Doonaald Tiraamp gara fuula duraatti agarsiisaa, hogganaan waliigalaa duraanii iraan Ayaatolaa ALii kameeniin ammoo gara bitaatti naanna'ee. Duubarraan industiriiwwan, misaa'elaafi xiyyaarri balali'u ni mu'ata.

Haleellaan Iraan irratti baname akkamiin guutummaa addunyaa raasuu danda'u?

**Erga jalqabamee torban sadaffaa kan seene "Operation Epic Fury" guutummaa addunyaatti dhiibbaa uumaa jira.

Duulli fedhii balastik misaa'el, humna galaanaafi meeshaa waraanaa nukilaraa Iraan karaatti hambisuuf jedhamee jalqabame tasgabbii dhabuu naannoofi dhiibbaa dinagdee addunuaa uumaa jira.

Haleellaawwan qolleensaa gurguddoo raawwatamanillee mootummaan Iraan garuu aangoo isaarraa hin kaane. Adeemsi haaraafi balaafamaa ta'es mul'achaa jiru.

Duula Tiraamp "gabaabaa ta'a" jedheen Bahi Giddugaleessaa goolamaa jira.

Iraanota Doonaald Tiraamp"mootummaa keessan to'adhaa" jedheef amma yeroo isaa hamaa ta'eera.

Iraan naannoo tasgabbii hin qabne keessatti cimtee turuu ni dandeessi.

Balaa Iraan ni qaqqabsiisti jedhamu ni jira. Iraan ballina lafaan ida'ama ollootashee Afgaanistaaniifi Iraaq ni caalti.Duula Ameerikaan biyyoota lamaan keessatti gaggeessite walxaxaafi waggoota kan lakkoofsise ture.

Qabeenyi waraanaashee akka sagantaa nuukilaraaa kutaalee biyyattii garagaraatti faca'anii jiraachuu isaaniitiin ol tokko tokko kuusaa tulluuwwan jala jiran keessa dhokataniiru.

Iddoowwan nukilaraa Iraan beekaman rektaangilii diimaatiin agarsiifamaniiru. Haleellaan Ameerikaafi Israa’el hanga Bitootessa 3tti raawwatame geengoo diimaatiin agarsiifama. Mallattoon diimaan kun Tehran agarsiisa. Mallattoon haleellaa diimaan kun guutuu biyyattiitti kan babal’ate yoo ta’u, magaalota gurguddoofi naannoo magaalaa kibbaatti baay’inaan kan argamudha.

Ummannishee miliyoona 90 ta'an garaagaraa yoo ta'an, gara walakkaan isaanii garuu lammiilee Perzhiyaanotadha.. Akkasumas, lammiilee Azarbaajaan, Kurdootaafi Araboota muraasa of keessatti qabata.

Mootumman Islaamummaa bara 1979 aangoo qabate, sirriitti kan ijaarame, ayidooloojiin kan caaseffameefi kan sirriitti gurmaa'edha.

Ebla bara 2024 irraa eegalee haleellaa afur Israa’eliin , tokko ammoo Ameerikaatiin raawwatamus, mormii guddaa ji’a Muddee keessa dhohe mo’atee aangoorra turuu danda’uusaa agarsiiseera.

Naannicha keessatti walitti bu'iinsi saffisaan babal'ataa jira.

Kaartaan kun gidduurraan Iraan, gara kaabaatti ammoo Israa'el diimaan agarsiisa. Biyyoonni biroo maqaa isaanii malee halluu diimaatiin agarsiifamu. Kaartaan kun Israa'el galaana Meditiraaniyaaniifi Iraan Galoo Galaana Faarsirraa kaasee hanga Giddugaleessa Eeshiyaatti agarsiisa.

Waraanni kun kan jalqabe haleellaa guddaa ittisa Iraan, misaa'elaafi dirooniirratti raawwatameen ture. Doonii Iraan hedduun Galoo Galaanaafi naannooshee keessatti liqimfamaniiru. Guyyaa jalqabaa Ayatolaa Kameeniifi namoonni ijoo hedduun ajjeefamaniiru.

Kaartaa Baha Giddugaleessaa, kan Sooriyaa, Iraaq, Yordaanos, Kuweet, Baahireen, Qaataar, Sa’ud Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireetisifi Omaan dabalatee, diimaadhaan. Daangaan isaanii mallatteeffamee maqaan isaanii barreeffamee jira. Biyyoonni ollaa halluu diimaatiin agarsiifamaniiru.

