USfi Israa'el gaggeessitoota Iraan jajjaboo heddu erga ajjeesanii, Tiraamp eenyu waliin mariyachuu danda'u?

Qondaalota Iraan haleellaa US-Israa'eliin ajjeefamaniifi kan amma lubbuun jiran

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Humni waraanaa Israa'el ajaja olii kennamu osoo hin eegin qondaalota olaanoo Iraan kamirratiyyuu haleellaa akka raawwatu ministiirri ittisaa biyyattii Israa'el Kaatz ibsan.

Waraanni Israa'el osoo hayyama qaama olaanaa irraa hin gaafatin qondaalota Iraan bakka argetti akka ajjeesuuf hayyama kan argate itti gaafatamaan nageenya biyyaalessaa Iraan Alii Laarijaaniifi Ministiirri tikaa Iraan Ismaa'eel Kaatiib haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu hordofeeti.

"Minitiirri Muummee Beeniyaamiin Netaaniyaahufi ani Humni Waraanaa Israa'el qondaalota olaanoo Iraan kamiyyuu [hayyama keenya osoo hin eegin] akka ajjeesan ajaja kennineerra," jedhan Israa'el Kaatz.

Ofii qondaalonni Iraan ajjeefaman siyaasa Iraan keessatti hagam murteessoo turan? Amma eenyutu olaantummaan Iraan gaggeessaa jira? Caasaan gaggeessummaa siyaasa biyyattii hoo maal fakkaata? kan jedhu mee haa ilaallu.

Aangawootaafi ajajoota Iraan ajjeefaman
Ibsa waa'ee suuraa, Aangawootaafi ajajoota Iraan ajjeefaman

Ayaatolaa Alii Kameenii - Gaggeessaa Olaanaa (kan ajjeefaman)

Gaggeessaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii haleellaa Israa'eliifi UStiin ajjeefaman

Madda suuraa, IRANIAN LEADER PRESS OFFICE / HANDOUT via Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Ayaatolaa Alii Kameenii waggoota 30 oliif olaantummaan Iraan gaggeessan

Ayaatolaa Alii Kameenii guyyaa jaqlabaa USfi Israa'el wal-ta'uun Iraanirratti haleellaa banan ajjeefaman.

Ayaatolaa duraanii Ruhoolaa Homeeniin du'uu hordofee bara gaggeessaa olaanaa Iraan ta'uun waggoota 30 oliif biyyattii gaggeessaniiru.

Aangoo ijoo biyyattii harkaa qabu ture- gaggeessaa biyyaa, ajajaa humna waraanaafi kaanis.

Dhimmoota siyaasaa biyyattii hundarratti sagalee kennuufi kuffisuu ykn dabarsuu danda'u; namoota siyaasaa isaaniif mijatu filachuun siyaasa Iraan akka fedhasaanitti gaggeessaa turan.

Sagaleen mormii ykn faallaa bulchiinsa sirna warraaqsaan ala ta'e kamuu Iraan keessatti akka hin gaggeeffamneef aangoo guutuun ittisaa turan.

Mojtaabaa Kaameenii - Gaggeessaa Olaanaa (lubbuun jiru)

Mojtaabaa Kaameenii

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Mojtaabaa Kaameenii Bitootessa 8, 2026 abbaasaanii Ayaatolaa Alii Kameenii bakka bu'uun gaggeessaa olaanaa Iraan ta'uun erga muudamanii as uummatatti mul'atanii hin beekan.

Haleellaa Guraandhala 28, 2026 gaggeeffameen maatifi obboleessi Mojtaabaa ajjeefamanis isaan garuu miidhamuu gabaafamaa ture.

Ministiirri Ittisaa Us Piit Heegseet haleellaa irratti gaggeeffameen miidhaan cimaan irra gahuu akka hin oolle ibsuunsaanii ni yaadatama.

Ergaa yeroo jalqabaaf kan Ayaatolaa Mojtaabaa Kaameniti jedhamuun karaa TV biyyattiin dubbifameen, Ulaan Hormuuz cufamee akka itti fufuufi lammiilee nagaa Iraan waraana kana keessatti ajjeefaman dhiigasaaniif "haaloo akka bahan" ibsamee ture.

