Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaatee MM Itoophiyaa ta'uun kakuu raawwate. Kun erga dura taa'aa ADWUI ta'ee torbee tokko booda ture. Haasaa daqiiqaa 36'f haasa'aniinis waa'ee tokkummaafi jijjiiramoota dhufuu qaban irratti xiyyeeffatanii turan.
Guyyoota 100 keessatti murteewwan MM Dr. Abiy Ahimadiin murteeffaman jajjaboon maal fa'i, yoom eessatti murteeffaman?
Akka kanaan qindeessinee jirra.
Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaatee MM Itoophiyaa ta'uun kakuu raawwate. Kun erga dura taa'aa ADWUI ta'ee torbee tokko booda ture. Haasaa daqiiqaa 36'f haasa'aniinis waa'ee tokkummaafi jijjiiramoota dhufuu qaban irratti xiyyeeffatanii turan.
Erga MM ta'aniin booda naannolee gara garaatti imaluun jiraattota waliin dhimmoota gara garaa irratti marii gochuu eegalan.
Naannoo Uummattoota Kibbaa magaalaa Hawaasaatti dubbii dubbataniin MM marroo lamaa ol aangoo irra akka hin turre goona jedhan. San jechuun waggaa 10 qofa.
Imala Itoophiyaan alaa isa jalqabaatiin gara Jabuutiitti imaluun Pireezidantii Jabuutii waliin waa'ee walta'iinsa diinagdee fi nageenya naannoo gaanfa Afriikaa maro'atan. Hidhamtoota itoophiyaa Jabuutii jiranis hiiksisanii jiru.
Dursaa paartii mormituu kan ta'e Andargaachawu Tsiggee kan murteen du'aa itti murteeffamee mana hidhaa ture gadhiifame. Shororkeessummaan yakkamee bara 2009 bakka inni hin jirretti itti murtaa'e. Hiikame guyyaa itti aanu masaraa mootummaatti afeeramee MM waliin haasa'e. Andargaachewu nama Lammii Biritish.
Imala Afriikaan alaa kan jalqabaan ammoo Sa'uudii Arabiyaatti imalan. Turtii guyyaa lamaa keessattis ilma mootii Sa'uudii Mohammad Biin Salmaan waliin mari'ataniiru. Lamiileen Itoophiyaa 1000 ol mana hishaa Sa'uudii turan gadhiisisanii jiru.
Paarlaamaa Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa ji'oota jahaaf labsamee ture ji'a lama dursee haqe. Sababni labsicha haqeef nagaafi tasgabbiin biya keessatti waan deebi'eefi jedhe mootummaan. Waggaa tokkoo keessatti yeroo lammataaf ture labsiin yeroo muddamaa kan labsame.
Dhaabni biyya bulchu dhaabbilee yeroo dheeraaf harka mootummaa turan abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarsuuf murteesse. Kunis toora diinagdee dhaabichi yeroo dheeraaf hordofaa ture kan jijjiiredha. Murteen kun guddina saffisaa biyyattii itti fufsiisuufi jedhe. Waliigaltee Aljers akka hojiirra oolchus gaafas beeksise.
Abiy Ahimad Jeneraal Sa'are Makonnin ajajaa humna waraanaa gochuun bakka Saamooraa Yanuus Buusan. Erga bara 2001 as hogganaa tikaa kan turan Geetachewu Asaffaa ammoo Jeneraal Adam Mohaammadiin bakka buusan
MM Abiy Ahimad badhaasa olaanaa 'Order of the Pearl of Africa' jedhamu hoggantoota milkaa'aniif kennamu Yugaandaatti badhaafaman. Guyyaa itti aanu gara Masiriitti imaluun pireezidantii biyyattii Al-Siisii waliin wal argan. Hidhamtoota achitti hidhamanii turaniifi qondaalota duraanii ABO lama waliin xiyyaara tokkoon biyyatti deebi'an.
Bifa namoota hedduu ajaa'ibsiiseen mootummaan lammiilee isaa reebuufi dararuun gocha shororkeessummaa raawwachuu paarlaamaa keessatti dubbatan. Kunis bu'uura heera mootummaa hin qabu jedhan. "Nama reebichaan dararuufi hidhuun heera mootummaa diiguudha, shororkeessummaan humnaan aangoorra turuuf yaaluudhas jedhan.
Boombii hiriiraa deeggarsaa addabaabayii Masqalaa Finfinneetti bahame irratti darbatameen namoonni lama ajjeefaman. Haasaa haleellaa sana booda taasisaniin haleellaan sun itti yaadamee karooraan kan raawwateefi tokkummaa biyyaa diiguuf kan yaadamedha jedhan.
Jilli aanga'oota olaanoo mootummaa Eertitaa Finfinnee yoo galu MM Abiy Ahimadiin simatameera. Biyyoonni lamaan waggoota 20 oliif nagaa hin qaban ture. Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa akka jedhutti hoggantoonni biyyoota lamaanii yeroo dhiyootti wal argu.
Manni maree bakka bu'oota uummataa wixinee labsii manni maree ministirootaa ABO, ABBO fi G7 tarree shororkeessummaa jalaa baasuuf dhiyeessee mirkaneessee jira. Dhaaboleen kunneenis armaan booda shororkeessummaa jalaa baahanii jiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara, Eertiraatti imalanii Pireezidant Isaayyaas Afawarqii fi jiraattota magaalaa Asmaraan bifa ho'aan simatamaniiru. Dawwannaan kun waggoota 20 keessatti kan jalqabaafi biyyoota lamaan gidduutti boqonnaa nagaa haaraa kan banedha.