Haalaandiin humni dhaabu hin argamne, Osemiin waancaa addunyaaf hin dabarre

Madda suuraa, Getty Images
Erliingi Haalaand rikardii galchii lakkoofsisuu hedduu cabsuun seenaa haaraa ofiif galmeesseera.
Kana bara kanaa garuu adda. Erga 1998 as yeroo jalqabaaf biyya isaa Noorweyi Waancaa Addunyaaf dabarse.
Noorweyi galchii 37 waliigalaan barana gulaallii waancaa Addunyaa irratti lakkoofsifte keessaa 16 Erliing Haalaand lakkoofsise.
Garee isaanii keessaa tapha hundaa mo'achuun kan darban Noorwey Xaaliyaanii waliin morkiin kaleessa godhan guddaa ture. Xaaliyaaniin dursa qabatte.
Taphoota taphate hundaa irratti yoo xiqqaate galchii tokko lakkoofsiseera jechuudha.
Haalaandi taphoota gulaallii Waancaa Addunyaa hundaa gaggeeffaman keessaa ardii hundarraa tokkoffaadha.
Haalaand taphoota saddet irratti qofa galchii 16 lakkoofsiseera. Taphaan booda Haalaand yoo gaafatamu ''gammadeera, hunda caalaa garuu ba'aa narraa bu'e, dhiibbaa hedduutu narra jira'' jedhe.
Noorweey Waancaa Addunyaa irratti yeroo arfaffaa hirmaachuu isaaniiti. Erga dorgommii Waancaa Awurooppaa irratti bara 2000 hirmaatanii as yeroo jalqabaaf dorgommii guddaa akkasiif darban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Noorweyiif taphoota 48 irratti galchii 55 lakkoofsiseera. Kana seenaa Noorwey keessatti taphataan galmeesse hin jiru.
Amma biyya isaanii Imbaappee waliin galchii wal qixa qabu. Garuu walakkaa taphoota Imbaappeen taphateeyyuu hin taphanne.
Waggoota 53 keessatti taphoota 50 gadi taphachuun galchii 50 ol lakkoofsisuudhaan ammoo taphataa jahaffaa seenaa keessatti galmaa'edha.
Kana dura garee biyyaalessaa Noorweyiif galchii 33 lakkoofsisuun kan dursaa jiru Jorgen Juuv jedhama. Rikardii kana waggoota 90'f qabatee ture.
Haalaand bara kana qofa taphoota wlaiigalaa 20 taphatee galchii 32 lakkoofsise.
Isa qofa osoo hin taane dursaan taphattootaa Maartiin Odeegaard,kubba galchii tahan torba mijeessee kennuun akka Awurooppaatti dursaa jira.
Erga umurii isaa waggaa 15 eegalee Noorweyiif taphoota 67 irratti hiriiree taphateera.
Gaazexessaan Noorwey tokko akkas jedhe. Nuyi uummata miliyoona shaniiti. Taphataa sarara duraa cimaa tokkoo fi taphataa sarara gidduu cimaa tokko qabna.
Lameenuu warra Piriimer Liigii keessatti maqaan isaanii ka'udha'' jedhe.
Abbaan Haalaand bara 1994 ture biyya isaa bakka bu'uun Waancaa Addunyaa irratti kan taphate.
Garuu biyya isaa wlaiinis tahe kileboota taphateef akka Nootiingihaam, Maanchister Siitii fi Liidsi Yuunaayitid waliin waancaa hin mo'anne.
Ilmi isaa Haalaand garuu Maan Siitii waliin waancaawwan mo'achuu qabu hundaa mo'ateera. Oostiriyaa fi Jarman keessattis akkasuma.
Amma ammoo Noorwey waliin imala ajaa'ibsiisaa jalqabeera. Noorwey 4-1 Xaaliyaanii mo'achuun ture sadarkaa tokkooffaan kan darbite.
Xaaliyaaniin tapha mo'atanii darbuu biraatu ishee eeggata. Walitti aansuun osoo Waancaa Addunyaaf hin darbiin hafuu dandeessi.
Gara Afrikaatti yoo deebinu tapha mo'atanii darbuu Naayijeeriyaan DR Koongoo wlaiin gooteen, DR Koongoon rukuttaa peenaaliitii 4-3 mo'achuun darbite.
Taphattoota ciccimoo akka Viiktar Oosimeen, Ademola Luukmaan, Iwoobii, Kalvin Baasee fa'aa kan qabdu Naayijeeriyaan yeroo lammaffaaf walitti aansitee Waancaa Addunyaa irratti hin hirmaattu.
Naayijeeriyaan jalqabuma garee ishee keessaa kallattiin darbuu waan hin dandeenyeef tapha mo'atanii darbuu tokko Gaabon waliin gaggeessuun mo'attee ture. Amma osoo hin milkaa'iin hafte.
Biyyi Gidduugaleessa Afrikaa DR Koongoon, taphaanis Naayijeeriyaa caalteetti. Ji'a Bitootessaa dhufu keessa biyyoota ardii biraa irraa tapha mo'atanii darbuuf dhaqaban keessaa tokko wlaiin morkatti.
![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)