Ayaatolaa Mojtaabaa kaameenii ammayyuu viidiyoon bahanii uummatattillee mul'achuu baatanis ergaansaanii yeroo yerotti TV biyyaalessaa Iraanirratti ni dhiyaata.

Alii Laarijaanii - Barreessaa Mana Maree Nageenyaa Olaanaa Biyyaalessaa (ajjeefaman)

Alii Laarijaanii

Madda suuraa, COURTNEY BONNEAU/Middle East Images/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alii Laarijaanii gorsaa Ayaatolaa Alii Kameenii jedhamuun miidiyaalee Iraan irratti ibsamaa ture

Alii Laarijaanii halellaa U-Israa'eel wal-ta'uun gaggeessaniin Bitootessa 17, gaggeeffameen ilmasaaniifi ittaanaa isaanii waliin kan ajjeefaman yoo ta'u, nama aangoo murteessaa qaban jedhamuun beekamu.

Laarijaaniin dhimma nikulara Iraan irrattu wal-tajjii idiladdunyaarratti nama mariyataa turan yoo ta'u, waggoota hedduuf afayaa'ii paarlaamaa Iraan ta'uunis tajaajilaniiru.

Mormii uummataa Iraan keessatti yeroo darbe gaggeeffamerratti humnoota nageenyaa ajajuufi namoonni nagaan heddu akka ajjeefaman gochuunis maqaansaanii irra deddeebiin ka'a.

Waraana amma gaggeeffamaa jiru karaa mariin furuuf illee nama US waliin haasa'uuf mijatuudha jechuun ajjeefamuusaa xinxaaltonni qeeqanis jiru.

Riir Admiiraal Alii Shamkaanii - Barreesaa Mana Maree Ittisaa Iraan (ajjeefaman)

 Alii Shamkaanii

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Riir Admiiraal Alii Shamkaanii namoota Ayaatolaatti heedu dhiyaataniifi nageenyafi tarsiimoo nikularaa Iraan keessatti nama akkaan murteessadha jedhama.

Waraana Iraan keessatti namni gulantaa Riir Admiiraal irra gahe Alii Shamkaanii qofaadha.

Haleellaa Bitootesssa 28, 2026 Tehraanitti gaggeeffameen qondaalota Iraan ajjeefaman keessaa tokko Alii Shamkaanidha.

Waxabajjii 2025 yeroo Israa'el haleellaa Iraanirratti bantee turte mana jireenyaa Alii Shamkaanii irratti haleellaan gaggeeffamus du'a jalaa oolee ture. Garuu, haleellaa miilanaarraa hafuu hin daneenye.

Waraana Iraanifi Iraaqa bara 1980oota keessa gaggeeffame irratti Alii Shamkaanii ajajoota Humna Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa akkaan murteessoo keessaa tokko turan.

Waggoota 40 darban keessatti gulantaawwan olaanoo garaa garaatti siyaasafi waraana Iraan keessatti tajaajilaniiru: Ministiira Humna Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa, Ministiira Ittisaa, Ajajaa Humna Galaanaa, Barreessaa Olaanaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa ta'uun tajaajilaniiru.

Yeroo dhiyoo ammoo mormii uummataa Iraan keessatti gaggeeffame ukkaamsuufi dhaamsuu keessattis gahee akka qabantu himama.

Meejar Jeneraal Mohaammad Paakpuur – Ajajaa Olaanaa IRGC (ajjeefaman)

Meejar Jeneraal Mohaammad Paakpuur haleellaa Guraandhala 28, 2026 USfi Israa'el gaggeessaniin ajjeefame.

Madda suuraa, Morteza Nikoubazl/NurPhoto via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Meejar Jeneraal Mohaammad Paakpuur haleellaa Guraandhala 28, 2026 USfi Israa'el gaggeessaniin ajjeefame

Meejar Jeneraal Mohaammad Paakpuur qondaalota olaanoo Iraan haleellaa USfi Israa'el wal-ta'uun Iraanirratti gaggeessaniin kanneen ajjeefaman keessaa tokkoodha.

Haleellaa Guraandhala 28, 2026 magaalaa Tehraanitti gaggeeffameen ajjeefamuu miidiyaaleen Iraan gabaasan.

