Lammiilee Iraanitti waayee waraanichaa maaltu itti himamaa jira?

Nama miidiyaa irratti boo'aa jiru

Madda suuraa, IRTV

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Waayeen waraana kanaa kan jalqaba gaabafame miidiyaalee biyya alaa kan lammiileen Iraan hiree hordofuu hin qabne irrattidha. Guraandhala 28, Ministitti Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu ''abbaan irree sun akka lubbuun hin jirre mallattooleen jiru'' jedhe.

Yaadni kun haleellaa waloo US fi Israa'eel Iraan irratti bananiin hogganaa Olaanaa Alii Kameenii ajjeefamuu akeeke. Lammiileen Iraan miidyaa biyya keessaa hordofan ammoo callisa keessa turan.

Aanga'oonni biyyattii du'a Kaameenii hin amannees hin haalles. Chaanaaliin mootummaa, IRTV3, irratti namni oduu dhiyeessu tokko hordoftootni akka isa amanan odeeffannoo haarawaa mootummaas akka amanan gaafate. Kameeniin ajjeefameera isa jedhame oduu bu'uura hin qabne, booda ifa bahudha'' busheesse.

Garuu kun halkan tokko caala hin bulle. Ganama itti aanu miidiyaan biyyaalessaa Iraan du'a Kameenii gabaase. Sa'aatiiwwan muraasa durammoo Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti du'a Kameenii labseera.

Erga waraanni kun eegalee lubbuu lammiilee Iraan 1,200 ta'an galaafateera jedhamuufi Libaanosiifi biyyoota galoo galaanaatti bal'ate ilaalchisee gabaasni miidiyaalee Iraan dhugaafi jette jettee walmakuun dhiyeessu. Odeeffannoo hin mirkanoofne hordoftootasaniif dhiyeessu.

Lammiileen Iraan miliyoonaan lakkaa'aman chaanaaliiwwan saatalaayitii afaan Parshiyaan tamsaasan kan hordofan ta'us, ofiin odeeffannoo walabaa argachuuf ni rakkatu. Intarneetni adda cituun, saansuuriifi uggurri chaanaalotaa lammiileen Iraan wayita waraanaafi jeequmsaa kana addunyaarraa akka adda citan taasiseera.

BBC gabaasota waraanaa torban jalqabaa miidiyaa biyyaalessaa Iraan hordofee wanti hubate gabaasnisaanii kan xiyyeeffate miidhaa namoota nagaarra qaqqabedha. Kan biraan waamicha ''diina haaloo bahuudha''. Achiis uummatni Rippaablika Islaamaa Iraanirraa amantaa akka qabatu gochuudha. Kanaan achi garuu buufataalee US fi Israa'el haleellaasaaniin miidhaniif xiyyeeffannoo xiqqaa kenna.

Odeeffannoowwn dogoggoorsoon tamsaafamaniis fakkeenya waliin dhiyaatu.

Miidiyaa mootummaa Iraan

Dhiyeessaa oduu TV boohaa du'a Kameenii hime

Madda suuraa, IRTV

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka dhaabbatni walabummaa miidiyaaf falmu Reporters Without Borders gabaasutti Iraa walabummaa pireesiirratti cunqursaa gaggeessituun addunyaarratti warra adda duree keessaayi.

Warraaqsa bara 979 booda yeroo Rippaablikni Islaamaa Iraan hundaa'erraa kaasee miidiyaaleen marti seera jabaa jalatt bulu. Miidiyaaleen biyyoota lixaa keessaa darban, maddeen oduu afaan Parshiyaa kan BBC Parshiyaa dabalatu biyyattii keessaa akka hin gabaasne dhorkamaniiru.

Waltajjiin odeeffannoo mootummaa irra jireessi TV fi raadiyoo yoo ta'u marsariitii, inistaagiraamii, telegiraamiifi X gubbaattis yaada isaa ni qooda.

Iraan keessa taa'anii waltajjiiwwan miidyaa hawaasaa kunniin fayyadamuuf ammoo VPN qabaachuun dirqama.

Miidyaaleen mootummaa kunniin karaa uummatni itti odeeffannoo biyya keessaa argatuudha. Keessumaa wayita intarneetni adda citu.

''Seenessa dhiibuu barbaadan qabu'' jedhu hojjetaan dhaabbata namoomaa kan ta'an Mahsaan Alimaardaanii. ''Injifannoo argachuufi waraana cimaa qabaachuu himu'' jedhu.

Miidiyaaleen mootummaa Iraan hedduun humnootni Iraan loltoota Ameerikaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuu ykn madeessuu gabaasaniiru. Kunis lakkoofsa miidhamtoota diinaa qaalessuudha.

Bitootessa 3, maddi Oduu Tasnim kan Egdoota Warraaqsaa Iraan waliin hariiroo qabu guyyoota lamaan jalqabaa waraanichaan miseensonni waraanaa US 650 ajjeefamaniiru jedheera. Kan inni waabeffate ammoo dubbii himaa IRGC.

Oduu kana miidiyaaleen biyyoota aka Hindii, Tuurk fi Naayijeeriyaa waabeffachuun gabaasaniiru.

