US loltoota dabalataa kumaatamaan lakkaa'aman Baha Giddugaleessaatti ergufi

Madda suuraa, U.S. Army
Pentaagon loltoota kumaatamaan lakkaa'aman dabalataa garee humna qilleensaa 82ffaa jedhaman dabalatee gara Baha Giddugaleessaatti bobbaasuuf karoorfateera.
Gareen humna qilleensaa 82ffaa jedhamu kun humna deebii ariifachiisaa Waraana Ameerikaati.
Qajeelchi Qilleensaa (Airborne) 82ffaan ajaja erga fudhatee booda sa'aatii 18 keessatti oppireeshinii gaggeessuu kan danda'u yoo ta'u, paarashuutiin haleellaa raawwachuu irratti kan adda ta'edha.
Bobbii kana keessatti garee ajajoota waraanaa fi loltootni lafoo tokko tokko kan hammataman ta'uu namoonni dhimmicha beekan lama Rooyitarsiitti himaniiru.
Humni dabalataa gara naannichaatti ergamuu isaa dura loltoonni Ameerikaa gara 50,000 achi turan. Oduun humna dabalataa kun kan dhufe yeroo pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waa'ee waliigaltee waraana xumuruu danda'u Tehran waliin jalqabuu isaanii irra deeddebin ibsanittidha.
Tiraamp gama tokkon marii jiechaa gama biraan ammoo loltoota bobbaasuun ijjaannoon Ameerikaan waraana kana xumuruuf qabdu irratti gaaffii kan kaasudha.
Maddeen keessaa tokko akka jedhetti, Peentaagoon loltoota kuma 3 hanga kuma afuriitti erguufi
Michuun BBC Ameerikaa CBS News torban darbe akka gabaasetti waraanni Ameerikaa tarkaanfii kanaaf qophaa'aa jira.
Ajajoonni olaanoo karoora waldhabdee Iraan waliin uumame keessatti loltoota lafoo bobbaasuu akka deeggaran gaafataniiru.
Loltootni lafoo Iraan keessatti kan bobbaafaman yoo ta'e waraana erga eegalee baatii tokko ta'aa jiru kana daran hammeessuu fi dheeressuu akka danda'u akkasumallee gabaafi dinagdee addunyaa haala hin taaneen kan jeequ akka ta'u xiinxaltootni kan himan.
Hanga ammaatti Ameerikaan irra caalaatti duula qilleensaati kan raawwataa jirtu.
Xiyyaarota waraanaa, kaneenboombii darbatanii fi diroonii fayyadamuun bakka Iraan keessatti irratti qiyyeeffatamu haleeluu danda'eera. Akka ajaja Giddugaleessaa Ameerikatti , xiyyaarotni kuma 9 ol haleellaa raawwatee jira. Isaan keessaa waajjira muummee IRGC, sirna misaa'elaa Iraan, sirna ittisaa, warshaalee fi dooniiwwan galaanaafaa kan dabalatudha.

Madda suuraa, U.S. Army
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaaltonni Ameerikaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafachuun Rooyitarsitti dubbatan Baha Giddu Galeessaa keessatti loltoonni kun eessa akka deemaniifi yoom akka naannicha ga'an hin ibsine. Loltoonni kunneen tibbana Kaaba Kaarolinaa magaalaa Foorti Biraag buufatanii akka jiranillee eeraniiru.
Dhimma kana irratti odeeffannoo akka kennaan kan gaafatame waraanni U.S. gaaffilee kana gara Waayit Haawusitti kan dabarse yoo ta'u dhimma bobbaafamuu lloltootaa irratti odeeffannoon kennamu hundi Peentaagoon irraa akka dhufu ibseera.
Dubbi himtuun Waayit Haawus Aanaa Keeliin, ''akkuma kanaan dura ibsamaa ture Pirezidaanti Tiraamp yeroo hunda filannoo waraanaa hunda of harkaa qaba,'' jedhan.
Murtoon loltoota gara Iraan erguuf ifatti murtaa'e hin jiru jechuun maddeen keessaa tokko Routers'tti himeera, garuu gara fuulduraatti naannichatti hojiiwwan oppireeshinii taasifamuu danda'aniif qophaa'aa jiru.
Tiraamp loltoota lafoo erguu fi dhiisuu irratti yaadaa akka jirtuu fi tibba kanammoo Ameerikaan Iraan waliin marii taasisaa jirachuu himu. Namoonni marii kana keessatti hirmaatan Ministira Dhimma Alaa Marco Rubio , itti aanaa pirezidaantii JD Vance , ergamaa Steve Witkoff fi gorsaa isaanii Jared Kushner akka ta'an dubbataniiru .
Iraan gama isheen garuun mariin taasifamaa jiru akka hin jirre haalti. Gabaasa kana "oduu sobaa" gabaa boba'aa tasgabbeessuu yaadame ta'uu ibsite.
Maddeen dhimmicha itti dhiyeenyaan beekaa kanaan dura waraanni U.S. waraana Iraan keessaf filannoowwan adda addaa ilaalaa akka jiru ibsaniiru. Kunis ulaa Hormuz eeguu dabalatee, humnoota U.S. gara qarqara galaanaa Iraan bobbaasuun ta'uufaa danda'a.
Waraana kanaan hanga ammaatti loltoonni U.S. 13 kan ajjeefaman yoo ta'u, 290 ammoo madaa'uun himameera.
Loltootni 10 haalaan kan madaa'an yoo ta'u, loltoonni 255 ammoo walaansaan booda hojiitti deebi'aniiru.
Ergama kanaaf loltoota lafoo Ameerikaa fayyadamuun kamiyyuu Pirezidaantii Doonaald Tiraampiif balaa qabaachuu danda'a .
Lammiileen Ameerikaa hedduun duula waraanaa Iraan irratti banamu hin deeggaran. Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniittis Ameerikaan waldhabdee haaraa Baha Giddu Galeessaa keessatti akka hin seenne waadaa galanii ture.
Qorannoon dhiheenya kana Rooyitars gaggeesse akka agarsiisutti haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwatuuf lammiileen Ameerikaa %35 qofatu deeggara Kunis torban darbe %37 ture gadi bu'eera.
Kanuma waliin lammiileen Ameerikaa %61 haleella kana akka hin deeggarre himaniiru.















