Falmattuu Sabaa: Qabsooftuu jabduu achi buuteenshee dhabamee maatiin balbala eegaa hafan

Falmattuu Sabaa

Madda suuraa, NTV/Social media

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 17

Maqaa qabsoo Falmattuu Sabaa jedhamuun beekamti. Qabsoo barattootaatii hanga qabsoo hidhannootti dubartii jabinaan beekamtudha. Manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti dararaan irra gaheera. Erga dirree qabsoo hidhannootti seentees geerartee onnachiisti. Bakkasheen jirtu si'achuu malee mukaa'uuf seesuun hin jiru jechuun waa'eeshee himu hiriyoonnishee.

Dhumnishee garuu hibboo hiika dhabe ta'ee hafe. Lubbuun jirtimoo hin jirtu kan jedhuuf deebii quubsaan hin jiru. Maatiinshees akka balbala eeganitti hafani.

BBCn miseensa maatii fi hiriyoota, akkasumas jaala dirree qabsooshee irraa kan odeeffate kunooti.

'Wal arguu dhiisuu dandeenya jettee nagaa itti dhaammattee biraa kutte'

Falmattuu Sabaa

Madda suuraa, NTV/Social Media

Simmanyi Dayyaasaa jedhamti. Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Ilfataatti dhalatte. Abbaasheetiif mucaa hangafaa yoo taatu, obboleeyyan shan qabdi.

"Akkuma maatiittiyyuu nama yaada qabu. Nama maatiif waan hunda yaadu, nama ollaa biratti fudhatama qabdudha. Nama xiiqii hin jaalanne. Nama namaaf hoo'u, nama garraamiidha" jechuun eenyummaa obboleettisaa hangafaa dubbata Biqilaan.

"Abbaan keenya waraana mootummaa [Dargii] ture; ajajaa shantamaati. Qabsoo diddaa garbummaa fudhatee kan itti seene maatii keenya keessaa ishumadha. Isheenis haala maatii keessa jiru ilaaltee otoo hin taane akkuma Oromummaatti, gabrummaadhuma biyyarra jiru sana ilaaltee yerootti qabsoon Amborraa finiinetti bara 1996 keessa sochii barattoonni godhan keessatti qooda fudhatte" jechuun haala itti obboleettiinsaa qabsootti seente yaadachiisa Biqilaan.

"Simmanyi 1997 irraa kaasee nama dararaa gurguddaa dabarsedha. Bara 1917 hanga 2001 mana hidhaa Qaallittii keessatti baay'ee rakkachaa turte. Bara 2001 mana hidhaatii baatee gara biyyaa [maatiishee] dhufte.

Yeroo sana abbaan keenya baay'ee dhukkubsachaa turani. Isa dubbistee mana yaalaan si geessa jettee fuutee baate. Abbaa keenya mana yaalaa geessitee yaalchistee, Finfinneetti wal arguu dhiisuu dandeenya jettee nagaa itti dhaammattee biraa kutte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Galee dhukkubni sun itti caale, fayyuu hin dandeenye, qe'ee keessa naanna'eetuma gadda; garuu kana jedhee nutti hin himu. Yeroo muraasa booda lubbuunsaa boqote" jechuun haala itti obboleettiinsaa otoo maatiin hin beekiin gara dirree hidhannootti makamte yaadachiisa obboleessishee.

Simmanyi turtii ganna afuriitiin booda bosonaa gara maatiitti deebi'uu kan himu Biqilaan, "yeroo isheen dhuftetti abbaan keenya [lubbuun] hin jiru ture" jechuun ibsa.

"Namni odeeffannooshee qabu tokkoyyuu hin jiru ture. Ani daa'imadha, nama horii eeguu bira darbe miti yeroo sanatti; obboleettiinkoo ammoo barumsarra turte. Haati keenya dadhabduudha. Abbaan keenyammoo ni boqote. Otoo abbaan keenya jiraatee ni hordofa; waan dhiisu miti.

Oddumasheen turte kanayyuu waan hafu natti hin fakkaatu. Kanaaf, hamma guyyaa gaafa dhuftee mana geessuutti" miseensi maatii eessa akkasheen jirtu quba qabu akka hin turre ibsa Biqilaan.

"Dirreen qabsoo akka asii achi ilaalluu yookaan akka afaaniin jennu miti, baay'ee jabaata nuun jetti. Dirreen qabsoo ulfaataadha; aarsaa nama gaafata.

Gaafa qorra dhugdee, ala bultee jettu dhugaa waan sanaa barta. Ummata kanaaf qabsaa'uun maal akka ta'e achitti argita jechuun nuu kaasaa turte" jechuun waan Falmattuun erga dirree qabsoorraa deebitee maatiif qooddee yaadachiisa.

'Duute jechuufis boonyee hin galle; jirti jechuufis sagaleeshii dhabnee, akka maatiitti ala eegaa jirra'

Ergasheen maatiitti deebitee, "bara 2004, 2005 magaalaa Amboo walumaan mana kireeffannee turre. Jaal Abdii waliin bakka qabsoo turanirraa gara biyyaatti deebi'ani. Erga biyyatti deebi'aniillee mana hidhaa akka turan beekamaadha. Hidhamtee baay'ee rakkachaa turte.

Mucaa waliin lafa qabsoo turan [jaal Abdii] faana gaa'ila ijaarrattee, mucaa dubaraa Waadaa jedhamtu waliin godhatani. Isheenis barnootashee ittifuftee kutaa 10 xumuruun, kolleejjii Maayikoo Bizinasiitii barnootashee hordofaa turte.

Kana keessatti wantisheen nutti hin himanne, kan dhoksaadhaan quuqamtu, wanti isheen halkanii fi guyyaa ciisa itti dhabdee rakkattu hedduusaatu ture.