Waggoota 16 kan ta'uuf ajajaa humna lafoo Eegdota Warraaqsa Islaamaa kan turan qondaalli olaanaan waraanaa kun.

Waraana Waxabajjii, 2025 guyyaa 12f Israa'eliifi Iraan gaggeessan irratti ajajaan waliigalaa Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Hoseen Salaamii ajjeefamuu hordofee Meejar Jeneraal Mohaammad Paakpuur ajajaa humnoota eegumsaa ta'uun muudame.

Maasuud Pezeeshkiyaan - Pirezidaantii Iraan (lubbuun jiru)

Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan filannoo bara 2024 gaggeeffameen sagalee caalmaa argachuun filaman.

Madda suuraa, IRANIAN PRESIDENCY / HANDOUT via Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan filannoo bara 2024 gaggeeffameen sagalee caalmaa argachuun filaman

Masuud Pezeeshkiyaan gaggeessitoota Iraan kaan caala ilaalcha leellistummaa hin qabu jedham kan jedhaman yoo ta'u, filannoo pirezidaantummaa Iraan bara 2024 gaggeeffameen filaman.

Manguddoon ganna 71 kun hakima beekamaa yoo ta'an, ogummaan isaan baratan hakima onnee baqaqsanii yaaluti. Miseensa paarlaamaa Iraan yoo ta'an, keessumaa poolisii namuusaa jedhamuun kan beekamu irratti ijjannoo mormii cimaa qabaachaa akka turantu himama.

Iraan sababa ijjannoo leellistummaa qabduun wal-tajjii idiladunyaarraa qoollifatamuunshee siirrii akka hin taanefi gaggeessitoonni siyaasaa Iraan wal-tajjii idiladdunyaatti deebisuu akka qaban cimsanii nama falmaa turaniidha.

Mohaammad Baaghar Gaalibaaf - Af-yaa'ii Paarlaamaa Iraan (lubbuun jiru)

Mohaammad Baghaar marsaa afur pirezidaantummaa Iraaniif dorgomanis milkaa'uu hin daneenye.

Madda suuraa, Morteza Nikoubazl/NurPhoto via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Baghaar marsaa afur pirezidaantummaa Iraaniif dorgomanis milkaa'uu hin daneenye

Afayaa'ii paarlaamaa Iraan kan ta'an Mohaammad Baghaar Gaalibaaf qondaalota Iraan olaanoo muraasa waraana kanarraa lubbuun hafan keessaa tokko yoo ta'an, pirezidaantii Iraan ta'uuf marsaa heddu dorgomanis hin milkoofne.

Paayileetii beekamaa yoo ta'an, waraana USfi Israa'el waliin Iraan itti jirtu kanarratti miidiyaa irratti bahuun dubbachuun beekamu.

Miidiyaarratti dubbii ciccimaa USfi Israa'el akeekkachiisuu haa dubbatan malee, siyaasa Iraan keessatti jijjiiramni akka dhufuuf kanneen barbaadan keessaa tokkoodha jedhamu.

Inumaayyuu marii US waliin taasifamuuf nama mijataadha jechuun kan jajanis jiru. Israa'el qondaala kanaafi ministiira dhimma alaa Abbaas Araagchii ajjeessuf murteessitee, Paakistaan gidduu galuun carraan marii yoo jiraate namoonni kun mariif murteessoo akka ta'an UStti himuu hordofee Israa'el akka hin haleellef Israa'el akka dhorkite gabaasaaleen ni agarsiisu.

Miidiyaan Istaa'el Jerusalem Post akka gabaasetti ammoo, Israa'elifi US qondaalota ajjeefamuuf barbaadama keessaa Mohaammad Baghaar fi Abbaas Araagchii yerodhaaf akka baafaman godhamaniiru.

Birgaadeer Jeneraal Ahmad Reezaa Raadaan - ajajaa poolisii Iraan (lubbuun jiru)

Yeroo waraanni eegalu Birgaader Jeneraal Ahmad Reezaa namoonni mormii yoo bahan qixuma diinatti akka ilaalaman akeekkachiisanii ture.

