Israa'el waancaa addunyaa 2026 irratti akka hin hirmaanne UN gaaffii simate, US ejjennoo cimaa qabatte

Garee kubbaa miilaa Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Yunaayitiid Isteets Israa'el Waancaa Addunyaa bara 2026 gaggeeffamurratti akka hin hirmaanne yaalii taasifamu kamuu dura akka dhaabbattu beeksifte.

Gareen ogeeyyii UN jalqaba ji'a kanaa Israa'el Filisxeemota Gaazaa keessa jiran irratti duguuggaa sanyii raawwachuu mirkaneeffachuusaanii gabaasaniiru.

Bu'aa qorannoo kana hordofee paanaaliin ogeeyyii UN fi Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez Israa'el dorgommiiwwan ispoortii idila addunyaarraa akka ugguramtu waamicha dhiyeessaniiru.

Qaamni kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu Uefa gulaallii biyyoota awurooppaa dorgommii addunyaaf dhiyaatanii gaggeessaa jirus Israa'eliin dorgommicha keesaa baasuufi dhiisuurratti jalqaba torban dhuftuu walgahii ta'uuf akka jedhu gabaafameera.

Miseensi Uefa tokko yaada BBC Sport'iif kenneen ''wanti ammatti hubanne hooggansi Uefa dhimma kanarratti murtee wayiirra gahuu barbaaduusaati.

''Wanti ifatti beekame ykn karoorfame hin jiru. Garuummoo isa ji'a tokko dura ture caalatti dhiibbaan haaraan, guddaan adeemaa jira.''

Gabaasni UN jalqaba ji'a kanaatti ifa godhame gochoonni duguggaa sanyii ta'uu akeekuuf seera idila addunyaa keessatti kaahaman gosti shan raawwatameera jedhanii muruuf ragaan gahaan jira jedha.

Kunis erga bara 2023 waraanni Gaazaa eegalee rawwatamu ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paanaaliin mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qaama kubbaa miilaa addunyaa bulchu, Fifa, akkasumas kan kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu Uefa garee biyyaalessaa Israa'el dorgoommiiwwan idila addunyaarraa akka dhorkan waamicha godheera.

''Ispoortiin wanti kun baratamaadha jedhee bira darbuu fudhatama dhabsiisu qaba.''

Israa'el irra deddeebiin gochaan Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu duguggaa sanyii waliin qixxeedha isa jedhamu mormaa baate. Balaarraa of eeguuf tarkaanfii fudhattu ta'uus himti.

Minsitirri Haajaa Alaa biyyattii yaada UNf kennaniin gabaasichi ''kan waliin dhayameefi kijiba'' jedhan.

Waancaa Addunyaa bara 2026 US, Meksikoofi Kaanadaatu waliin qopheessa.

Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa US yaada BBCf kennaniin ''gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Israa'el waancaa addunyaarratti akka hin hirmaanne yaalii godhamu kamuu guutummaatti dhaabsisuuf ni yaalla'' jedhan.

Erga gabaasni UN bahee booda waamichi Israa'el dorgommii Ispoortiirraa akka ugguramtu gaafatu dabalaa jira.

Uefa'n hirmaannaa Israa'el ilaalchisee torban dhuftu sagalee kennuuf deema jedhamus ammatti sagantaan qabame akka hin jirre beeksiseera.

Biyyattiin waancaa adunyaarratti hirmaachuuf dorgommii gulaallii godhamaa jiruun kan ramaddiishee dursitu Noorwaay irraa qabxii jahaan fagaattee sadarkaa sadaffaarra jirti. Hireen gulaallicha darbuushee hedduu guddaas miti.

Sababiinsaas ramaddii mara irraa gareen tokkoffaa bahuun xumure kallattiin yoo darbu warri lammaffaa bahan ammoo tapha mi'anii darbuutti ramadamanii hireesanaii yaalu.

Ministirri Haajaa Alaa Ispeen Peedroo Saanchees Israa'el akkuma Raashiyaatti ilaalamte dorgoommiiwwan ispoortii idila addunyaarraa ugguramuu qabdi jedhan.

''Israa'el akka itti hubatamtu jijjiiruuf waltajjii addunyaa kamuu fayyadamuu itti fufuu hin qabdu'' jedhan Saancheez.

Gareen Biyyaalessaa Raashiyaa erga biyyattii Yukireen weerarte bara 2022 irraa kaasee dorgommii kubbaa miilaa gurguddaarraa dhorkameera.

Hiree Israa'el ilaalchisee Fifa'f gaaffiin dhiyeessinus ammatti deebii hin arganne.

Koreen Olompiikii Idila addunyaas itileetotni Raashiyaafi Belaruus alaabaa biyyasaaniin dorgommii idila addunyaarratti akka hin hirmaanne gochuunis ni yaadatama.

Kun kanaan osoo jiru kilaba Israa'el kan ta'e Makaabii Tel Aviiv dorgommii Awurooppaa Liig irratti kilaba Giriik waliin Roobii darbe yoo morkatu mormiin dhaadannoo ''duguuggaa sanyii dhaabaa'', ''Israa'eliif kaardii diimaa jedhu dhagaahameera.