Yeroo kanatti Pentaagoon loltootni US jaha ajjeefamuu mirkaneesseera. Bitootessa 13, ammoo gidduugalli ajaja waraanaa biyyattii loltootni dabalaataa torba ajjeefamuu mirkaneesseera.

Dhugaa jallisuu

Viidiyoo AIn hojjetame

Teeknoolojiin haaraan miidiyaan mootummaa pirooppaagaandaa akka gaggeessuu gargaara.

Maxxansa feesbuukii gubbaatti, Press TVn inni Afaan Ingiliffaa viidiyoo gamoo ibiddi itti qabatee fi aarrii keessaa ol bahuu maxxansee ture. Booda haqameera.

Barreeffamni viidiyoo kana jala kaahame Baahireenitti haleellaa Iraan booda gamoo guddaarraa aara bahu'' jedhee jira.

Vidiyoon kun wayita sirriitti qoratamu wantootni hin fakkaanne mul'ataniiru. Fakkeenyaaf konkolaatni lama walkeessa jiru. Kuni viidiyichi dhugaa akka hin taane kan AIn hojjetame akka ta'e akeeka.

"Olola waraanaa keessatti qabiyyee AI'n qophaa'e fayyadamuun haaraa miti, miidiyaalee mootummaa gurguddoo foorjidii fayyadamuun isaanii nama rifaasisa jedhu daarektarri Inistiyuutii Istiraateejik Diyaaloogii Bireet Shaafer UK keessatti argamuu. "miidiyaan mootummaa Iraan irra deddeebiin diippifeekii fayyadamuun miidiyichi waraana ilaalchisee wanti gabaasu dhugaa akka hin qabne agarsiisa."

Akkuma gabaasa AI waa'ee waraana miidiyaa hawaasaa lafa fudhatee, eenyu akka hojjetee fi eessaa akka dhufe ifa miti. Haata'u malee, erga waraanni kun jalqabee BBCn fakkeenyota biroo suuraa AI kanneen miidiyaaleen mootummaa seeneffama isaanii dabarfachuuf qoodaman argeera. Fakkiin kun baay'een isaa baayyee dhugaarraa kan fagaataniifi dogoggorsuuf osoo hin taane ulfina kennuuf kan yaadamedha.

Waayit Haawusiifi pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampis suuraawwan ykn viidiyoo ulfina kennuuf yaadaman AIn uumaman ulfina kennan yeroo hunda qooddatu. Muummichi ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun dhiheenya kana suuraa AIn uumame kan ofii isaanii, Tiraamp fi MM yeroo waraanaa Wiinston Charchill haala injifannoo agarsiisan Instagram irratti qoodaniiru. Barreeffamni kun karaa walta'iinsa waltajjii miidiyaa hawaasaatiin miidiyaa oduu tokkoon dabaleera.

Firii dhugaa

Bakka mullatu kana Wiirtuu Oireesii Iraanitu yeroo namoonni daa'imman ajjeeffaman awwaalaaf bahee boolla qotudha jedhe

Madda suuraa, Iranian Press Center/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka mullatu kana Wiirtuu Oireesii Iraanitu yeroo namoonni daa'imman ajjeeffaman awwaalaaf bahee boolla qotudha jedhe

Iraan odeeffannoo sobaa cinatti firiiwwan dhugaa nyaachisuun ishee qeeqxota sirnicha biyyattii keessaa fi alaa hedduu biratti shakkii facaaseera.

Miidiyaaleen mootummaa Iraan Bitootessa 3 haleellaa mana barumsaa tokko irratti raawwatameen daa'imman fi hojjettoonni 160 ol akka ajjeefaman yeroo gabaasan – ogeeyyiin walaba ta'an akka jedhanitti, hojii Ameerikaan buufata waraanaa dhiyoo jiru irratti xiyyeeffatte ta'uu hin oolu – suuraa awwaalcha jumlaa qilleensa irraa ka'es qoodeera.

Mormitoonni mootummaa sirni awwaalchaa kun AIn kan uumame ta'uu himan. Garuu fakkiin sun dhugaa ture. Bakka awwaalchaa mana barumsichaa irraa gara 3.7km (2.3 miles) fagaatutti geolocated goone, mukkeen, haala daandii fi gamoo dhiyoo jiru kanneen suuraa saatalaayitii keessatti mul'ataniin akka walsimu mirkaneessine.

Awwaalli haaraa qotame suuraa saatalaayitii irrattis guyyaa awwaalcha boodaa irraa kaasee mul'ata. Guyyaa duraa lafti qullaa ture.

Yeroo tokkotti dhugaa lama qabachuu qabna," jedha Mahsa Alimardani, Witness irraa. Sirni Iraan yeroo baayyee yeroo miidhaa raawwate ragaa dhoksa, yeroo waraanaa garuu miidhaa namoota nagaa galmeessuu irrattis invastimantii guddaa ni taasisa.

Dokumantiin sun ololaafi seeneffama waraanaa mootummaa tajaajiluu kan danda'u ta'us, ofumaan soba hin taasisu jetti.

Gabaasa mootummaa Iraan yeroo ilaallu, namni tokko ''shakkii fayya qabeessa'' qabaachuu qaba jechuun Alimardaniin hubachiisa.