US fi Iraan waraana dhaabuuf maaltu gufuu itti ta'a?

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

US fi Israa'el torbaanotaaf dandeettiin waraana Iraan laamshayuu himaa turan.

Pireezdaantiin US Donaald Tiraampi fi ministirri waraanaa isaanii, Piit Hegseet, irra deddeebiin haleellaan qilleensaa walirraa hin cinne caasaa ajaja waraanaa Iraan diiguu fi dandeettii qolachuu isaa dadhabsiisuu dubbataa ture.

Akka dubbii aangawoota Ameerikaa kana ta'ee yoona walitti bu'iinsi kun gara dhumaa jira.

Garuu, wanti mul'ataa jiru faallaa kanaati. Muddamni jiru hammaachaa dhufeera, fiixee gahaa jira, karaan waraanni kun itti xumuramus dhiphachaa jira.

Sanbat-duraa dabre immoo Iraan misaayeloota lama gara buufata waraanaa US fi UK Garba Guddaa Hindiirratti argamu Diyaagoo Gaarsiyaa jedhamu furgugsitee turte. Iraanirraa lafti kun 3,800km fagaata.

Furgugfamuun misaayeloota kanneenii buufata waraanaa kana dhaqqabuu baatullee, dandeettii waraanaa Iraan ilaalchisee waan himu qaba. Yaaddoo warra masaanuu Iraanisi.

Hanga yoonaa kan beekamu, fageenyi misaayelaa Iraan hanga 2,000km jedhamee amanama.

Taateen kun dandeettiin waraanaa Iraan kan tilmaamamuu oli ykn osoo waraana jala jirtuu humna akkanaa horachaa jirti kan jedhu akeeka, waraanni irratti baname akka himame dandeettii waraanaa Iraan hin burkuteessine.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hogganaa Olaanaa biyyattii Ayaatolaa Alii Kaamenii, hogganaa olaanaa nageenyaa Alii Laarijaanii dabalatee hoggantoonni ijoon Iraan hoggantoonni Iraan garri caalan ajjeefamanii, buufataaleen oomisha misaayelaa hedduun barbadaa'anii yoo jiraatan eenyutu duula kana gaggeessaa jira ree? Iraan akkamiin dandeettiin waraanaa ishee damdamatee yoona gahe?

Shakkiin gubbaarraa eegale. Mojtaabaa Kaamenii, kan haleellaa abbaa isaa fi maatiisaanii ajjeese jalaa hafe hogganaa biyyattii ta'e. Inni hanga ammaa uummatatti hin mul'anne. Ergaawwan barreeffamaa lama malee waayee isaa homtuu hin mul'annes, hin dhagahamnes.

Haalli inni keessa jiru ifaa miti, dandeettiin hoggansa isaa maal akka fakkaatu hin beekamu. Sirna aangoo bifa waaltawaarratti ijaarame akka Iraan keessatti callisuun wiirtuu aangoo keessatti shakkii uuma.

Gochi warra Iraanis, kufaatiif akka jiran hin akeeku.

Sanbat-duraa Iraan gammoojjii Israa'el Negev keessatti magaalaa Israa'el Dimoonaa jedhamtu kan bu'uuraalee sagantaa Niwukilaraa Iraan isheen ifatti hin beeksisin haleeltee turte.

Israa'el kanatti aansuun bu'uuraalee inarjii Iraan kan naannawa Busheehr jiru, kan buufatni niwukilaraa ishees keessatti argamu haleelte.

Ergaan isaa salphaa dha. muddamni deemaa jiru gita lamaanirraawuu wal madaala. Iddoowwan ijoon qiyyaafannoo haleellaa hin taanes hin jiraatan.

Gochoonni kunneen burjaajjii osoo hin taane qindoominni jiraachuu mul'isu.

Tilmaamni tarsiimoo US fi Israa'elii, hogganoota olaanoo fixuun bulchiinsa Iraan laamshessa kan jedhu yoo ta'u, amma garuu shakkiitu mul'ata.

Yaadni " baaragsuu fi rifaatuu uumuu" caasaa hoggansaa murtoo kennu diiguu irratti bu'uureeffama. Garuu caasaan hoggansaa jiru kan tilmaamamuu ol yoo dhiibbaa jabaa kan damdamatu yoo ta'e hoo?

Yoo kun ta'e, rakkoo battalaa baay'eetu dhalata jechuu dha: eenyu waliin dubbachuuf erga hoggansi dhumee?

Pireezdaantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan baay'ee hin mul'atan. Jalqaba waraanaatti, olloota Iraan (biyyoota Galoo Galaanaa) haleeluu isaaniif dhiifama gaafatee ture. Dubbiin kun garee Eegdota Warraaqsaa Iraan (IRGC) dallansiisee ture.

Erga Mojtaabaan muudamee as, sagalee Masuud Pezekshiyaan xiqqaachaa dhufe. Haasawa dippiloomaasawaa haasawuutti ture.