Bilbilameefii akkasheen iddoo kaleessaatti deebituuf, akkasumas ammoo akkasheen nagaadhaan biyya keessa hin jiraanneef wanti godhamu hedduusaatu ture" jechuun waan obbooleettiinsaa keessa turte dubbata.

Qamoota mootummaa yeroo sanaa fi ABO dabalatee namoota gara garaa irraa bilbilamaafii akka ture itti dabaluun ibsa obboleessi qabsooftuu kanaa.

"Qaamni mootummaa akkasheen isaan faana hojjettu barbaadu turan. Isheen garuu yeroo sanatti qaama kamiifiyyuu hin hojjedhu barnootakoon baradhee gara fuulduraatti deema jettee turte. Garuu namoota hin beekamneen bilbilli karaa gara garaa itti bilbilamee ishee jeeqaa turani.

Akkasheen nagaa taatee maatii faana hin jiraanneef baay'ee rakkisaa turan. Isheenis waan gootu dhabdee, barnoota sanas addaan kuttee, mucaashee waggaa lamaa dhiistee deemte.

Abbaan manaashii Jaal Abdiin Naqamte ture. Magaalaa Naqamtee gahuushee erga dhageenyee torbee lamaa booda Naqamtees akka hin jirre nutti himame. Bilbillishee hojjechuu didee barbaachallee ofii kiyyaa Naqamte deemeen ture.

Nama ishiin bira turte, iddoosheen turte hundumaa hordofnee waajira poolisiittillee hamma gabaasa goonutti deemnee turre garuu argachuu hin dandeenye.

Guyyaa sanaa kaasnee hanga har'aatti maal akkashiin taate, eessa akkasheen seente argachuu dhabne" jechuun akkaataa itti bara 2007 obboleettiinsaa dhabamte yaadachiisa Biqilaan.

"Gaazexeessaa Keeniyaa, Yaasiin Jumaa miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka boqotte gabaasee ture. Odeeffannoo kana eessaa fidde jennaan, erga jijjiiramaatii wanti dirree qabsoorra jiru akkami jedhee ishee gaafachuudhaaf gaafan deemu boqotteetti naan jedhan malee wantan quba qabu hin jiru jedhe.

Wanti kun hagam dhugaadha jennee hordofaa turre. Gaafa Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) biyya galee simannaan Finfinneetti godhamullee hordoffii guddaa goonee, hanga hoggantoota isaanii olaanoottillee gaafannee turre. Deebii quubsaa hin arganne.

Dhuftiifi hin dhuftuu waan beeknu hin qabnu garuu hanga har'aatti duute jechuufis boonyee hin galle; jirti jechuufis sagaleeshii dhabnee, akka maatiitti ala eegaa jirra " jechuun waa'ee obboleettiisaa hangafaa qabsoo Oromoof baatee haftee dubbata.

"Dursa akkasheen biyya galte ni beekna. Sanaan booda garuu quba hin qabu jedhan" jechuun hoggantoota WBO duraaniirraa odeeffanne kan jedhu hima Biqilaan

"Waanti nuti qabnu inni guddaan ni dhuftiidha. Akkuma yeroo dura dirree qabsootti makamtu sana achi buuteeshii dhabnee turtii waggaa sadiin booda otoo nuti mana teenyuu balbala saaqqattee seente, ammas guyyaa tokko akkanatti dhufti yaada jedhutu nu keessa jira" jechuun ammallee maatiinshee akka abdii hin kutanne dubbata obboleessi Falmattuu.

"Gaafuma qabsoo ummata kanaatti seentu ati of wareegdeetudha. Namumti qabsoo Oromootti makamu of wareegeetudha. Ummata kanaafan of kenna jettee lubbuukee laachuudhaafi malee jiraadheetan iddoo guddaa gaha jettii miti.

Kanaaf Falmattuun ana yookan maatishee bilisoomsuuf otoo hin taane, ummatuma Oromootiifi kan manaa baate. Jiraattus [wareegamtus] ummata kanaafidha" jechuun waa'ee obboleettisaa ibsa.

Mucaan Falmattuu Waadaan barattee bakka guddaa gahuu qabdi jedhamtee jaallanshee duranii matiisheef gaaffii dhiyeessanii turuu kan yaadachiisu Biqilaan, baadiyaa jiraachaa turterraa harmeesaa waliin gara magaalaa Ambootti akka dhufan hima. Mucaan Falmattuu Waadaan ganna 12 yoo taatu, Akaadamii kutaa 4ffaati.

"Garuu guyyaa jalqabaa wanti kun ta'een asitti mucaan kun akkam taate, mucaan kun barachaa jirtii jedhee qaamni mucaa kana gaafate hin jiru. Haati ummata kanaaf baatee erga dhabamtee bakka haadhaa bu'anii akka guddisanii iddoo guddaan gahan" jechuunis waamicha dhiyeesseera.

Falmattuu Sabaa yeroo loltoota ABO waliin deemtu

Madda suuraa, Social Media/NTV

Simmanyi mucaa jabduu turte'- hiriyaashee

Imnat Hayiluu hiriyaa qofa otoo hin taane akka obboleettiitti waan baay'ee waliin dabarsaniiru. Mana tokko waliin jiraataniiru. Mana hidhaa hedduuttis waliin dararamaniiru. Amboo hanga Ma'aakalaawwiifi Qaallittiitti icciitii gaddaa, sodaaf dararaa bal'aa waliin qooddataniiru.

Imnat bara 1996 M/B Sadarkaa lammaffaaf qophaa'ina Ambootti Gumii Afaan Oromoo keessatti Simmanyi waliin walbarani. Lamaan isaaniyyuu barattoota kutaa saglaffaa turani. "Simmanyi mucaa jabduu turte.

