Arteettaan tapha Ispoortiing Liisban dursee shaakala haaraa taphattoota isaa hojjechiise

Taphattoota Arsenaal shaakala addaa hojjechaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoota Arsenaal shaakala addaa hojjechaa jiran
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arteettaan shaakala haaraa kana dura argamee hin beekne taphattoota isaa shaakalsiise.

Kobbee ykn qalama harka keessaa galchuun akka gareetti kubba walitti dabarsuuf yaalaa turan.

Waan kuni maali jedhamee Arteettaan yeroo gaafatamu icciitiin isaa kan keenyadha jedhe.

Garuu, taphataan tokko al takkaatti waan lama hojjechuu akka danda'u shaakalsiisuuf akka itti fayyadamaa ture hime.

Kaan itti qoosaa turan. Arteettaa fi taphattoonni isaa ammoo yaada haaraa kanaan hojii garee cimsuuf shaakalicha hojjetan.

Waggaa 22 booda Piriimer Liigii injifachuuf morkii jabaatti kan jiru Arsenaal har'a Shaampiyoonsi Liigiidhaan Ispoortingi Liisban morkata.

Arsenaal har'a Ispoortiing Liisban yeroo morkatu tapha mo'atanii darbuu qofa miti kan mudachuu danda'u.

Namoonni baay'een Arsenaal barana yeroo jalqabaaf taphoota lama walitti aansee waan mo'ameef har'a tapha kana ni mo'ata jedhanii amanu.

Maanchister Siitiin Kaarabayoo kaappii irratti yoo mo'atu, Saawuzhampitan ammoo FA keessaa baase.

Arsenaal Arteettaa jalatti waggaa sadii walitti aansuun sadarkaa lammaffaan xumure.

Arsenaal bara kana kubba bareedaa taphachuu caalaa karaatti injifatanii bahan barbaaduun qabxii gaarii argataa turaniiru.

Garuu xumura jala gahee xiin-sammuu taphattoota Arsenaal irratti amalli kana dura mul'achuun yaaddoodha kan jedhanis jiru.

Arsenaal waancaa lama, Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii keessatti hafaniiru. Arteettaan waggootaaf jala gahee waancaa dhabaa waan tureef aarii sana barana waancicha injifachuuf itti fayyadama jedhamee eegama.

Shaampiyoonsi Liigii sadarkaa tokkoffaan marsaa jalqabaa xumure. Waancaa kanas milkeessuu barbaadu.

Gaaffii taphattootni Arsenaal deebisuu qaban garuu dhimma xiin-sammuu injifannoof qabanidha.

''Aarii garaa keessan keessaa, miira keessan fayyadama. Injifannoof of qopheessaa'' jedhe Arteettaan.

Arteettaan gareen isaa Saawuzhampitaniin mo'amuu akka hin qabne amana.

''Kuni kubba miilaati. Haala taphaa ittiin beekamnu keessatti dogogora hojjenneef adabamne,'' jedhe.

Itti dabaluun Arsenaal waancaa mo'achuuf isa yeroo kamiiyyuu caalaa ''dheebuu guddaa'' qaba jedhe.

Taphoota lamaan darban mo'amuun keenya Ispoortiingi dabalatee taphoota saddeettan amma nu hafan irratti dhiibbaa hin qabaatu jedhe.

''Yoo tapha kana mo'anne ammayyuu nuusa xumura Shaampiyoonsi Ligii irra jirra. Kanaaf baay'eema murteessaa miti'' jedhe.

Bara dorgommii kana gama hundaan jabaannee hojjenneerra. Amma ammoo garee sirriitti beeknu waliin dorgomna. Maal akka galmeessanii fi gahumsa isaanii beekna jechuun waa'ee Ispoortiingi Lissbanis dubbate.

'Arsenaal bineensa madaa'edha'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal qabxii sagaliin Maanchister Siitii caaluun garee Gaardiyoolaa duubaa ka'uun harkaa fudhachuuf yaaluu irraa isa hin dhaabu.

Inumaayyuu Maan Siitiin booda kana gahumsa gaarii irra jira. Arsenaaliin erga mo'atee Liiverpuuliin 4-0 mo'achun isaa Siitiin hagam akka fooyya'e agarsiise.

Yeroo boqonnaa darbetti taphattoonni Arsenaal 11 miidhamuun garee biyya isaanii keessaa bahaniiru. Garuu Deklaan Raayis, Magaalesh fayyanii taphaaf qophiidha.

Bukaayoo Saakaa fi Juuliyaan Tiimber miidhamanii tapha har'aaf hin gahan. Garuu tapha Barnimooziif ni qophaa'u jedhamee eabdatama.

Leenjisaan Ispoortiing Liisban Ruhi Boorjes, Arsenaal taphoota lamaan darban mo'amuun homaa isaan irratti dhiibbaa hin qabaatu jedhe.

''Isaan [Arsenaal] akka bineensa madaa'eeti'' jedhe. Isa taphoota darban mo'aman nurratti injifannoo galmeessuuf jabaatanii dhufu jedhe.

''Jabaatanii xiyyeeffannoo guddaa kennuun akka garee fi dhuunfaatti gahumsa isaanii agarsiisuuf taphatu'' jedhe.

Tapha lamaan darban mo'amuun isaanii nurratti isaan hammeessa kan jedhe leenjisichi garuu gahumsa adda tahe kana dura agarsiifnee hin beekne agarsiisuuf qophiidha jedhe.

Gareen Poorchugaal kun walakkaa xumuraaf dhaqabanii hin beekan.

Karra eegaan Arsenaal Deevid Raayaa gareen isaanii mufii gidduu kanaa fayyadamuun Ispoortiingi irratti injifannoo argachuuf taphatu jedhe.

''Aarii garaa keenyaa fayyadamuun bara dorgommii baranaa haala gaariin xumuruuf hojjenna. Har'a Ispoortiingi irratti jalqabna'' jedhe.