Senegaal Waancaa Afrikaa mulqamuun 'haqa miti' jette, malaammaltummaa himatte

Tapha xumuraa waancaa Afrikaa bara 2025 muddamaan deeggarame

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Koreen Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa waancaan Afrikaa bara 2025 Senegaal ji'oota dura injifatte akka irraa mulqamu murtee dabarse mootummaan Seengaal cimsee balaaleffate.

Mootummaan Senegaal ibsa baaseen waancaan karaa haqaan mo'atan irraa mulqamee Morokoof akka kennamu murtee darbeen ''hedduu aarre'' jedha.

Murteen amma dura ''takkaa dhagahamee hin beekne'' kun duudhaalee ispoortichaa akka haqummaa, amanamumma fi kabaja wajjin walqabatan kan faallessudha jedheera.

''Seericha akka ta'utti hubachuu dhabuun murtee seera qabeessa hin taaneefi haqummaa hin qabnedha'' jedha ibsichi.

Konfedereeshiniin Kubba Miilaa Afrikaa Senegaal irraa mulqee Morookoon shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 akka taatu murteesse.

Tapha waancaa Afrikaa xumuraa Senegaalii fi Morookoo gidduutti gaggeeffame irratti eeyyama murteessaa malee murtoo peenaaliitii nurratti kenname hin fudhannu jechuun taphattoonni Senegaal tapha dhiisanii dirree keessaa bahanii ture.

Senegaal taphicha galchii 1-0'n mo'atte. Amajji 18 kan gaggeeffame taphni waancaa kun daqiiqaa 98 irratti rukuttaan peenaaliitii yeroo Morookoof kennamu dubbiin ka'e.

Leenjisaan Senegaal Paappee Tiwaaw taphattoonni isaanii dirree keessaa akka bahan itti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphichi daqiiqaa 17'f erga adda citee booda deebi'ee jalqabe.

Biraahim Diyaaz rukuttaa peenaaliitii kenname dhabe. Taphataan Vilaariyaal Paappee Geey sa'a dabalataa irratti galchii lakkoofsisuun taphicha mo'atan.

Amma qabxii injifannoo Senegaal kun haqamuun sanuu galchii 3-0'dhaan Morookootu mo'ate jechuun Konfedereshiniin Kubba Miilaa Afrikaa murteesse.

Kun erga Morokoon ol iyyatteen booda murtoo darbedha.

Ibsi 'CAF' baase akkas jedha: Taphni xumuraa Waancaa Afrikaa 'foorfeedhaan' Morookoon 3-0'dhaan akka mo'atetti galmaa'uun Morookoof kenamuu akka qabu murtaa'eera.''

Federeeshiniin Kubba Miilaa senegaal Mana Murtii Ijibbaata Ispoortii Addunyaatti akka ol iyyatu ibse.

''Murtoon 'CAF' haqa qabeessa kan hin taane fi kan fudhatama hin qabne'' jedhe.

CAF ammoo Senegaal seera ittiin bulmaataa CAF keewwata 82 waan cabsiteef murtoon keewata 84 irra jiru hojiirra oole jedhe.

Keewwanni 82 yoo gareen tokko eeyyama murteessaa malee osoo yeroon kenname hin xumuramiin tapha dhiisee bahe ykn taphachuu dide akka mo'ametti lakkaa'amuun dorgommicha keessaas haqama jedha.

Keewanni 84 ammoo gareen keewata 82 cabse taphicha akka galchii 3-0 mo'ameetti lakkaa'amuun dorgommii keessaa baafama jedhe.

''Federeeshinichi seerota dorgommii hojiirra oolchuuf, haala dorgommii ifa tahe diriirsuufi dorgommii Afrikaa keessatti tasgabbii uumuuf hojjechuuf kutannoo qaba'' jedhe ibsichi.

Murtoo isaa kana biyyoota dorgommicha irratti hirmaatan hunda akka beeksisu ibseera.

Fuula X Federeeshinii Kubba Miilaa Senegaal irratti kan maxxane ammoo yeroo taphattoonni waancaa injifatanii ture qabatanii konkolaataa irra bahuun gammachuu ibsatanidha.

Gaazexessaan Kubba Miilaa Afrikaa Kaabaa, Maaher Mezahi BBCtti akka himetti, murtoon darbe kun miira guyyaa sana ture tokkoyyuu jijjiiruu hin danda'u jedhe.

''Daqiiqota 16 xumuraa guyyaa sanaa fi miira guyyicha mudate homaa jijjiiruu hin danda'u.''

''Miira yeroo taphattoonni Senegaal waancaa fudhatanii galan ture, meedaaliyaa yeroo fudhatan waan isaan irraa mul'ataa ture kan haqu miti.''

Xumura Waancaa Afcon irratti maaltu mudate?

Senegaal Waancaa Afrikaa Morokoon qopheesite injifattus CAF harkaa mulqe.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Senegal's initial victory over Morocco was their second Afcon title after winning the trophy in 2021

Taphni 0-0 xumuramee daqiiqaa dabalataa saddeettaffaa irratti murteessaan taphichaa Jiin Jaakuus Indaalaa rukuttaa peenaaliitii kenne.

Indaalaan ogeessota VAR irra turaniin ilaalee akka kennu gaafatame. Kunis balleessaa El Haajii Maalik Diyuuf Biraahim Diyaaz irratti hojjetenii.

Leenjisaan Senegaal Paap Tiwaaw murteesichi daqiiqaa muraasa dura galchii Senegaal waan jalaa haqee tureef aarii keessa ture taphattoonni isaa dhiisanii akka bahaniif gaafate.

Sadiyoo Maanee dirree keessatti hafuun akka gareen isaa deebi'anii taphatan gaafataa ture.

Daqiiqaa 17 booda taphattoonni Senegaal deebi'uun tapha jalqaban.

Biraahim Diyaaz rukuttaa peenaaliitii Paneenkaa yaalee karra eegaan Senegaal Edwaardoo Mendii jalqabaa deebise.

Sa'a dabalataa irratti taphataan Senegaal Paap Geey galchii lakkoofsisuun Senegaal shaampiyoonaa taate.

Leenjisaan Morookoo Waalid Reegraguy gochaan Senegaal ''kan nama qaanessuu'' fi ''Afrikaa kan hin kabachiisne'' jedhe.

Pirezidaantiin FIFA, Jiyaanii Infaantiinoo ''taatee fokkisaa'' jechuun balaaleffate.

Leenjisaan senegaal jeequmsa ka'een ibsa miidiyaaf kennuuf tures adda kute.

Garuu booda garee isaa dhiisaa bahaa jechuu isaatti akka gaabbe ibsuun miira turetu na mo'ate jedhe. Gocha isaafis dhiifama gaafateera.

Ergasii Morookoon Waancaa Addunyaaf ji'oonni afur yeroo hafan leenjisaa ishee Waaliid hojiirraa gaggeesite.