Gootattii nagaa dubartoota Musliimaafi Kiristaanaa hiriirsitee waraana dhaabde
Madda suuraa, Getty Images
Laayibeeriyaan bara 1989 -2003tti waggoota 14f waraana waliinii keessa turte. Sababa kanaanis lammiileen ishee 250,000 akka ajjeefaman amanama.
Bulchiinsi yeroosii yakka waraanaafi sarbama mirga namoomaan himatamaa ture.
Dhiibbaa biyyoota ollaa fi Ameerikaan booda bara 2003 pireezidantiin biyyattii yeroosii Chaarles Teeyilar aangoo gadhiisuu beeksise.
Haa tahu malee waraanni kuni akka dhaabbatuuf sababiin guddaa biraatu jira
Dubartoonni kumaatamaan lakkaa'aman uffata adii uffachuun guyya guyyaan diddaa karaa nagaa irratti hirmaachuun waraanni waliinii Laayibeeriyaa kuni akka dhaabbatu akkaan watwaataa aangawoota haara galfii dhorkaa turan.
Diddaa karaa nagaa kana duuba ammoo dubartii lola balfite Leemaa Bowii jedhamtutu jira.
Leemaa Bowii ganda Laayibeeriyaa xiqqootti bara 1972tti dhalatte. Amma nama ganna 54 yoo taatu goota nagaa Laayibeeriyaa jedhamuun leellifamti.
''Waggaa 14f dhiirota jilbarra kufnee ijoollee keenyaaf jedhaa nagaa buusaa jennee kadhanne,'' jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sadarkaa kadhaan waa'ee baasuu hin dandenyerra geenyaan gootni nagaaf duultu Leemaa Bowii dubartoota diddaa kara nagaaf hiriirsite.
''Eenyufiyyuu hin jilbeeffannu, boquu gad hin qabnu nagaa gaafanna, nagaa argachuuf waan humni keenyi danda'u hunda ni raawwanna.
Nagaan mirga dhala namaa hundaati,'' jechuun Lemaan yeroos waan ture af-gaaffii 2023 BBC waliin taasifteen dubbatte.
Adeemsa siyaasaa isa idilee irraa foxxoquun dubartoonni Laayibeeriyaa dirree kubbaa miilaa magaalaa guddoo biyyattii Monorooviyaa keessatti mormii isaanii jalqabaa geggeessan.
Gamtaan dubartoota Musliimaafi Kiristaanaa kuni guddachuun miseensota 2,500 ol horate.
Leemaan dubartoonni mormii kana keessatti hirmaatan kan obbolaafi abbaan warraa isaanii lola turan fa'aa dha jetti.
Waraana waggootaaf adeemeen uummati dadhabee bututuufi waraanichi uummata biyyaiitti harka 10 galaafachuu himti.
Mormiin dubartoota wayyaa adii uffatanii guyyuma guyyaan itti fufe. Callisaan kadhannaa geggeessuu itti fufan, bara 2003 garuu waraanni ittuu hammaate.
Leemaan yeroo kanatti, ''ofii keenyaaf osoo hin taane ijoolleen keenyi, egeree akka qabaatan barbaanne,'' jetti.
Inumaa dubartoonni garii mormii kanarratti hirmaatan lagannaa saal-quunnamtii jalqaban.
''Nagaaf Waaqa kadhataa waan jirruuf saal-qunnamtii raawwachuu hin dandeenyu jechuun abbootii warraa isaaniitti himaa turan,'' jechuun Lemaan waan ture ibsiti.
''Dubartoonni kunneen sababa amantiif sana godhan,unuuf garuu gochaa siyaasaa ture,'' jetti.
Dubartoonni kunneen warra mormii kana qindeessu caalaa tarsiimoo jabaa akka qaban himti.
Haa tahu malee diddaan callisaa, kadhannaafi saal-quunnamtii lagachuun kuni mormii kana eessayyuu gahaa hin turre.
Dubartoonni kunneen pireezidant Chaarlis Teeyilar dubbisuudhaaf waajiraaleefi qondaalota mootummaatti xalayaa walitti fufinsaan barreessuu jalqaban tahus deebii tokkollee hin arganne.
Pireezidantiin yeroo darbu 'teenyee eegna'
Pireezidanticha irraa deebii dhabnaan dubartoonni nagaaf duulan kunneen qomee adii ''Dubartoonni Laayibeeriyaa ammuma nagaa barbaadu,'' jedhu keewwachuun karaa jilli pireezidantichaa darburra borqiitti bahanii taa'uun guyya guyyaan akka isaan argu sochii godhaa turan.
Guyyoota jalqabaaf pireezidantichi dubartoota walitti yaa'anii taa'an bira darba ture.
Dubartoonni kunneen mormii isaanii balbala paarlaamfii embaasii Ameerikaa geessisan.
Torbanoota baayyeefi dhiibbaa guddaan booda pireezidantichi dubartoota kunneenitti dubbachuuf waliigale.