Madda suuraa, Morteza Nikoubazl/NurPhoto via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo waraanni eegalu Birgaader Jeneraal Ahmad Reezaa namoonni mormii yoo bahan qixuma diinatti akka ilaalaman akeekkachiisanii ture

Ajajaa poolisii Iraan kan ta'an Birgaadeer Jeneraal Ahmad Reezaa Radaan seerota hawaasummaa kabachiisuufi mormiin uummataa yoo jiraate ukkaamsuuf itti gaafatamummaa nama qabaniidha.

Bara 2023 keessa karoora Nuur jedhamu ifa godhan. Kunis dubartoota osoo hijaaba hin uffatin deeman yoo jiraatan kaameeraafi teeknolojiin hordofuun to'achuu, konkolaataa isaanii irraa fuudhufi biizinasii yoo qabaatan irratti cufuu fa'aa kan of keessaa qabuudha.

Yeroo dhiyoo as ammoo mormii uummataafi qaama faallaa mootummaa dhaabatu kamirrattuu tarkaanfii cimaa fudhachuun nama beekamaniidha.

Yeroo waraanni kun eegalu ammoo, lammiileen biyyattii kamuu hiriira akka hin baane akeekkachiisa cimaa kennuun, kanneen hiriira bahan diinan "wal-qixa ilaalla" jechuun dubbatanii ture.

Golaamhoseen Mohseenii Ejei - Abbaa Alangaa Waliigalaa (lubbuun jiru)

Iraan keessatti qondaalotaa aangoo olaanaa qaban keessaa tokko Abbaa Alangaa Waliigalaa kan ta'an Golaamhoseen Mohseenii Ejeidha.

Mormee cimaa ji'ootaan dura Iraan keessatti gaggeeffameerratti kanneen badii raawwatan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuurraa duubatti akka hin deebine akeekachiisanii ture.

Birgaadeer Jeneraal Ismaa'eel Qaanii - Ajajaa Humnoota Quds (lubbuun jiru)

Birgaadeer Jeneraal Ismaa'eel Qaanii namoota lama gidduu taa'anii

Madda suuraa, Fatemeh Bahrami/Anadolu via Getty Images

Qondaalli waraanaa Iraan kun haleellaa yeroo garaa garaatti gaggeeffameen qondaalonni kaan yeroo biraa ajjeefaman lubbuun hafuun adda isaan godha.

Halellaa ganna darbe Israa'el qondaalota waraanaafi siyaasaa heddu ajjeefte keessaa lubbuun nama hafaniidha.

Waraana amma gaggeeffamaa jiruunis hin ajjeefamne. Jeneraal Ismaa'eel Qaanii bara 2020 ajajaa humnoota Quds godhamuun muudaman.

Isaan dura garuu humnoota Quds hogganaa kan ture Jeneraal Qaasiim Suleemaanii kan bara 2020 haleellaa UStiin ajjeefaman ture.

Qaasiim Suleemaanii ajjeefamuu hordofeeti Jeneraal Ismaa'eel Qaanii ajajaa Quds ta'uun kan muudaman.

Esmaa'el Kaatiib - Ministiira Tikaa (ajjeefaman)

Ismaa'eel paarlaamaa Iraan keessatti namoota waliin taa'anii mul'atu

Madda suuraa, ABEDIN via EPA

Ibsa waa'ee suuraa,

Ismaa'el qondaalota Iraan haleellaa US-Israa'el gageessaniin ajjeefaman keessaa nama akkaan murteessadha jedhama.

Pirezidaantii duraanii Iraan balaa helikoptaraan du'an Ibraahim Raa'isii, bara 2021 Ismaa'el Kaatib Ministiira Tika biyyattii gochuun muudan.

Ayaatolaa Alii Kameenii dabalatee beekotota amantaa Islaamaa jalatti seera amantii Islaamaa nama barataniidha.

Biiroo Ayaatolaa dabalatee Ministeera Tikaa Iraan keessatti gulantaa garaa garaa irra nama tajaajilaniidha.

Ajjeefamuu Ismaa'eel Kaatiib hordofee Pirezidaantiin Iraan Maasuud Pezeeshkiyaan Iraaniif gadda guddaa ta'uu ibsanii turan.