Walitti bu’iinsi kun dafee kan hammaate erga Iraan Israa’el dabalatee buufata waraanaa Ameerikaa naannicha keessa jiran haleeltee booda. Biyyoonni Galoo Galaanaa waldhabdee kana keessaa bahuuf yaaliin godhan hin milkoofne.

Libaanos kaartaa Baha GiddgGaleessaarratti diimaan kan dibamte yoo ta’u, Iraan dabalatee waldhabdee biyya Arabaa keessatti mul’atu kan mul’isudha.

Hizboollaan yeroo dheeraaf Libaanos keessatti Israa’el waliin waldhabdee kessa kan ture yoo ta’u, michuu dhiyoo Iraan.

Kaartaan Baha Giddugaleessaa Turk, Qophrosiifi Azarbaajaan maqaa isaaniitiin agarsiisa. Iraan, Biyya Arabaafi biyyoonni ollaa diimaan agarsiifamaniiru.

Waldhabdeen kun Baha Giddugaleessaa bira darbees babal’ateera. Guyyoota muraasa keessatti buufanni Ingilizii Qophros Akrotiriitti argamu haleelame. Dooniin Iraan Siriilaankaa irraa fagaattu humna galaanaa Ameerikaatiin rukutamte. Misaa'eloonni Turkiirratti dhukaafaman addaan citaniiru. Haleellaan dirooniin Azarbaajaan irratti baname.

Kaartaa Baha Giddugaleessaa kan Iraan, Peeniinsulaa Arabaa, Iraaq, Sooriyaa, Joordaan fi naannooshee agarsiisu. Maqaan biyyaa kaartaarratti hin mul'atu.

"Waraanni daangaa addaa qofarratti kan daangeffame miti" Tom Fletcher, Qindeessaa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Bitootessa 2

Abdiin naasuufi sodaatiif abakka gadhiise

Ji'a Muddee mormitoonni hiriira bahan wayita ajjeefamanitti "gargaarsi dhufaa jira" jechuu dhaga'aniiru.

Guraandhala dhuma yeroo qaqqabetti, tokko tokko gammachuusaanii ibsatan. Viidiyoowwan ajjeefamuu hogganaa waliigalaa Iraanota gammachuu ibsatan agarsiisu baheera.

Garuu lakkoofsi namoota nagaa du'anii dabalaa dhufuun abdiin naasuufi sodaadhaaf bakka gadhiise. Haleellaan xiyyaaraa magaalaa Minaab keessatti raawwatameen lubbuun namoota 160 kan galaafate yoo ta'u, irra caalaan isaanii daa'imman. Gama biraatiin ammoo baha Tehraan keessatti gamoo jige jalatti namoota lubbuun hafan barbaaduun itti fufee jira.

Suuraan baha Tehraan keessatti Addabaabayii Resaalat keessatti gamoo tokkorra gahe agarsiisa. Suuraan kun miidhaa alaafi bu'uura gamoo kanaarra gahe agarsiisa.
Gamoon Addabaabayii Resalaat Tehraan keessatti argamu erga haleellaan xiyyaaraa raawwatee booda

DhaabbanniBiyyoota Gamtoomanii akka jedhetti, namoonni miiliyoona 3.2 ta’an waraana kanaan buqqa’aniiru, yoo xiqqaate namoonni kuma 800 ta’an ammoo akeekkachiisa Israa’el hordofuun qe’ee isaanii kibba Libaanosirraa baqataniiru.

Warri waraana kana jalqabanis miidhaan isaa itti dhagahamuu jalqabeera.. US fi Israa'el loltoota muraasa dhabaniiru. Haleellaan Iraan gaaddisa Beeyit Shemesh keessatti lammiilee Israa’el sagal galaafate, namoota nagaas miidheera.

Sodaafi kasaaraa kana hunda boodas mootummaan Rippabiliika Islaamaa Iraan aangoorra jira.
Dubartii Karaaj, iraanirraa taate.

Humni US dirooniifi meeshaa waraanaa teeknooloojii gadi aanaadhaan qorameera

Ameerikaan erga waraana Iraaq bara 2003 booda dooniiwwan waraanaafi xiyyaarota waraanaa dabalatee torban hedduudhaaf naannoo Iraanitti shaakala waraanaa guddaa gaggeessaa turte.

Israa’elii fi Ameerikaan meeshaa waraanaa humna guddaa qabuufi ittisa Iraan balleessuu danda’u hidhatanii jiru. Misaa'ela fageenyarraa furguggifamuu danda'uufi galma isaanii darbuu danda'an of hidhachiisaniiru. Kuusaan boombii isaanii waan hin dhumne fakkaata.

