Hoggantoota olaanoo Iraan 20 guyyoota 20 keessatti ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Rippaabilikni Islaamaa Iraan erga Ameerikaa fi Israa'el torban sadiin dura waraana irratti bananii as hoggantoota ishee hedduu dhabdee jirti.
Waraana kanaan guyyoota 20 qofa keessatti qondaaltonni waraanaa, nageenyaa fi siyaasaa hedduun ajjeefamaniiru. Haa ta'u malee, tarreen kun namoota hedduu waraana kanaan lubbuu isaanii dhaban keessaa kan hoggantoota olaanoo ajjeefaman keessaa gara 20 ta'an irratti kan xiyyeeffatu
Mootummaan Iraan ajjeechaa Hogganaa Olaanaa duraanii Ayaatolaa Alii Kaameniifi hoggantoota olaanoo biroo boodas osoo harka hin kenniin haaloo bahuu itti fufee jira.
Israa'eel ajjeechaan qondaaltota Iraan irratti raawwachuu booda takka callsiftee guyyaa tokko booda ammas guyyaa tokkotti hoogganoota tikaa biyyattii sadii ajjeesuu ibsiteetti.
Erga waraanni kun jalqabee qondaaltonni Iraan meeqa ajjeefaman? Mee tartiibaan isaan haa ilaallu.
Guraandhala 28
Haleellaa Sambata xiqqaa Guraandhala 28 jalqabeen hoggantoonni Iraan hedduun ajjeefamaniiru.
Hoggantoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa:
Hogganaa Olaanaa Iraan - Ayaatoolaa Alii Kamenii
Barreessaa Mana Maree Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Gorsaa Nageenyaa -
Alii Shamkaani
Ajajaa Olaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa - Mohammad Pakpuur
Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa - Amiir Naasirzaadeeh
Itaamaajooor Shuumii waraana biyyattii - Abdulraahiim Musaavii
Hogganaa Waajjira Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa - Birgaadeer Jeneraal Mohammad Shirazi
Itti Aanaa Hogganaa Basaasaa Raayyaa Ittisa Biyyaa - Birgaadeer Jeneraal Saaleh Asaadii
Itti Aanaa Hogganaa Loojistikii fi Deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa - Meejar Jeneraal Mohsen Darehabagi
Hogganaa olaanaa waajjira itti aanaa ajajaa olaanaa waraana biyyaa- Birgaadeer Jeneraal Akbar Ibrahimzadeeh
Hogganaa Kutaa Loojistikii Raayyaa Ittisa Biyyaa - Birgaadeer Jeneraal Hasan Alii Taajik

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bitootessa 3
Gabaasni maddi oduu Ameerikaa Axios qindeesse akka mul'isutti, Israa'el ministira ittisaa guyyaa jalqabaa haleellaa kana irratti ajjeefame bakka bu'uun muudame Seyed Majid Ibn al-Reza muudamee guyyaa lama booda ajjeefamuu beeksise.
Guyyaadhuma kana , Israa'el miseensi olaanaa humna addaa Warraaqsa Islaamaa Kuuddus kan ta'e Reezaa Hozaa'ee magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessatti haleellaa raawwatameen akka ajjeefame Israa'el beeksiste.
Bitootessa 8
Waraanni Israa'el Dilbata Bitootessa 28, ajajoota Eegdota Warraaqsaa shan kan hoteela Beerut keessatti walgahii hirmaatan ajjeesuu ibseera .
Akka waraanni Israa'el jedhutti, kanneen ajjeefaman keessaa qondaaltota basaasaa olaanoo Ali Reza Bi-Azar fi Ahmed Rasuuli ni argamu.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ambaasaaddarri Iraan xalayaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif erguun, haleellaa Hoteela Ramada Beerut irratti raawwatameen dippilomaatota afran ajjeefaman dippilomaatota Iraan ta'uu ibseera jechuun dhaabbati oduu Iraan Tasnim gabaaseera.
Bitootessa 12
Raayyaan Ittisaa Israa'el ibsa guyyaa sana baaseen , ajajaa kutaa hojii misaa'elaa Eegdota Warraaqsa Iraan kan ta'e Abu Daar Mohaammad ajjeesuu beeksiseera.
Namni kun ''sagantaa misaa'elaa Hezbollaah irra deebiin gurmeessuu keessatti gahee olaanaa taphachuun gabaafameera.

Madda suuraa, Reuters
Bitootessa 17
Israa'el haleellaa marsaa jalqabaa booda Kibxata kaleessaa qondaala nageenyaa olaanaa Iraan ajjeesteetti. Barreessaa olaanaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ol'aanaa Iraan Alii Laarijaanii haleellaa Israa'el raawwatteen ajjeefamaniiru.
Kanaan dura waggoota 12f af-yaa'ii paarlaamaa Iraan ta'uun kan tajaajilan Laarijaaniin, ilma isaanii waliin gamoo keessa dhokatanii turan irratti haleellaa raawwatameen ajjeefamuun gabaafame.
Kana malees, ajajaan humna Baasij, Golamreeza Solemaani, haleellaa Israa'eliin ajjeefamaniiru. Iiraan ajjeechaa hoggantoota tikaa fi waraana ishee irratti raawwatame haaloo akka baaftu doorsifteetti.

Madda suuraa, IRNA
Bitootessa 18
Ministarri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaartiz Ministara Tikaa Iraan Ismaa'el Kaatiib ajjeefamuu hime.
''Eda galgala Ministarri Tikaa Iraan Kaatiib galaafatameera,'' jechuun ibsa kenneera.
Ismaa'iil Kaatiib bara 2021tti ture pireezidantii duraanii Iraan amma lubbuun hin jirre Ibraahim Raayisiidhaan ministara tikaatti kan muudame.
Namni kuni falaasama seera Islaamaa Hogganaa Olaanaa duraanii Ayaatoolaa Alii Kaameenii dabalatee hayyoota amantii olaanoo biroo jalatti barateera.
Waajiraalee tikaafI Hogganaa Olaanaa jalatti gahee hojii garagaraan hojjechaa ture.