Meejar Jeneraal Abdolraahiim Mosaavii - Ajajaa Waliigalaa Humnoota Waraanaa Iraan (ajjeefaman)

Meejar Jeneraal Abdolraahiim Mosaavii Waxabajjii 12, 2025 haleellaa Israa'el Iraanirratti gaggeessiteen qondaalota Iraan ajjeefaman keessaa tokkoodha

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Meejar Jeneraal Abdolraahiim Mosaavii Waxabajjii 12, 2025 haleellaa Israa'el Iraanirratti gaggeessiteen qondaalota Iraan ajjeefaman keessaa tokkoodha

Waraana US fi Israa'el wal-ta'uun Iraanirratti gaggeessaniin qondaalota Iraan ijoo ajjeefaman keessaa tokko ajajaa waliigalaa humnoota waraanaa Iraanidha.

Meejar Jeneraal Abdolraahiim Mosaavii haleellaa US-Israa'el gaafa Guraandhala 28, 2026 bananiin ajjeefaman.

Qondaalli waraanaa kun waraana guyyaa 12 Israa'elifi Iraan gidduutti gaggeeffamee tureen kan ajjeefaman Meejar Jeneraal Mohaammad Baghaarii bakka bu'uun muudamanii ture.

Abbaas Araaghchi - Ministira dhimma alaa (lubbuun jiru)

Abbaas Araagchii

Madda suuraa, Karim JAAFAR / AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Abbaas Araagchii Ministiira Dhimma alaa Iraan yoo ta'an, dippilomaatii buleessa dhimma Iraan wal-tajjiiwwan marii idiladdunyaarratti qabatanii mul'ataa jiraniidha.

Waraanni Iraan osoo hin eegalin duraas ta'e erga eegalee waa'ee marii nama adda dureen Iraan bakka bu'uun ifaajaa jiraniidha,

Ambaasaaddara Iraan ta'uun biyyoota garaa garaatti hojjachaa kan turan yoo ta'u, Ministeera Dhimma Alaa Iraan keessas yeroo dheeraaf hojjataniiru.

Qondaalota Iraan jajjaboo haleellaa US fi Israa'el irraa lubbuun hafan keessaa tokko yoo ta'an, tattaafii waraana kana mariin fixuu godhamaa jiru keessattis adda dureen Iraan bakka bu'uun Abbaas Araagchii hirmaataa jiru.

Qondaalota Iraan irratti xiyyeeffachuun bu'aa maal argamsiise?

USfi Israa'el qondaalota siyaasaafi waraanaa Iraan olaanoo irratti xiyyeechuun haleellaa gaggeessuun isaanii mootummaa Iraan keessatti "tasgabbii dhabiinsafi burjaajii uumudha" jedhanii ture walitti qabaa ajajoota waraana Ameerikaa kan ta'an Jeneraal Daan Keen.

Jalqaba waraanichaa irratti USfi Israa'el lamaansaanituu kaayyon waraanichaa mootummaa Iraan garagalchuu akka ta'e yaadaa turan.

Waraanichi yeroo eegalu, Tiraamp viidiyoo gabaabaa gadi lakkiseen, uummanni Iraan bahee mootummaa akka fonqolchuufi Iraan akka dhuunfatu waamicha godhee ture.

Netaaniyaahonis uummanni Iraan carraa kanatti fayyadamuun warraaqsa akka gaggeessu waamicha taasise.

Haa ta'u garuu, Iraan biyya du'uun "akka kabaajaatti" ilaalamu keessatti, qondaalonni olaanoon hanga kanaa ajjeefamanis ilaalcha cichoominaafi fuulduratti tarkaanfachuu malee ilaalcha jilbeenfachuufi harka laachuu uumuu hin dandeenye.

Gaggeessaa olaanaa biyyattii dabalatee qondaalonni waraanafi siyaasaa ijoo ta'an jalaa ajjeefamanis Iraan jilbeenfachuu hin dandeenye.

Gaggeessaan tokko yeroo ajjeefamu battalumatti kan biraa bakka buusuun, misaa'elafi diroonii dhukaasuu guyyaan itti dhiiste hin jiru.