Walaloo, diraamaa gaggabaabaa dhiyeessiti. Gumii miinii miidiyaattis oduu dubbifti. Achi keessatti wal barre. Ijoollee ofbeekan, ijoollee jajjaboo jedhamantu gumii sana keessa hojjeta" jechuun akkaataa itti wal baran yaadachiisti Imnat.

"Jaalala waliif qabnurraa kan ka'e mana tokkotti hamma galuutti geenyee turre. Simmanyi barnootasheetti mucaa baay'ee jabduu turte. Asuma teessee waan baay'ee kalaqxee barreessuu dandeessi.

Waltajjii irrattillee walaloo dubbisaa kan turte waraqaarraa miti; sa'aatii dheeraa sammuushee keessaa dubbisti. Nama eenyummaasheetiif duutu, nama icciitiishee eeggattu, waanti kamillee duubatti kan ishee hin deebisne mucaa jabduu turte" jechuun waa'ee hiriyaa garaashee ibsiti.

"Qoodni isheen bahachaa turte waan akka salphaatti ilaalamu hin turre. 1996 bara itti namoota baay'ee ofbiraa dhabnedha.

Bara dhiigni akka bishaaniitti dachee Amboo dhiqedha; hanga 1998'ttis akkasuma ture. Nama jabduu fincila sana adda durummaan karaa miidiyaas, karaa aartiis" hirmaannaa jabaa taasisaa turte ta'uu dubbatti.

"Yeroo sana gurmii Mandhee kan jedhamutu ture; achii keessattillee gahee olaanaa qabdi. Tarkaanfii fudhachuufillee boodatti nama hin jennedha. Hiriyaa biraa Boontuu jedhamtullee ofbiraa qabna turre.

Akka shamarran Ambootti adda dureedhaan nu sadan turre. Simmanyi ammoo numa keessaayyuu nama ofitti amantu, yeruma haasoftullee qajeelchitee bareechitee nama haasa'uu dandeessu.

Nama xiiqiin keessashee guutedha. Nama eenyummaashee jaalattu, nama jabduudha" jechuun eenyummaa Simmanyi ittiin yaadatamtu ibsiti.

Gaafileen Oromoo mirga biyyummaa fi qabeenya isaarratti abbaa ta'uu kan dhalootarraa dhufe akka ta'e dubbatti.

Sababoota mormii barattoota Oromoo baroota 1996 keessa turan ijoo ta'an keessaa "fincila kana yeroo sanatti kan bobeesse, magaalaan guddoo Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaatti" jijjiiramuu akka ta'e yaadachiisti.

'Nu rashanuudhaaf nu fuudhanii deemu seene malee waan lubbuun jiraannu nutti hin fakkaanne'

Falamttuu Sabaa

Madda suuraa, Maatii

"Simmanyi faana mana tokkollee waliin jiraanneerra. Mana hidhaa zoonii Amboorraa kaasee Ma'aakalaawwiitii hamma Qaallittiitti waliin hidhamneerra. Bara 1997 ammoo wajjin qabamne.

Hiriyootakoo nama 19 taanee galmee tokko irratti himatamne. Maaliif akka ta'e hin beeku, harkishee hamma cabutti, nurraallee adda baasanii dararaaf reebicha guddaatu isheerra gahe" jetti Imnat.

Ambotti qabamanii kan hidhaman halkan ta'uu kan yaadachiistu Imnat, "nu rashanuudhaaf nu fuudhanii deemu seene malee waan lubbuun jiraannu nutti hin fakkaanne.

Halkan naannoo sa'aatii saddetiitti gara Finfinneetti kan nu fidan. Naannoo ji'a lama sadii Ma'aakalaawwii turre. Bara 1996 jeequmsi ka'ee barnoonni addaan citee ture. Godinaalee Oromiyaa gara garaarratti jeequmsi akka malee ta'e.

Barri 1997 ammoo filannoo biyyaalessaa ture." Simmanyi dabalatee barattoonni Amboo qabaman kunneen shororkeessummaatiin akka himataman yaadachiisti.

"Kaabinoota gara garaa irratti boombii darbatanii lubbuu namoota baay'ee fixani [jedhamuun] ajjeechaa lubbuutii hanga qabeenya barbadeessuutti nu himatani. Yeroo qabamnellee meeshaa waraanaa eessaa akkasaan fidan hin beeknu nu faana dhiyeessani" jechuun haala itti hidhaman ibsiti.

"Yeroo sana miseensota KFO [Kongirasii Federaalistii Oromoo] turre" kan jettu Imnat, KFO'n dhaaba seera qabeessa waan tureef isaan akka hin himatamne yaadachiisti.

"ABO'n shororkeessaadha jedhaniitu, dabballoota ABO'ti jedhanii [nu himatan]" jechuun waan filannoo 1997'tiin booda shororkeessummaadhaan himatamuu yaadachiisti.

Yaadannoo mana hidhaa- 'namni ibiddaa keessa jiru ibiddi na guba jedhee hin sodaatu'

Mana hidhaa Ma'aakalaawwiitti bakka dubartoonni baay'inaan itti hidhaman mana xaawulaa kan jedhamutti Simmanyi waliin akka hidhaman kan dubbattu Imnat, yaadannoo baay'ee qabaachuu ibsiti.

Ma'aakalaawwii bakka Simmanyi waliin hidhamanitti "mucaan Roobee jedhamtu tokko nu waliin turte.

Dubartoonni naannoo Arsiirraa dhufanis ijoolleen lama jiru. Wallagga Lixaarraa kan dhufte mucaan Biiftuu jedhamtu tokko jirti. Naannoo nama jahaa taanee kutaa tokko keessatti hidhamne.

Nuti galmee tokkorraa nama sadii Amborraa dhufne. Dararaa guddaatu nurra gahaa ture. Balballi nurraa hin banamu. Halkaniifi guyyaa yeroon adda baasnee hin beekne ture. Kan qoratamnu halkanidha. Tokko tokkoon qofaatti waamamna.

