US fi Israa'el waraana Iraanirratti wal ta'aniiruu? Tiraampi maal jedhe?

Madda suuraa, Getty Images / Truth Social
Pireezdaantiin US Donaald Tiraampi Roobii buufataaleen boba'aa Kaataarii fi Iraan walitti qaban haleelamuu ilaalchisee jechoota ciccimoo fayyadamee dheekkame.
Israa'el buufata boba'aa Iraan Saawuz paars haleeltee turte. Buufata boba'aa uumamaa addunyaa keenyaa isa guddaa dha. Teehraan immoo dhaabbilee boba'aa Kaataar haleeluun haaloo baate. Haleellaawwan kunneen gatiin boba'aa addunyaa akka qaalawu godhan. Tiraampis dallansiisan.
Miidiyaa hawaasaa ofii Truth Social irratti ergaa katabeen, Tiraamp Iraanitti dhaadate, Israa'elis karoora haleellaa buufata boba'aa akka qabdu hin beeku jedhe.
Tiraampi maal jechaa jira? Haasaan isaa waayee waraana kanaa maal mul'isa? Tumsi tarsiimawaan fi galmi US fi Israa'el waraana kana keessatti qaban maal fakkaata?
Tokko tokkoon haa laallu.
Ameerikaan waayee haleellaa kanaa 'homaa quba hin qabdu'
Preezdaantichi US "waayee haleellaa kanaa homaa hin beektu ture" jedhe.
Dubbiin isaa kun haleellaa booda mata duree gaazexaawwan hedduu ta'ee jira.
Haleellaan kun "dursee Ameerikaan kan qindaaye fi... MM Israa'elii[Neetanaahuu] fi Pireezdaantii US Traampiin waliigalanii kan raawwatani" jedha gaazexaan Yedioth Ahronoth jedhamu. Gaazexaa ilaalcha warra walakkeessaa (centrist) ti.
Gaazexaan warra ilaalcha gara harka mirgaa Israel Hayom jedhamu immoo fiixeetti bahee "Pirezdaant Tiraampi waayee haleellaa Israa'el itti aanuu kan magaalaa Iraan handaara galaanaa jirtuu Asaaluyeeh jedhamtuu hoggantoota biyyoota sadan Galoo Galaana Pershiyaa waliin sanbattan mari'ate".
Dubbii jajjabaa Pireezdaant Tiraamp yeroo maraa faana yoo ilaalame dhugaan eessa akka jirtu tilmaamun rakkisaa dha.
Jechoonni inni haleellaa Israa'el ibsuuf fayyadames waan himu qaba. "Dallansuu hin qabu, " Israa'el "tasa sarbitee" buufata boba'aa Iraan haleelte.Dubbiin akkasii haaloo bahiinsa akka feetee Iraan gootu ibsuuf kan oolu. Oppireeshinii michoota dhiyoo faana of eeggannoon laalamee miti.
Tiraamp Israa'el hubannoo malee gocha kana goote jechuusaatii?
ISRAA'EL SICHI DHAABBILEE BOBA'AARRATTI HALEELLAA HIN RAAWWATTU
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezdaantichi bakkanatti hima Qubee Gurguddaa kan fayyadameef dabaafi. Maxxansa isaa dheeraa keessatti bakkuma kanatti Qubee Gurguddaa fayyadame.
"HALEELLAAN SICHI ISRAA'ELIIN RAAWWATAMU HIN JIRAATU dubbii haleellaa buufata boba'aa Saawuz paarsi waliin wal qabsiisee barreesse."Yoo Iraan maal na dhibdeedhaan iddoo nagaa, Kaataar jechuusaati, haleelte malee"
Pireezdaantichaaf akka nama of waa hunda to'achuu danda'uutti, waayee haleellaa Neetaniyaahuun raawwatamee haasawuu isaati.
Akka miidiyaa isaa Truth Social yeroo mara miira isaa ittiin ibsatuu tokkootti waan inni maxxanse kanaaf hiika laachuun waan salphaa hin ta'u.
Garuu Tiraampi haleellaa Israa'eli kuusaa boba'aa Iraanirratti raawwatteen dallanuus ni hima.
Kanaafuu, kaayyoon waraanichaa Israa'elii fi Ameerikaa gargar ta'aa jiraa?
Maxxansa tokkittii halkan waarii miidiyaa hawaasaarratti Tiraampiin maxxanfamte baay'ee dubbisuunis dogoggora ta'uu danda'a.
Aangawoonni Israa'elii biyyoonni lamaan walumaan hiriiruu ibsu. Garaagarummaan yoo mul'atullee tokko taaneema lolla jedhu.
Kamisa galgala, Neetaniyaahii ibsa miidiyaaf yoo kennu, haasawa Tiraamp irra deebi'e. Israa'el "murtoo qofaasheen" buufata boba'aa haleelte, Tiraampi haleellaa wal fakkaataa akkasii ni morme jedhe.
Neetaniyaahun, Tiraampi jalaa waan dhokate akka hin jirre akeeke. "Dhuguma Tiraampi waan gochuu qabu namni itti himaa amma?" jedhe. "Gaggeessitoota akka koo fi Tiraampi qindaawanii hojjetan takkaa argee hin beeku, Inni hogganaa dha. Ani michuu isaati ni beektu".
Kamisa ganama, dubbii himaan Imbasii Israa'eli kan Landan, Alex Gandler, US faana gamtaa jabaa qabaachuu BBC'tti dubbate. Galmoonni keenya sirna mootummaa Iraan, "We are very much aligned on most or all of our goals regarding the Islamic regime in Iran, IRGC [Eeegdota Warraaqsa Islaamummaa, sagantaa baalistikii fi niwukilarii kan ilaallatu dha."Waanuma wal fakkaataa barbaadna" jedhe.
Lachuu waa heddurratti waliigalanis garuu Israa'el addatti jijjiirama sirnaa Iraan keessaa irratti cichiteerti.
Miidiyaan Israa'el akka ganama kana gabaasetti haleellaan buufata boba'aa Saawuz paars irratti godhame mootummaa Israa'el busheesseera.
"Dhiyeessiin boba'aa lammiilee irraa adda cite, kun mormii kaasa," jedhe qondaalli Israa'el tokko.
Neetaniyaahuun mootummaa Islaamummaa Iraan buqqisuuf waggoota hedduu hawwaa akka ture beekamaa dha.
Ameerikaan dandeettii humna waraanaa Iraan dadhabsiisuurratti xiyyeeffatte.
Dandeettii misaayelaa, diroonii burkuteessuu, humna galaanaa dhidhimsuu, buufataalee haleeluu fa'i. Israa'el qondaalota caasaawwan murteessoo Iraan fixuutti jirti.
Ergamaan addaa duraanii US kan Baha Jiddu-galeessaa kaayyoon US fi Israa'el wal unataa jedhe. Yeroo tarkaanfii dhaabuu irratti kan hafe tokko.
"Tiraampi injifannoo amanamaa labsuu barbaada jedheen amana."
"Jijjiirama sirnaa jedhaniidhumaaf hin fedhu, inni galma miti."
Neetaniyaahudhaaf, akka Saatarfiild jedhutti, galmi sirna Iraan diiguun galma.
Iraan waayee haleellaa 'waan beektu hin qabdu ture'
Maxxansa isaa keessatti Tiraampi, Kaataar haleellaa haleellaa keessaa harka hin qabdu, hin beektus jedhe.
Garuu, akka carraa ta'ee, Iraan hin beektu ture, jedhe.
Tiraamp Iraan qulqulluu gochuuf miti, Iraan hubannoo guutuu hi qabdu jechuufi haleellaa kanarratti.
Balaa dhaabbilee boba'aa Iraan 'bal'inaan barbadeessuu'
Maxxansi Tiraamp kuun adda. Balaa mul'atee hin beekne buusuu fa'i dubbata.
Yoo Iraan buufata boba'aa uumama Kaataar LNG [liquefied natural gas] irra deebiin haleelte US buufata boba'aa Iraan Saawuz paars 'bal'inaan barbadeessiti' jedhee dhaadata. Karaa Iraan as dura agartee hin beeknen jedha.
Traampi fi ministirri waraanaa isaa Piit Heegseet haleellaa jaalatu. Tiraampi "Pireezdaantii Nagaa" ofiin jedha.
Washingtan Iraan irraa badii hamaa akka geessiftu ifa. Kan kanaan duraarra.
Dhaadannoon Tiraampi 'Ameerikaan haa dursitu' MAGA [Make America Great Again] jedhu 'Israa'el haa dursitu' jechuudhan bakka bu'e jedhamees qeeqamaa jira.
Gatiin boba'aa sababa ulaa Hormuuz cufameen gatiin boba'aa addunyaa akka malee dabale, sababa haleellaa Israa'eliimmoo mallattoolee dooniiwwan ugguruu dhiisuu mul'ataa jiru jedhe Tiraamp.
Waraanni itti fufuun hin oolu. Jijjiiramni sirnaas dhiyoo hin fakkaatu.
Israa'el keessa deeggarsi waraanaa olaa dha. US keessatti 50% gadi. Neetaniyaahuuf lolli kun filannoo itti aanu mo'achuuf carraa dha. Rippaablikaanota Tiraampi Mudde itti aanu filannoo walakkeessaa (mid-term) filatamuuf garuu kasaaraa dha.
Israa'elii fi US gama waraanaa michuu jajjaboo dha. Yeroo jalqabaatiif waraana tokko waliin lolaa jiru. Torbaanota saditti milkaawaa jirus.
Garuu waraanichi yaada Tiraampii ol wal xaxaa deema.