Lemaan, ''barcuma akka irra teenyuuf nuu fidan didne, yerooo waraanaa barcuma qabannee hin fignu jennee lafumarra teenye,'' jechuun haala marii yeroosii ibsiti.
Dubartoota kunneen waliin dubbachuun booda pireezidantichi yoo isaan riphee loltootas gara marii nagaatti akka dhufan amansiisan nagaaf carraa akka kennu itti hime.
Bara 2003 baatii Waxabajjii keessa mariin torbee lamaa magaalaa guddoo biyya ollaa Gaanaa, Akiraatti jalqabe.
Dubartoonni 200 tahan Lemaa waliin marii adeemu kana jala bu'uuf Gaanaa galan.
Mariin nagaa hoteela qananiitti adeemaa ture firii argamsiisuu didee gara baatii Adoolessaatti akka darbu jedhame.
Lemaa fi dubartoonni dhibbaan lakkaa'am biroon balbala hoteelichaa daawwitii irraa ijaarame dura jiguun achii akka hin kaane himan.
Falmattuun nagaa kuni pireezidantii Naayijeeriyaa duraanii Jeneraal Abduusalaamii Abubaakaritti akkas jechuun ergaa dabarsite: ''hamma waliigalteen nagaa mallatteeffamutti dubartoonni harka wal-qabatanii marii'attoonni akka hin sochone balbalarratti isaan danqina.''
Jeneraal Abuubaakar ''galmi marii Jeneraal Leemaa fi loltotasheen qabameera,'' jedhe.
Haaluma kanaan dubartoonni guyyoota aananiif balbala hoteelaa dura taa'uu itti fufan.
Lemaan yoo waliigalteen kuni hin raawwanne dubartoonni ishee waliin jiran addabaabaayitti uffata isaanii akka baafatan doorsisaa turte.
Otoon qawwee qabaadhee...
Lemaan barii mariin nagaa jalqabe seenaa laphee ishee cabse gaazexaarraa akka dubbiste himti.
''Otoo mariin nagaa adeemuu Laayibeeriya keessatti dubartiin reef deesse uffata mucaa ishee afuuf gaafa gad baatu misaayelli mooraa isheen keessa jiraattu haleele.
Isheefi ijoollee ishee biroo lamaan ilkaan rigataa turan ajjeese. Ijoolleen lamaan umrii ijoollee kooti turan jetti
''Otoo yeroos qawwee qabaadhe kutaa marii nagaa sana seenee hunda isaanii ajjeesa ture,'' jechuun aariifi dheekkamsa yeroos qabaachaa turte ibsiti.
Yeroo hoteela mariin itti geggeefamu marsan sanatti humnooti nageenyaa adeemsa haqaa gufachiisaa akka jirtu itti himuun ishee hidhuuf turan.
Isheen garuu yoo mana hidhaa deemte ''qullaa akka buustu,'' itti himuun doorsistee hidhamuurraa hafte.
Torbanoota muraasa booda Chaarlis Teeyilar aangoorraa bu'ee, waliigalteen nagaas mallatteefame.
Dubartoonni sodaa waraanni deebi'a jedhuun waggoota lamaaf sochii isaanii itti fufanii ture.
Lemaan sochii kana baajata malee humnaafi fedhii dubartoota hacuuccaan gahe jedhaniin akka raawate dubbatti.
Seenaan dubartoota kunneenis Laayibeeriyaaf adda akka hin taaneefi seenaa dubartoota hiyyeeyyi addunyaa waraana jibbanii akka tahe himti.
Kabajaafi badhaasa
Bara 2011tti Lemaah Bowii gochaa gootummaa nagaaf taasifteen badhaasa Nobeelii nagaa Pireezidantii biyyattii yeroosii Elen Joonsan Serliif waliin fudhatte.
Elen waraana waliinii Laayibeeriyaa waggaa 14 booda bara 2006tti ture filannoon pireezidantii dubartii Layibeeriyaafi Afrikaa jalqabaa tahuun kan filamte.
Lemaan yuunivarsiitiiwwaniifi dhaabbotii amantaa addunyaa garaagaraa irraa beekamtiifi badhaasa 20 ol fudhateetti.
Yunivarsiitiiwwan Ameerikaa, Joorji Taawon Yunivarsiitii, Ameerikaan Yunivarsiitiifi Roodees Yunivarsiitii irraa doktireetiin kabajaas kennameeraafi.
Erga waraanni dhaabbatee Lemaan waa'ee sochii dubartoota nagaa fidee Mighty Be Our Powers: How Sisterhood, Prayer, and Sex Changed a Nation at War jedhu maxxansite.
Dokimantarii ishee akka qooddattuu ijootti fudhateefi dubartoota Afrikaa nagaaf akka duulan jajjabeessu Pray the Devil Back to Hell jedhu irrattis hirmaateetti.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne