Karoorri nagaa Tiraamp 15'n waraana dhaabuuf baasaniifi Iraan mormitu maali?

Pirezidant Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaan mootummaa Iraan karoora nagaa abbaa qabxii 15 Tiraamp dhiheessan Iraan didde jedha
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Karoora nagaa abbaa qabxii 15 Pirezidant Tiraamp waraana dhaabuuf qopheessan Iraan diduu miidiyaan mootummaa Iraaniin Piress TV 'n gabaaseera.

Qondaala ''siyaasa-nageenya olaanaa'' hin beekamnee waabeffachuun akka gabaasetti, Iraan beenyaa waraanaa dabalatee haal-dureewwan shan waraana kana dhaabuuf filatte ibsiteetti.

Haaldureewwn Iraan kun kaayyoo nagaa abbaa qabxii 15 Tiraamp qopheessaniifi aangawoonni US erga mirkaneessanii miidiyaan Israa'el Channel 12 gabaase waliin wal hin fakkaatan ykn wal faallessu.

Karoora 15'n Tiraamp keessaa Iraan niwukilara akka hin ijaarreefi Ulaa Hormuz cufte akka deebistee bantu gaafata.

Waraanni Guraandhala 28 haleellaa US fi Israa'eliin eegale eegasii booda Iraan michuuwwan US Giddugala Bahaa jiranirratti qiyyaafachuun babal'ate.

Gaafa Kibxataa Irraan marii taa'uuf ''akkaan akka feetu'' akkasumas kanneen Iraan bakkka bu'anii hirmaatan ''badhaasa baay'ee guddaa'' US'f akka kennan Tiraamp dubbatanii turan.

''Kennaan'' kuni boba'aafi gaazii akkasumas Ulaa Hormuuzin akka walqabatus himanii turan.

Af yaa'iin parlaamaa Iraan garuu mariin taasifamu isaayyuu hin mirkaneessine.

''Mariin homtuu US waliin hin taasifamne, oduun sobaa gabaa faayinaansiifi boba'aa'' waliin dhahuuf hojiirra oolaa jira jechuun Mohammad Bagher Ghalibaf miidiyaa hawaasummaa X gubbaa kataban.

Karoorri Tiraamp abbaa qabxii 15 maal qabate?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka gabaasa Channel 12'tti, waraanichi akka dhaabbatu Iraan wantoota galmaan gahu ni qabdi.

Ijoon isaanii sagantaa niwukilaraa Iraan kan lolichaaf ka'umsa ta'u Ameerikaan ibsaa turteefi sagantaa misaa'ela Iraan irratti xiyyeeffata.

Iraan yeroo hundaa meeshaa waraanaa niwukilaraa ijaaraa hin jiru jechuun deebisti. Aangaawoonni US's niwukilarri eeran waraanaaf ta'u hin mirkaneessine.

Karoorichi ''meeshaa niwukilaraa yoomuu [hidhachuuf] akka hin barbaanne'', buufata niwukilaraashee mancaasuufi yuraaniyeemii gabbate qabdu Eejansii Aannisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA)'ttii dabarsitee akka kennitu gaafata.

Dhaabbati IAEA dhaabbata UN yeroo ta'u dhimmicha faana bu'e hordofa jedha karoorichi.

Akka karoora kanaatti sagantaa misaa'elaa ishii baay'inaafi fageenya imaluurratti akka daanga'u Iraan waliigalti.

Dabaluunis, michuuwwan ishee naannicha jiran kanneen akka Hezbollaa Libaanos jiru, Hamaas Gaazaa jiru akkasumas Huutii Yaman jiru deeggaruu dhaabdi.

Dabalataan, Iraan Ulaa Hormuuz akka deebiste bantuufi ''koridarii daldala geejiba bishaaniirra banaa'' gooti jedha.

Ulaan dhiheessiin boba'aafi gaazii addunyaa gabaaf dhihaatu keessaa 20% keessa darbu Iraan cufuu isheen gatiin boba'aa akka guddatu taasiseera.

