Arteetaafi Gaardiyoolaa keessaa eenyutu waancaa Kaaraabaawoo caalaatti barbaada?

Madda suuraa, Getty Images
Morkiin Arsenaal fi Maanchistar Siitiin taasisan gara Wembileey ce'eera - garuu dhimmichi waan Waancaa Kaaraabaawoo qofa hin fakkaatu.
Gareen Mikeel Arteetaa qabxii sagaliin Pirimeer Liigii osoo dursuufi hirboo maayii Chaampiyeens Liigii keessa jiru wal argu.
Gareen Peep Gaardiyoolaa garuu bara dorgommii afur darbe keessa si'a sadaffaaf Chaampiyeens Liigii keessaa baheera.
Kilaboonni lamaan Waancaa FA keessa jiru. Garuu, taphni Kaaraabaawoo kaan irratti olaantummaa agarsiisuuf carraa tokkodha.
Kilaboonni lamaan barri dorgommii baranaa osoo hin xumuramiin si'achi si'a lama wal argu - tokko Etihaad irratti Pirimeer Liigiif, kan biraammoo Waancaa FA.
Wembileeyitti injifachuun taphoota itti aanan irratti olaantummaa ni kennaafii?
Eenyu caalaatti barbaada?
Gareen Arteetaa kan Peep caalaa waancaa kana barbaadu. Sababnimmoo booda kana ga'umsa cimaa agarsiisanis waancaan harka isaanii seenuu hin dandeenye.
Warri Arsenaal Arteetaa jalatti waancaan yeroo xumuraaf injifatan Waancaa FA bara 2020 injifatanidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana dura Siitii keessatti gargaaraa leenjisaa Peep kan ture Arteettaan waancaa Arsenaal sana Siitiidhaa bahee ji'a sagal booda mo'ate.
Bara dorgommii sana garuu Gaardiyoolaan Chaampiyeens Liigii, Waancaa Pirimeer Liigii afur, Waancaa FA fi Waancaa EFL, UEFA Suppar Kaapp, fi Waancaa Kilaboota Addunyaa FIFA'n qopheessu mo'ateera.
Arteetaan erga Arsenaalitti waancaa injifateetii yeroo adda addaatti waancaa Yurooppaa Liigii, Waancaa EFL, fi Chaampiyeens Liigii irratti mo'ameera.
Dabalataan, Siitiifi Arsenaal taphoota 16 booda kana waliin taphatan keessaa Arteetaan afur qofa injifate, sagal immoo mo'ame.
Kana jechuun Arteetaan Gaardiyoolaa caalaa morkii waancaa malee xumuruu dhaabuu barbaada jechuudha.
Ittisaan duraanii Arsenaal fi Ingilaand Maat Aapsan ''Akkan yaadutti Arteettaan [waancicha] baay'ee barbaada sababni isaas Arsenaal keessatti cimanis taphatani waancaa gahaa hin mo'anne.''
Sababa kanaaf dhiibbaan guddaa Arteettaarra jira jedha. Kana jechuun Peep Gaardiyoolaan waancaa hin barbaadu jechuu miti.
Siitiin yoo mo'ate ofitti amanummaa Arsenaal ittiin qoruu danda'a.
''Kunimmoo taphoota saddeet hafan keessatti isaan gargaara,'' jedha Maat Aapsan.
Ittisaan duraanii Maanchistar Siitii Nedum Onuoha gama isaan mo'uun Siitiifis guddaadha jedha.
''Siitiin Chaampiyeens Liigiirratti waan mo'amanif aarii qabu. Riyaal Maadiriin mo'amuun isaanii akkam akka isaan aarse Waancaa Kaaraabaawoo irratti mul'isuu danda'u.''
Dabaluunis, boqonnaa taphoota idil-addunyaa dura waancaa ol kaasuun ilaalcha bara dorgommichaa guddaatti jijjiira yaada jedhu qaba.
Waancaan kuni morkii liigichaaf ni akeekaa?
Arsenaal erga bara dorgommii 2003-04 Arsen Vengar jalatti waancaa liigichaa erga kaaseeti barana ga'umsa cimaa waancaa itti ol kaasurra jira.
Tapha dabalataa tokko taphachuun garaagartee qabxii sagaliin Siitiii of duuba aansuun liigicha dursaa jira.
Siitiin booda kana qabxii gataa jiraatus Arsenaal garuu fuulduramatti qajeelaa jira.
Kanaaf, taphni Dilbataa bara dorgommii hafeerratti dhiibbaa qabaa?
Aapsan akka jedhutti, Arsenaal osoo mo'amellee garee Arteetaa hin miidhu jedha.
''Akkan yaadutti bu'uurri isaanii cimaadha. Osoo mo'amani, waan [imala waancaa] irraa isaan danqu natti hin fakkaatu.''
Dabaluunis, ''Arsenaal mo'uun garuu kilabichaaf waan guddaadha. Sadarkaa irra jiran isaaniif mirkaneessa.
''Wembileeyitti Siitii mo'achuun waan guddaadha. Mo'amuun Siitiif waan hamaadha,'' jedha.
Ittisaan duraanii Siitii Nedum Onuoha gama isaan Maanchistar Siitiin dorgommii waancaa liigichaa ala miti yaada jedhu qaba.
Weembileeyitti kilabii liigiirratti isaan morkatu injifachuun lamaaniifuu jechuunis Arsenaaliifis ta'e Siitiif guddaadha jedha.
Eenyu injifata?
Aapsan kilaboonni lamaanuu waancaa kana mo'achuuf carraa wal qixa qabu jedha.
Haa ta'u malee, sababa tokko eeruun Arsenaaliif tilmaama caalu kenna.
''Arsenaal ni injifatan jedha. Sababni isaas isaanirraa ga'umsa akkamii isaanirraa akkan argu sirriitti nan beeka,'' jechuun hima.
''Siitiin ammallee garee cimaadha. Gaafa sirrii jiran eenyuniyyuu injifachuu danda'u, garuu isaan tilmaamuun nama dhiba.
''Cimanii mo'atu yookiin ittisuutti ka'anii galchiin itti seenee [mo'amu].''
Ittisaan duraanii Siitii Nedum Onuoha gama isaan lammaniifuu tilmaama kenna.
''Bara dorgommii baranaa Pirimeer Liigii keessatti Arsenaal kilaba kamuu akka caalu ilaalleerra, [keessumaa] karaatti injifatan, garuu kuni tapha tokkodha.
''Akka ilaalcha kootti, cuquliisonni [Siitii] ni injifatu jedheen abdadha.''