Yeroo qorannoodhaaf deemnu yeroo hunda ni reebamna. Yeroo tokko kanin hin irraanfanne manni murtii ijoolleen kun barattootadha yakka irratti hin argine, haa hiikaman jedhee bilisaan nu gadhiisee, galmee keenya cufee booda poolisiin nu gadlakkisuu didee mana hidhaatti nu deebise. Sanarraa kan ka'e torban tokkoof nyaata dinne; lagannaa nyaataa goone.

Durumayyuu Ma'aakalaawwiitti nyaata maatiin nuuf hin fidu, isaanumatu nuu kenna. Gaafa nyaata harkaa fuudhuu dinnu, harka duubatti nu hidhanii gara mana adabbii biratti nu dabarsani.

Mana fincaanii keessa turre. Achitti nutti deddeebi'anii nyaattumoo hin nyaattan? jedhanii reebicha cimaatu nurra gahe.

Warri dhiiraa waliin galmee tokko irratti himatamnellee yeroo sana akkasuma gochaa turani. Isa booda erga nuti ni nyaanna jennee gara kutaa keenyaatti nu deebisani" jechuun yaadannoo mana hidhaa Ma'aakalaawwiitti Simmanyi waliin dabarsan seenessiti.

"Ma'aakalaawwiin baay'ee ulfaata. Halkan yeroo hundumaa qaawwaa xiqqoo tokkoon suuta jennee dabaree dabareen ilaalla. Namoota naannoo dirreerraa Waraana Bilisummaa Oromoorraa warra qabaman natti fakkaata. Namoota mataan isaanii dhedheeraa ta'an ijoollee akkasiitii baay'inaan. Ijoollee warra akka keenyatti qabaman kana baay'ee hin argine.

Namoota nuti fuulasaanii hin beeknedha; garuu afaanuma tokko dubbanna. Kutaa lafa dukkanaatii fuudhanii baasu natti fakkaata. Sansalataan duubatti hidhamaniitu jiru.

Afaanitti yeroo baay'ee kaalsii udumaniitu balbala keenya bira dabarsu. Yoo afaan keessa waa hin jiru ta'e garuu maqaasaanii haasa'aa darbu. Iddoo akkasiitiin dhufe, ani nama akkasiiti jedhanii dudubbachaa darbu.

Waan si dhibu maqaa kana barreeffannee, isa booda namootuma keenyatti nama akkasii mee maatii qoradhaa jennee odeeffannoo alatti kenninu, namoota waraanafaa keessa turanidha [jedhu].

Erga mana hidhaa baaneellee gaafan gaafadhu, namoonni sun namoota shot [ajjeefamanidha] ta'anidha hundisaanii; namoota maatiin dhabee hin argamnedha" jechuun yaadannoo mana hidhaa Ma'aakalaawwii dabaltee dubbatti.

Gudeeddii dabalatee dararaan gara garaa hidhamtoota siyaasaa irratti raawwachaa turuu dubbatti duabrtiin kun.

Waan mana hidhaa sanatti namootarra gahu ilaaluun, "nuunis carraadhuma kanatu nu qaqqaba jennee yaadaa turre. Qallaba keenya dadhaban haa ta'uu hin beeknu booda gara [mana hidhaa] Qaallittiitti nu dabarsan.

Falmattuu Sabaa

Madda suuraa, Maatii

'Dubartii waggaa 16f mana hidhaa turte, Aslii Oromoo waliin mana tokko turre'

"Dubartii waggaa 16f mana hidhaa Qaallittii turte, Aslii Oromoo jedhamti. [Miseensa] Waraana Bilisummaa Oromoo turte. Dubartii duuti itti murtaa'edha; ishee wajjin mana tokko turre.

Hidhamtoota [siyaasaa] Oromoo godinaalee gara garaarraa walitti dhufan, abdii kan kutatan namoota baay'ee faana wal argine. Keessumaa hidhamaa siyaasaa gaafa jedhamtu bilisummaan hin jiru. Mana murtii gaafa dhaqxu ajjabamteetu deemta" jechuun waan mana hidhaa taajjabde himti Imnat.

Hiriyoota isaanii dhiiraa hidhaarra jiraniin dhoksaan xalayaa walii barreessaa turuus yaadachiisti. "Gaaf ta'e xalayaan waraqaa xiqqoon nu harkatti qabamnaan achii nu baasanii mana qorqoorroo wayii keessatti ji'a lama hidhamne; adabbiidha. Baay'ee ulfaata. Ijjisaanii nubira jira.

Hidhamtootuma keessaa ammoo basaastota qabu. Afur shan taanee ennaa bakka tokko teenyu hidhamaa siyaasaa fakkaatanii kan nu basaasan jiru" jechuun haala rakkisaa Simmanyi waliin mana hidhaa Qaallittiitti dabarsan himti.

"Namoonni nu biratti hidhaman namoota lubbuu baasanii fi hidhamaa siyaasaa qofadha. Baay'inaan Afaan Oromootu haasa'ama. Mana murtiittilee waan Amaariffaan haasa'an hin dhageenyu waan ta'eef Afaan Oromootti nuu hiikaa yeroo nuti jennutu jira, otuma dhageenyuu. Hamma kana dhiibbaa gochaa turre" jechuun dubbatti Imnat.

Turtii ulfaataa ganna lamaan booda Imnat dabalatee hiriyoonnishee kaan mana hidhaatii yoo gadhiifaman Simmanyi garuu achumatti hafte. "Jireenyi akka ofiishee barbaadde nama gooti. Hiriyaa kiyya [Simmanyi] achitti dhiiseen bahe" jechuun ibsiti.

