi meeshaa waraanaa kun kaleessa Iraan keessaa baraaramuu Tiraamp beeksis.

    Oppireeshinichi akka milkaa'uuf Ejansiin Basaasa Ameerikaa (CIA) Iraan keessatti, keessumaa miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoo sobaa facaasuun heddu gargaaruu isaa miidiyaalen US gabaasaa jiru.

    Humnoonnifi lammiileen Iraan xiyyeeffannoonsaanii dogoggorsuuf akka waan ogeessi meeshaa waraanaa US kun qabamee harka Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa jiruutti CIA odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsaasaa ture.

    Iraan keessatti odeeffannoo sobaa yeroo tamsaasu, Peentagoonif ammoo bakka argama loltuu Ameerikaa kana hordofaafi ergaafii ture.

    Waraanni Ameerikaa yeroo oppireeshinii baraaruu gaggeessaa turetti, CIAn akka waan loltuun kun qabamee harka humnoota Iraan jiruutti fakkeessuun oduu sobaa facaasaa ture.

  4. Waa'ee oppireeshinii US paayileetotashee Iraan keessaa baraaruu taasiste waan beeknu

    Xayyaara F-15

    Madda suuraa, rEUTERS

    US oppireshinii gaggeessiteen ogeessa meeshaa waraanaa Iraan keessatti kufe barbaaduu gaggessiteen baraaruu Doonaald Tiraamp ibseera.

    Tiraamp "seenaa Ameeerikaa keessatti oppireeshinii akkaan cimaa" jechuun ibse. O

    Waa'ee oppireeshinichaa waan beeknu

    • Hojjattoonni xayyaara F-15 Iraan rukuttee kuffistee lamaanuu baraaramaniiru - paayileetifi ogeessa meeshaa waraanaati
    • Ogeessi meeshaa waraanaa guyyootan booda baraarame miidhaan irra gahuu Tiraamp ibseera. Miidhaan irra gahe kan akkamii akka ta'e Tiraamp hin ibsine. Tarii yeroo xayyaarichi rukutamu ykn yeroo xayyaaricha keessaa utaalee lafa qubatu miidhaa irra gahe ta'uu mala.
    • TOppiireeshinii ogeessa meeshaa waraanaa xayyaara F-15 kan ture kana baraaruuf loltoonni hirmaatan hin duune, miidhan qaamas irra hin geenye jedhe Tiraamp
    • Oppireeshinicharratti humnoota Iraanifi loltoota US gidduu dhukaasi gaggeeffamaa akka ture himama

    Waa'ee oppireeshinichaa waanta haga ammaa nuti hin beekne

    • Oppireeshinicha hangam akka guddatu akasumas loltoonnifi xayyaaronni waraanaa meeqa akka irratti hirmaatan hin beeknu; Tiraamp "xayaarronni waraanaa heddu bobbaafamanii turan" jedhullee
    • Xayyaaronni waraanaa oppireeshinicharratti miidhamuufi dhiisuu hin beeknu. Iraan garuu, diroonii US oppireeshinicharratti hirmaatte rukuttee kuffisuu ibsite.
    • Iraan keessa bakka addaa oppireeshiniin kun itti gaggeeffame hin beeknu
  5. Iraan diroonii US paayileetii kufe barbaadaa turte haleluun kuffisuu ibsite

    MQ-9 Riippar

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan diroonii US oppireeshinii paayileetii Iraan keessatti kufe barbaachurratti hirmaattee turte haleeluun kuffisuu beeksifte.

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti Humnoonni Eegumsa Warraaqsaa Iraan tarkaanfii fudhataniin diroonin US haleelamuuni kan kufte.

    Dirooniin US kun kibba bulchiinsa Isfahaan keessatti kufuutu ibsame.

    US gamasheen isa Iraan dirooniishee rukutee kuffiseera jetturratti deebii homaa hin laanne.

    Iraan diroonii US rukutee kuffise jechuun alatti diroonii akkamii akka ta'e ifa hin goone.

    Iraan kana kan beeksifte, yeroo US paayileetiishee lammaffaa Iraan keessatti kufee guyyootaaf barbaadamaa ture arguu beeksistetti.

    Erga waraanni kun eegalee yeroo gara garaatti Iraan dirooniwwan USfi kan Israa'el heddu akka kuffiste miidiyaaleen biyyattii gabaasaa turan.

  6. Paayileetii Iraan keessatti kufe baraaruuf oppireeshinii godhame keessatti loltuun US tokkollee hin duune- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Tiraamp Paayileetiin Ameerikaa Iraan keessatti kufee oppireeshinii gaggeeffameen argamuu ibsuun, oppireeshinicha keessatti loltoonni Ameerikaa hunduu nagaa ta'uusaanii dubbate.

    Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti barreesseen, oppireeshinichi "loltuun Ameerikaa tokkollee osoo hin du'in gaggeeffame" jedhe.

    Dabaluunis, kan du'e haa hafuutii namni madaa'eyyuu akka hin jirre ibse.

    Oppireeshinii baraaruu seenaa Ameerikaa keessatti isa cimaadha jedhee kan jaje Tiraamp, xayyaaronni waraanaa gosa garaa garaafi loltoonni heddu hirmaachuun paayiletii Iraan keessatti kufee guyyootaf achi ture baraaruu mirkaneesse.

  7. Hojjetaan jeettii US Iraanitti kufee achi buuteen dhabame oppereeshiinii 'gootummaan' gaggeeffameen baraarame -Tiraamp

    Jeettii US

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan fi US miseensa gurmuu hojjetoota jeettii Ameerikaa Iraan keessatti kufe keessaa achi buuteen dhabame argachuuf kara karaa isaniin fiigicha taasisaa turan.

    Aanga'oonni Iraan ammoo lammileen biyyattii hojjeta jeettii US dhabame kana 'lubbuun' argeef maallaqa guddaa akka kennituyyu waadaa galtee turte.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp amma miseense gurmuu hojjetoota jeettii Ameerikaa achi buuteen isaa dhabamee ture kana oppereeshinii 'guutummaan' gaggeeffameen arganneerra jechaa jira.

    Miidiyaaleen Iraan ammoo xiyyaaronni US lama hojjetaa achi buuteen dhabamee baraaruuf bobbaafaman lama horsiise bultoota Iraaniin itti dhukaafamanii rukkutamuu bsaa turan.

    Miidiyaaleen US humnoonni US miseensa gurmuu hojjetoota jeettii waraanaa F-15 kibba Iraan keessatti Jimaata darbe kufte baraaruu gabaasaniiru