Ministira Waraanaa US
Kun madaallii kamiiniyyu lola haqa qabeessa ta'uu hin danda'u.
Peet hegiseet
Ministira Waraanaa US

Iraan misaa'ela balistikiifi diroonii hedduu hidhattee turte. Maallaqa qusachuuf ta'us ta'uu baatus torban lamaan darban keessatti lakkoofsa itti fayyadamu hir'istee jira.

Meeshaa waraanaa akka diroonii dhoksaa dhiheenya kana galaanarratti bobbaafamanis qaba. Isaan kun adda baasuun rakkisaa waan ta’eef balleessuun rakkisaadha. Kanarraa kan ka’e waraanni sun dheerachuu danda’a.

Gatiin dabalaa dhufuun biyyoonni murtoo adda addaa akka murteessan dirqisiisaa jira

Bu’aan waraana kanaa haala mootummaan Ameerikaa hin eegneen diinagdee addunyaa raasuu eegaleera.

Boba’aan addunyaa dhibbeentaa 20 kan keessa darbu Ulaan Hormuuz cufameera.

Kaartaa cinaachaa lakkoofsa dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darban agarsiisu. Inni jalqabaayaa'a doonii waraana dura kan agarsiisu yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo baay’inni doonii hir’achuu agarsiisa.

Ujummoon boba’aa Sa’udii gara Galaana Diimaatti geessufi daandii xiqqaan gara Galoo Galaana Omaanitti geessu karaa Yunaayitid Arab Emireetis yeroo dhiyootti gufuu kana mo’uuf gargaara. Gidduu kana garuu dhiyeessii boba’aafi gaazii addunyaa guutuutti addaan cituun mudateera.

Aveeshiniirraa kaasee hanga qonnaatti; pilaastikiirraa kaasee hanga fe’umsa deddeebisuuttii, golee dinagdee addunyaa miidhaan rakkoo kanaa ammallee itti hin dhaga’amne hin jiru.

Chaartiin sarara jahaa kun gatii boba’aa, gaazii, boba’aa jeettii, xaa’oo yuuriyaa, aluminiyeemiifi qamadii ji’oota jahan darbanii agarsiisa. Tokkoon tokkoon sararaa “Ameerikaafi Israa’el Iraan haleelan” jedhamee barreeffameera. Gatiin meeshaalee ja’an hunda guyyaa ibsame booda battalumatti haalaan dabaleera.

Filiippiinsitti qondaaltonni tokko tokko torbanitti guyyaa afur imala hir'isuuf hojjechaa jiru. Taayilaanditti fayyadama humna ibsaa hir'isuuf waajjiraalee mootummaa keessatti qilleensa kan qabbaneessu hir'ifameera. Mootummaan waraanaa Miyanmaar konkolaattonni dhuunfaa guyyoota wal jijjiiran qofa akka hojjetan ajajeera, guyyaa tokko boqonnaa akka qabaatanis godheera..

Biriteen fi Awurooppaatti dhaabbileen anniisaa rakkoo kanarraa bu’aa argachaa jiru yaaddoo jedhuun mootummoonni daballii gatii akka to’atan himaniiru.

Tiraamp gatii boba'aa hir'suuf waadaa seenullee, Ameerikaatti gatiin boba'aa dabalaa jira.

Tuurizimiin biyyoota biroo keessattis akka malee jeeqameera, kanneen keessaa Qaataar fi Yunaayitid Arab Emireetis, kanneen wiirtuu turizimii addunyaa ta’an. Buufatni Xiyyaaraa Dubaay walakkaa bara 2025 keessa guyyaa guyyaan imaltoota miliyoona afurtamaa kan qabate yoo ta’u, irra deddeebiin diroonii Iraaniin irratti xiyyeeffatamaa tureera.

Erga waraanni kun jalqabee turistoonniifi jiraattonni kuma kudhaniin lakkaa'aman naannoo sanaa baqataniiru.

Guyyoota darban dooniiwan boba'aa fe'an misaa'ela Iraan fi bidiruuwwan saffisaan yoo rukutaman argineerra. Weerara cimaa Israa’elii fi Ameerikaa mudateen Iraan karaa salphaa, gatii salphaa, garuu bu’a qabeessa ta’een deebii kennuu murteessiteetti.