Erga hidhaa baatee "haalli naannoo Amboo jiru baay'ee ulfaataadha jedhamaa ture. Namoota siyaasaa adamsanii yeroo itti ajjeesanfaatu jira ture. Namoota mana hidhaa turaniyyuu wayya jedhamaa" waan tureef, yeroo muraasaaf Finfinnee turuu akka murteessite ibsiti.

"Obboleettiif hiriyaa kiyya deddeebi'ee gaafachaan ture. Simmanyi erga nuti baanee waggaa tokko turtee waggaa sadii booda mana hidhaatii baate. Yeroo isheen baatu Ambon jiran ture" kan jettu Imnat, otoo ishee waliin qaamaan wal hin argine dirree hidhannootti seenuushee dhageesse.

"Durumayyuu filannoo bara 1997'tiin booda karoorri keenya wal qabannee dirree waraanaa deemuudha" kan jettu Imnat, isheenis dirree waraanaa deemuuf yaadaa akka turtee fi dhimmoota dhuunfaatiin akka hin milkoofne himti.

Simmanyi dirree qabsoo hidhannootti- 'Mooraan dirree qabsoo Oromoo akka eegdee akka hin taanee fi dhimmi naannummaan baay'ee daraaree akka jiru natti kaastee turte'

"Bara sana keessa bilbilli hin qabatamu ture. Ajajaa yookaan hogganaatu bilbila qabata malee namni arge hin qabatu. Hogganaadhuma bira dhaqanii yoo bilbilchiisan malee namni hunduu yeroo barbaadetti bilbiluu hin danda'u.

Yeroo tokko naa bilbiltee akka nagaa taate, akka lubbuun jirtu harmeeshiitti akkan dhaamuuf odeeffannoo naa kennitee turte" jechuun erga mana hidhaatti dhiistee baatee guyyaa sana qofa bilbilaan sagaleeshii dhagahuu himti. Haala isheen keessa jirtu bilbilaan gaafachuu kan kaastu Imnat, sana caala odeeffannoo biraa argachuu akka hin dandeenye.

Otuma Simmanyi dirree waraanaarra jirtuu oduu wareegamteetti jedhu akka dhageesse kan himtu Imnat, boodarra qaama nageenya mootummaatiin Ma'aakalaawwiitti hidhamuushee barte.

"Bara 2003 dirqama dhaaba ishee [ABO] irraa fudhatteetu gara biyyaatti kan deebite. Otoo hojii sana hojjechuuf jettuu mootummaa Wayyaaneetiin to'atamte.

Sun ammoo shira qabaachuu naa kaasteetti" jechuun waan jaal Falmattuurraa dhageesse kan himtu hiriyaanshee kun, dhaabnishee ergama itti kennee gara biyyaatti ishee erguun warri tikaa mootummaa ammoo qophaa'anii eeganii ishee to'achuu qooduufii ibsiti.

Akka Imant Simmanyi irraan odeeffadhe jettutti dhaabarraa ergama fudhattee biyya seenuuf to'atamuunshee shira qaamolee lameen wal hubannaan hojjetanidha.

Erga isheen hidhaarraa hiikmatee akka duriitti yeroo dheeraa taa'anii waliin haasa'uuf carraa akka hin arganne dubbatti.

Keeniyaa seentee akka baatee fi haalli "siyaasa Oromoo rakkisaaf haala abdii nama kutachiisurra gahuu" akka qooddeef kan kaastu Imnat, waan dirree waraanaarra ture gadi fageenyaan akka itti hin himnes dubbatti.

"Mooraan dirree qabsoo Oromoo akka eegdee akka hin taanee fi dhimmi naannummaan baay'ee daraaree akka jiru natti kaastee akka nuti as teenyee haasofnu miti, as teenyee nuti dhimma tokkummaa Oromoo, dhimma waloo Oromoo irratti kan haasofnu. Achitti baay'ee ulfaataa ture.

As aanteef achaanteen akka jiru natti kaasaa turte" jechuun waan hiriyaasheerraa dhagahe jettu dubbatti.

"Si'a lammaffaaf Ma'aakalaawiitti hidhamtee yeroo turtetti "dararaa hamaan irra gaheera. Baay'ee toorch godhamtee waan dubbachuu hin qabne hamma dubbachiisanitti, karaa dubartummaashiitiin illee hamma doorsisanitti, jaallan qabsoo waliin turte irratti ragaa akka baatutti baay'ee toorch godhani" jechuun dararaa hiriyaasheerra gahe dubbatti.

"Ennaa kaayyoon si jalaa fashalaa'u baay'ee abdii nama kutachiisa. Baay'ee abdii kutatte; haamileen isheellee akka durii miti. Nama akkasii hin turre isheen, hamman isheedhaa jedhee shakkutti baay'ee gadi buuteetan arge" jechuun miira dararaa Simmanyi Ma'aakalaawwiitti argiteerraa waan dubbiste ibsiti.

Falmattuu maatii waliin

Madda suuraa, Maatii

Falmattuun as buuteenshii erga dhabamee ganna 10 darbeera

Simmanyi erga hidhaa baatee booda gara Ambootti deebitee jaala qabsooshee nama ture faana walitti dhufuun mucaa dubaraa Waadaa jedhamtu godhatan. Kolleejjii Maakiroo Biizinas jedhamutti barnootas eegaltee turte" jechuun tasgabbooftee jiraachuu akka eegalte dubbatti Imnat.

"Bara 2006 jeequmsi hamaan naannoo Ambootti ka'e. Nutuu barbaadamnee, abbaa manaa kiyya waliin baqannee gara Finfinnee dhufne.

Isa booda bilbilaan quba wal qabna ture. Yeroon deddeebisee bilbilus bilbillishee hin hojjetu. Maatiitti bilbilee yeroon gaafadhu, ni dhabne naan jedhani. Isaan booda dhabamuushee dhageenye" jechuun haala itti dhabamuu Simmanyi dhageesse himti.