Prezdaant Donaald Tiraamp,Mojtabaa Kaamenii fi Beenjaamii Neetaniyaahuu

Madda suuraa, Reuters/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Prezdaant Donaald Tiraamp,Mojtabaa Kaamenii fi Beenjaamii Neetaniyaahuu
Odola Diyaagoo Gaarshiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Odola Diyaagoo Gaarshiyaa

Ija Teehraaniin dubbii yoo ilaalle immoo, taateewwan tibbanaa marii godhamuu kamuu akka ija shakkiin laallu nu godha.

Ji'oota 14 darban erguma Tiraampi aangotti deebi'ee as, mallattoon marii niwukilaraa jijjiirama agarsiisaa wayita dhufu hundumaa tarkaanfii waraanaatu itti aanaa ture.

Aangawoonni Iraan waltajjii marii marsaa lammaffaa Guraandhala 27, 2026 Jenevaatti taa'amerratti yaaddoo Ameerikaarratti qaban ibsatanii jiru.

Veenaatti immoo marii teknikaatiif qophiin godhamaa ture. Tiraampi "ani itti hin gammadne" jedhee guyyaa itti aanu haleellaa bane.

Qondaalota Iraaniif, ergaan isaa if: mariin haleellaa namarraa hanqisuu hin danda'u. Ittuu isaan affeeruu danda'a.

Garuu Iraan qofaa miti kan dubbii hammeessuu danda'u, Tiraampis Sanbat-duraa halkan rakkoo uumeera.

Iraan sa'aatii 48 keessatti Ulaa Hormuz banuu akka qabdu akeekkachiise. Yoo Iraan ulaa kana banuu baatte maddeen anniisaa Iraan akka "barbadeessu" dhaadate.

Iraan yaada kana ni kuffifte. Inumaayyuu yoo haleellaan maddeen anniisaa isheerratti raawwatame naannichatti haleellawwan akka raawwattu doorsifte.

Manni Maree Olaanaan Humna Ittisaa Iraan Galoo Galaana Parshiyaa keessa dhukaatuuwwan akka kaawu akeekkachiise.

Egaa walitti dhaadachuun kun balaa gara fuulduraa dhufus ni akeeka. Tiraamp saffisaan hireewwan jirtu dhiphisaa deemaara. Humna lafoo takka kan lafarraa hin qabne US fi Israa'el, haleellaa qilleensaatiin qofa, mancaatii uumuudhaan, galmi harka kennisiisuu hin danda'an. Akkanumallee, haleellaan raawwataa jiranis haaloo babal'isaa deema. Ulaan Hormuzis akkaataa kanaan hin banamu.

Wal dura dhaabbannaan kun walitti bu'iinsa kana sadarkaa balaafamaatti geessaa jira.

Tiraamp sa'aatiin 48 inni kaaye osoo hin guutinuu of duuba deebi'e. Miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social gubbaatti Iraan waliin "marii gaarii fi bu'a qabeessa gooneerra" jechuun sa'aatii 48 maddeen anniisaa Iraan haleeluuf akeekkachiise gara guyyoota shaniitti guddise.

Yeroon inni itti bahee beellama haleellaa dheeresse murteessaa dha. Ofirra deebi'uusaa akeeka.

Gabaanis of eeggannoodhaan deebii kennaarti. Gatiin zayitaa gadi bu'e, xinnoo fooyya'iiinsa agarsiisuu isheeti. Hubachiisni Tiraampi qabatamaan hojiitti hiikamaa kan jedhu kan dubbii murteessaa dha. Hagam akka turus ifaa miti, dhuguma mariirra haqaatti jiraachuu isaa fi kaan ni hima.

Hundaa ol gaaffii ijoon: Iraan keessaa kan dubbachaa jiru eenyu dha, eenyutu aangoo Eegdota Warraaqsa Islaamaa fi humnoota nageenyaa harkaa qaba? kan jedhu dha.

Yoo haalli kun itti fufee fi Ulaan Hormuz iddoo wal dhabdee taate gareen lachuu wal doorsisuu itti fufu. Balaan isaas hamaa dha.

Lammiilee Iraan miliyoona 90 ta'an dabalatee uummatni naannichaa miliyoona 170 ta'u rakkoo elektirisiitii, fi tajaajiloota biroof saaxilama.

Tooftaalee marii murtaawoo ta'an dabalatee filmaanni Pireezdaanti Tiraamp dhiphachaa deemaa jira. Muddamni dabalaa deemu maraammartoo diigumsaa itti fufsiisa. Bu'aa tarsiimawaa xiqqaa fi hiree marii baay'ee dhiphaa uuma.

Iraaniif haalli ni ulfaata. Biyyattiiin gaaga'ama kanatti wayituma seentuu rakkoo diinagdee keessa turte. Mormiin uummataas itti ka'ee ture.

Amma humni nageenyaa akka to'annoo isaa cimsu gochuun waraanni dhiibbaa san salphiseera. Kun madaala rakkisa uuma. Muddamni biyyattiin waraana qolachaa haala biyya keessaa akka tasgabbeessitu ishee mudda. Kun kasaaraa jabaas qaba.

Gamni lachuu amma filmaanni qaban dhiphisanii jiru. Iraan laaftee of duuba deebi'uu hin feetu, Ameerikaa fi Israa'elis haleellaa qilleensaa itti jiran qofaan waan yaadan milkeessuu hin danda'an.