Gama kaaniin, qoqqobbiin Iraan irra kaa'ame hundi ni ka'a jedha karoorichi.

Haaldureewwan Iraan lafa keesse maali?

Akka miidiyaa Press TV'tti, Iraan waraana dhaabuuf haalduree shan lafa keesse.

''Weeraraafi ajjeechaan diinaan'' raawwatu guutummaan guututti akka dhaabbatu dabalata.

Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu fi qondaalonni isaanii ''mataa qurxummichaa kutuu'' irratti akka xiyyeeffatan dubbataa turan.

Erga waraanni eegalee qondaalonni olaanoo Iraan hogganaa olaanaa Ayaatolaa Ali Kaamenii dabalatee ajjeefamaniiru.

Kan biraa haaldureen Iraan kaafte ''waraanni Rippablika Islaamaarratti akka deebi'e hin fe'amnee'' tooftaan akka lafa taa'u gaafata.

Ta'us, wabiin akkamii akka kennamuufi biyyoonni kam akka keessa qooda qabaatan waan ibse hin qabu.

Iraan beenyaa waraanaa akka kaffalamuufi Ulaan Hormuuz kan Iraan qofa akka ta'u gaafatti.

Akkasumas, Tehiraan haleellaa Israa'el michuuwwan Iraan irratti raawwattu akka dhaabdu barbaaddi.

Israa'el hanga Kaaba biyyasheerratti haleellaan Hezbollaa dhaabbatutti daangaa Libaanos keessa akka turtu ibsiteetti.

Haaldureen Iraan kuni kan biyyattin kana dura marii waraana duraa Jenevaatti dhiheessiteen dabalataan akka ta'an gabaasni Press TV ni hima.

Waraanni yeroo dhihootti dhaabataa?

Mariin yoo ta'ama ta'e gama US Giddugala Bahaatti ergamaa isaanii addaa Istiiv Witkoof fi soddaa Tiraamp Jaared Kushineriin kan gaggeeffamudha.

Karoorri nagaa gama US qophaa'e jedhamee gabaafame modeela kana dura Giddugala Bahaatti ergamaa addaa US Istiiv Witkoof waraana Israa'el fi Hamaas dhaabuuf hordofan fakkaata.

Adeemsi kuni yoo irra deebi'e, dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamuu qaba.

Miidiyaan Israa'el Channel 12 akka jedhetti aangawoonni biyyattii sadarkaa kanatti Iraan irratti haleellaa dhaabuun gammachuu hin qabaatan.

Yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa sanas Netaaniyaahun yaaddoo wal fakkaataa qabu turan.

Ministirri Dinagdee Israa'el Niir Barkat karoora Tiraamp dhiheessanitti waan Iraan waliigaltu miti jechuun BBC'tti dubbataniiru.

''Xumura marsaa kanaatti, waliigalteen jiraates jiraachuu baates galmawwan keenya galmaan geenya.''

Gama Iraanii abbaan marii kanarratti hirmaatu hin beekamu.

Tiraamp Ameerikaan eenyu waliin dubbataa akka jirtu hin dubbanne - ''namoota sirriitti dubbataa jirra'' qofa jedhan.

Hogganaan Olaanaan haaraa Iraan Mojtabaa Kaamenii erga abbaa isaanii bakka bu'anii ummatatti hin mul'anne.

Mariin kuni erga haleellaa Guraandhala 28 abbaa isaanii ajjeeseefi isaan madeesse jedhame booda isaan dabalata jedhamee hin amanamu.

Hoggansi Iraan amma jiru US waliin marii taa'u hin jajjabeessan yookiin shakkii irraa qabu.

Dhimmi marii nagaan waraana dhaabuu yeroo waraanni US kumaatamaan lakkaa'aman gara Iraan osoo imalanii dhagahame.

Galmi isaanii maal akka ta'e ifa ta'uudhaas baatu, karoorri isaanii Ulaa Hormuuz bansiisuu yookiin Iraan keessa bakkee wayii to'achuu mala jedhu gabaasonni.