"Anaafuu barichi bara rakkisaa ture; dhokadheetan Ambo deeme. Harmeeshii bira dhaqee mucaashee ilaalee, namoota tokko tokko odeeffannoo gaafadhe. Abbaa manaashee wajjin akka xiqqoo walitti bu'aniif isa barbaaduudhaaf akka baate natti haasa'an maatiin.

Mucaashee baay'ee jaalatti. [Nagaadhaan] mucaashee gattee hamma kana nama turtu miti. Lubbuudhaanuu waan jirtu nutti hin fakkaatu" jedhan jechuun waan maatiisheerraa odeeffatte dubbatti.

Hiriyaankee wareegamteetti, hin barbaadiin'

Dabalataan ammoo odeeffannoo Simmanyi "gara dirree qabsootti deebitee, isa booda akkasheen wareegamte" jedhu akka dhageesse dubbatti.

"Bara 2007 bilbilli wayii naa bilbilamee 'hiriyaankee wareegamteetti, hin barbaadiin" ergaa jedhamu dhaga'uu kan himtu Imnat qulqulleeffachuuf jettee bilbilicharratti irradeddeebiin yaaltus argachuu akka hin dandeenye dubbatti.

"Teelee dhaqee hamman [bilbilicha] ilaalchisuutti gaheen ture. Unkown naan jedha" waan ta'eef abbaa bilbila sanaa adda baafachuu hin dandeenye jetti.

"Akkuma isheen dhabamteen, nama anaa fi ishee Ambotti beeku tokkotu naa bilbilee, hiriyaakee Simmanyi naannoo Naqamteettan arge, asii maal hojjetti naan jennaan, maaloo yoo argite natti himiin jedheen.

Namni sun naannoosheen jirtu dhaqee barbaadee argachuu hin dandeenye" jetti. Erga achi buuteenshee dhabamee ganna kudhanii ol kan lakkoofsiste, Simmanyi "lubbuudhaan waan jirtu nutti hin fakkaatu" jetti miira gaddaatiin.

"Simmanyi dubartii cimtuu, Oromummaasheef iddoo guddaa qabdu, eenyummaasheef duutu, dubartii jabduu lubbuushee sabaasheef dabarsitee kennitedha. Dubartii hayyuu, modeela ta'uu dandeessudha" jechuun eenyummaa hiriyaashee waan baay'ee waliin dabarsanii mararoon ibsiti.

Jaalli waliin dirree qabsootti seenan waa'ee Falmattuu maal hima?

'Tikni Wayyaaneetu baay'ee nu hordofaa ture; barumsa keenyas barachuu hin dandeenye'

Waaqumaa Margaa jaala Falmattuu waliin manaa bahuun dirree qabsoo hidhannootti seenanidha. Lamaanuu hidhaaf dararaan mootummaa yeroo sanaa [ADWUI] dadhabsiisnaan qabsoo hidhannootti seenuuf murteessuu dubbata. Waliin bu'aa bayii hedduu keessa darbuun Keeniyaa seenani.

Akka jaalalleetti fakkeessuun wal haammatanii eegdota daangaarra turan bira dabarfatani. Bu'aa bayii imala dirree hidhannoo fi waa'ee jaalasaa Falmattuu Sabaa akkanaan BBC'f qoodeera.

"Haalli jiru baay'ee ulfaataa waan ta'eef, barumsa keenyas barachuu hin dandeenye. Tikni Wayyaaneetu baay'ee nu hordofaa ture.

Erga waggaa sadiif mana hidhaa turree booda maaliif dirree qabsoo kana hin qaqqabne kan jedhu walumaa galteedhaan" murteessanii dirree hidhannootti akka seenan dubbata Waaqumaan.

Qabsoodhuma barattootaa irratti Simmanyi waliin akka walbeekan kan yaadachiisu Waaqumaan, bara sana inni barataa kolleejjii isheen ammoo barattuu sadarkaa lammaffaa turte.

"Gareen Simmanyifaa qabamanii torbee lamaan booda garee biraa waliin qabamnee hidhame" jechuun garee barattoota Amboo qabamanii Ma'aakalaawwiitti hidhamanii hima Waaqumaan. Dargaggoonni Waaqumaa waliin qabaman galmee "Nimoonaa Caalii" jalatti akka himataman ibsa.

Galmeen himannaa isaaniis gargar ta'us, dhimmi ittiin himataman garuu tokkumadha.

Ma'aakalaawwiitti ganna tokko hidhamuun booda gara Alambaqqaanyii naannoo Meeksikootti, achiin ammoo mana hidhaa Qaallittiitti hidhamuun "murtii malee, bellama waggaa tokkoo, ji'a jahaafaa kennaa ture manni murtii. Ani bara 2001 bilisan bahe.

Isheen [Simmanyi] na booda baate. Achiin haala mijeessinee, dirree qabsootti bobba'uuf karoorfanne. Nama afur taanee asumaa waliigallee kaanee Asallaa bulle. Achii kaanee Diillaa bulle.

Diillaarraa kaanee Meeggaa [Boorana] bakka jedhamu bulle. Meeggaarraa Moyyaalee seenne. Moyyaaleetti namatu nu simate. Aniif isheen akka jaalalleetti wal haammannee laga ceene. Daangaa gubbaa waraana mootummaa Itoophiyaa fi Keeniyaatu gamaaf gamana jira.

Cehuu hin dandeessu ni shakkamta. Akka jaalallee waliitti wal dhungachaa ceene" jechuun imala ittiin dirree hidhannoo seenan yaadachisa Waaqumaan.

Erga Keeniyaatti cehanii gaara Soloolootti bahanii loltoota WBO achitti isaan eegaa turan waliin bosona keessa deemsa miilaa eegalani. Guyyaa sa'aatii torbatti deemsa eegaluun guyyaa sana guutuu, halkan guutuu deemuun guyyaa lammaffaatti bakka waraanni jiru qaqqaban.