Barreeffamni  Israa'el fi US jedhau alaabaa isaanii boca geengoo waliin taa'eera.
f

Lola kana kan barbaadan biyyoota lama qofa. Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi lammiileen Israa’el hedduun biyya jiraachuu mootummaa Yihudootaaf yaaddoo ta’uu ishee ilaalan injifachuuf fedhii waggoota kurnan lamaan darbaniif qaban hin dhoksaniiru. Doonaald Tiraamp hawwii nuukilaraa Iraan al tokkoof fashaleessuu barbaadu.

Hoggantoonni lamaan kaayyoo waloo yoo qabaatanillee waan itti aanurratti baay'ee yaadaa jiraachuu fi dhiisuun isaanii ifa miti. Lamaanuu waa’ee ummanni Iraan hiree ofii to’achuu isaa jechoota ifa hin taane dubbataniiru, garuu jeequmsi waraanni fiduu danda’u waan isaan yaaddessu hin fakkaatu.

Baanarii maqaa Sa'ud Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireetis, Kuweet, Baahireen, Qaataar, fi Omaan agarsiisu, alaabaa isaanii geengoo ta'ee kaa'ame.

Sa’ud Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireetis dabalatee michoonni Galoo Galaana Waashingitan waraana kanaan rifataniiru. Irra caalaan isaanii Iraan shakkii fi sodaadhaan ilaalu, garuu ollaa isaanii hundee jabaa qabu waliin jiraachuu barataniiru. Iraan addunyaa tasgabbii dhabsiisuu akka dandeessu sirriitti beeku, garuu humnatti fayyadamuurra furmaata mariitiin argachuu filatu. Omaan sagantaa nuukilaraa isaanii irratti Ameerikaa fi Iraan gidduutti waliigaltee uumuuf jiddu galeessa waan taatee turte. Haleellaa kun jalqanuuf sa'aatii muraasa dura, ministirri dhimma alaa televijiinii Ameerikaa irratti mul'achuun, waliigalteen kun ''harka keenya keessa jira'' jechuun waldhabdee kana salphisuuf abdachuun ture.

Baanarii alaabaa geengoo ta'een maqaa Yunaayitid Kingidam cinatti

Michoonni Ameerikaa biroos filannoo ulfaataatu isaan mudachaa jira. Lola irraa fagaachuu fi dantaa UK fi michoota ishee eeguu keessaa filachuuf akka Ministira Muummee Sir Kiir Istaarmer cimee qabsaa’e hin jiru. Barbaachisummaan doonii waraanaa gara naannichaa erguun seeraan sirrii ta’uu kan danda’u ta’us, rakkoon kana gochuu irratti mul’ate rakkina humna galaanaa Biriteen yeroo tokko maqaa gaarii qabu mul’isee jira.

Giraafiksii baanera kan alaabaa isaanii geengoo ta'een agarsiisu barreeffama Raashiyaa fi Chaayinaa cinatti.

Raashiyaan michoota Tehraan miidhaa Iraanrra ga’eef gaabbuu danda’an keessaa tokko yoo taatu, galiin boba’aa haala hin eegamneen dabaluu isaatiin Mooskoof maallaqa waraana Yukireen keessatti baasii guddaa baasu maallaqaan gargaaruu dandeessi.

Addunyaa irratti boba’aa Iraan bituun guddaa kan taate Chaayinaan amma madda boba’aa gatii guddaa qabu kan biraa barbaadaa jirti. Beejiingis haleellaa ''michuu tarsiimoo hunda galeessa'' ishee irratti raawwatamu ittisuu hin dandeenye.

Pirezidaantonni Ameerikaa walitti aansuun gara Eeshiyaatti “xiyyeeffannaa” gochuun qormaata dinagdee fi waraanaa Chaayinaan guddachaa jiru kanaan dhufu qolachuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Waraanni Iraan keessatti geggeeffamaa jiru ammas Baha Giddugaleessaa karaalee Ameerikaa itti harkisan bal’aa ta’uu agarsiiseera.Tarsiimoon nageenya biyyaalessaa Tiraamp Sadaasa darbe maxxanfame Iraan naannoo “baay’ee laafaa” ta’uu ishee ilaaluun, Baha Giddugaleessaa naannoo jijjiirama hin qabne taasiseera.

Gabaasni kun itti dabaluudhaan, “Guyyoonni imaammata alaa Ameerikaa yeroo dheeraa fi gabaabaa irratti Baha Giddugaleessaan ol’aantummaa qaba ture darbeera” jedheera.

Data

Inistiitiyuutii Qorannoo Waraanaa fi Pirojektii Balaa Murteessaa AEI, Inishiyeetiivii Balaa Niwukilaraa, Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa, Global Fishing Watch, Bloomberg.