"Hamma kana anatu dadhabe malee isheen [Falmattuu] hamma achi geessutti ni sirbiti; haamileenshii addadha. Waraanas waan argatteef gammaddeetti. Ani isheen dubartiiniyyuu haamileedhaanan deemaa jira, akkamitti dadhabdu nuun jechaa turte" jechuun jabinashee hima.

Dhiira 9 fi dubara 2 ta'uun daangaa Keeniyaa irraa gara bakka leenjii waraanaatti lukaan imalaa turuu kan yaadachiisu Waaqumaan jabinniif onneen Falmattuu adda akka ture yaadachiisa.

Bokkaan waggaatti guyyoota torba, saddetiif rooba waan ta'eef haalli qilleensa naannichaa rakkisaa ta'uu kan himu Waaqumaan, otoo leenjii hin fudhatiin naannoo baatii shanii akka turan dubbata.

Maqaan qabsoo isaa Falmii yoo ta'u kan Simmanyi ammoo Falmattuudha. Leenjistoonni isaanii baay'ee akka isaan jaalatan hima Waaqumaan. Ji'oota 11f leenjii waraanaa erga fudhatanii booda bakka gara garaatti ramadaman.

"Gaafa barattus yunifoormiishee dachaafatteetu afamuuzii meeqa dura dhaabatteetu dhiira caala [qabsaa'aa] turte. Eenyuma caala adda dureen leenji'aa turte. Waraana irrattis baay'ee cimtuudha.

Gaafa ayyaanni goototaa kabajamu, adda dureen kan sirbu, geeraru, waraana gameessa kakaasaa ture isheedha" jechuun maqaa Falmattuun dirree hidhannoo keessatti qabdu hima, jaallishee Falmiin.

"Waraana yeroo taatu itti gaafatamtootatti marsitee ciista. Aniif isheen walirraa fagaannee hin jirru. Walumatti marsineetu kan jirru. Bakki ciistu battala jedhama. Madaabaraa uffanneetu battalarra ciisna.

Isheen hin barre, halkan sadiif mar'ataarra ciisaa turte. Nyaaphni gara sana dhufeera, bakka jijjiiraa gaafa nuun jedhanii, madaabaraa gaafa kaastu mar'ataan kun jalumaa lo'ee gadi qajeele.

Isheen hanga kanatti qofaashee bosona keessa ciiste" jechuun gatii isheen dirree hidhannoo irratti baaste kaasa.

Erga waraana leenji'anii gar gar bahanii booda dhimmi hojiitiitiif saglii isaanii deemuun akka ishee argatee daqiiqaa muraasaaf waa'edhuma qabsoo akka waliin haasa'e ibsa. Waraana keessatti dhimma biraa haasa'uun akka hin danda'amnes kaasa.

"Yeroo jaal Daawud Ibsaa fi jeneraal Kamaal Galchuu wal lolan, yeroo baay'ee ulfaataa jibbisiisaas ture" jechuun ibsa Waaqumaan.

"Waraanni kamiyyuu kan dhageenye Wixata galgala VoA [Sagalee Ameerikaa] Jaalannee Gammadaa irraayi.

Gaafa Kibxataa waraanni guungumuu jalqabe. Gaafa Roobii waraana iddoo tokkotti walitti qabani. Warri shira hojjechaa turan gumii sanarratti hin hirmaanne; keessaa baqataniitu bahani.

Gaafa sana waraana itti ramadani. Jarri shira hojjetan Itoophiyaatti galuuf gaafa baqatan, qabamani" jechuun miira sodaa waldhabdee sanaan waraana gidduutti uumame ibsa.

Waldhibdee ajajoota waraanaaf siyaasaa ABO gidduutti uumameen waraanni gareen wal qoodee akka gar gara fagaataa deeme kan kaasu Waaqumaan, ijoolleen gara giddugala Oromiyaarraa deemanis garee jaal Daawud jedhamuun rakkoon irra gahaa akka ture ibsa.

"Boorana kana rakkoon jira. Akka lammii lammaffaatti nu ilaalaa turan. Giddugala kana, Shawaa kana Minilik biteera. Ijoollee Minilik [nuun] jechaa turan. Nuti asii reebamnee, hidhamnee, itti kolaaneetu, iddoo meeqa itti buruqneetu dirree qabsoo kana geenye.

Garuu, warri gadi fageenyaan hin hubanne jiru waan ta'aniif, akka lammii lammaffaatti nu ilaalani" jechuun qoqqooddii waraana gidduu ture hima.

"Ati garee eenyutiitu dhufe, dubbiin baay'ee jabaattee, ijoollee furgaatuun gara 47 ta'an cabsanii Itoophiyaatti galani.

Gaafa waraanni walgahu hundumtuu sodaateera. Kamtu natti dhukaasa waliin jedha. Waraanumti kaleessa wajjin beeloftee, dheebottee bishaan qadaada koddaa tokkittii waliin unatteetu walitti garagaluu kaanaan hundumtuu gara bakka bakkasaatti deddeebi'e.

Sana booda hundumtuu keessaa babbahuu eegale" jechuun waldhabdee Jaal Daawudiif Jeneraal Kamaal gidduutti ka'een sodaa waraana gidduutti uumame ibsa.

Falmattuu Sabaa

Madda suuraa, Maatii

'Cimtuu inltalaati; waraanni Falmattuun hin jirtuu jedha'

Falmattuun "dandeettii addaatiin beekmati. Cimtuu inltalaati. Kan geeraru, kan dhiira onnachiisu isheedha. Waraanni Falmattuun hin jirtuu jedha. Haamilee isheen waraanaaf kennitu, waraanni ammoo haamileen isheedhaaf kennu wana ajaa'ibaa ture.

Lola irrattis yeroo lama sadii bobbaateetti jedhan. Bakka isheen ramadamte kana durba torbatu jira. Keessumaa ijoolleen sadan tokko baay'ee cimoodha" jechuun waa'ee jabina waraanashee kan jaallan ishee waliin ramadaman irraa dhaga'ee dubbata.

Waaqumaan erga waldhabdeen gaggeessitoota siyaasaaf waraanaa ABO gidduutti uumamee booda gara biyyaatti deebi'uu dubbata.

Garee tokko keessa waliin waan hin turreef Falmattuu waliin quba wal hin qaban ture. Akka gaafa waliin biyyaa bahanii waliin galuu hin dandeenye jedha jaalli qaabsooshee.

Waldhabdee uumamee tureen ijoollee qaxalee baay'ee wareegamuu kan ibsu Waaqumaan Falmattuunis ni duuti jedhee keessisaa sodaachaa turuu hima.

"Waggaa tokkoon booda erga irraanfatamee bara 2004" erga biyyatti deebitee jaala qabsooshee kan ture Waaqumaaf bilbiltee biyyatti deebi'uu fi mucaa tokkos godhachuu akka itti himte dubbata.

Mucaa Naqamtee jaal Abdii jedhamu waliin bakkuma loltummaatti wal barani. Walumaanis gara biyyaatti deebi'ani. Isa waliin walitti dhufuunis Ambotti mucaa dubaraa tokko akka argatan hima.

Gaafa guyyaan goototaa kabajamu tokko halaalatti akka wal argan kan yaadachiisu Waaqumaan, "erga naan bilbiltee mucaa sana faana jirra naan jettee booda sagalumasheen dhabe; bilbilaanis nan dhabe" jechuun achii buuteenshii dhabaamuu akka bare dubbata.

Boodarra odeeffannoo baddeetti garuu "gara bosonaatti deebite haa taatuu, ni ajjeefamte haa taatuu, ni hidhamte haa taatuu" waanti beekamu hin turre jedha.

Falmattuun eessatti akka badde iyyaafachaa turuu kan dubbatu Waaqumaan, "ijoollee tokko tokko faana gaggaafachaa turre. Ma'aakalaawwiis barbaadaa turre" garuu hamma yoonaa achii buuteeshee akka hin baramne hima.

Jaalli duraan dirree qabsoo irratti wal beekan kan jaal Abdiis Falmattuus beeku tokko, "ergan sagaleeshee dhabee ji'a lamaan booda naa [Abdiin] bilbilee gara Harar kanan jira naan jedhe ishee faanallee walii galuu hin dandeenye.

Sababa kanaan daa'ima kana halaalummattan gargaara jedheen gara Harar hojjechaa jira" jechuun kan abbaa manaa Falmattuurraa dhaga'e jedhe odeeffachuu dubbata Waaqumaan.

"Duraan Ambon jira jetti. Sana booda lafti kun haa liqimsuu, samiin kana irratti haa haftuu wantan beeku tokko hin jiru" jechuun waa'ee dhabamuu Falmattuu icciitii itti ta'ee dubbata.

Waaqumaan Falmattuun eessa akka ssente beekuu baatus odeeffannoo gara dirree qabsootti deebitee turte jedhu garuu hin fudhatu.

"Dirree qabsoo argineerra. Dirree qabsoo kaleessa sabaaf jettee, ummatakeef jettee, mar'imaankee hidhattee, bineensa faana laga ciisaa baatee warrumti wajjin ciisaa baate afaan qawwee sitti garagalchu qabsoo miti jennet murteessine" baane jechuun ibsa.

"Falmattuun qabsoo bilisummaa Oromoof, saba Oromoof jecha nama umuriishee guutuu jireenyashee itti dhabe, namni biyyaa kanaaf lubbuusaa kennee waan hundumaa ta'ee, har'ammoo gaafa achi buuteenshee dhabamamu keessuma keenyatti madaa guddaa uumee, iddootti iyyannu, eenyutti akka himannu dhabne" jechuun waa'ee jaala qabsoo waliin qormaata keessa darbanii gaddaan haasa'a.

Dookumantarii mata duree 'Inside Rebel Territory' jedhuun gaazexeessaan Yaasiin Jumaa mooraa leenjii loltoota WBO, Kibba Itoophiyaa deemuun karaa NTV bara 2009 tamsaase keessatti Falmattuu Sabaa loltu jabduu akka mallattoo diddaa barattoota Oromoo barachuu dadhabanii dirree hidhannoottii seenaniitti dhiyaattee turte.

Afgaaffii ganna 16 dura tamsa'e irratti hidhattoonni WBO harki caalmaan barattoota sadarkaa lammaffaa fi yunivarsiitiiti jedha gaazexeessichi.

Ganna 16 dura yeroo gaazexeessicha waliin af-gaaffii taasistetti Falmattuun ganna 20 turte. "Hiriyootakoo mana hidhaatti dararaman guyyaa tokko bilisoomsuufan as jira; hin yaadda'ullee, hin ceeka'ullee" sababa mana baatee bosona keessa jirtuuf dubbatti afgaafficha irratti.

Loltoonni WBO dhibbantaan kudhan dubartoota ta'uu kan kaasu dookumantariin sun, saglii [unit] sana keessatti garuu dubarri Falmattuu qofa ta'uu ibsa.

Af-gaaffii taasiste irratti Afaan Amaaraan na waliin haasa'uu diddeetu, Afaan Oromootiin haasofte kan jedhu Yaasiin Jumaa, akka mallattoo diddaatti agarsiisuushees dubbata.

Dubartiin jabduun sabaasheef jettee aarsaa guddaa baste achi buuteenshee dhabamuun jallaaniif maatiishee biratti madaa kulkulfataa jiraatan akka itti ta'e ibsu.