Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa Raashiyaaf ergite - Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltoonni Ameerikaa, Kooriyaan Kaabaa waraana Raashiyaan Yukireen waliin gaggeessaa jirtuuf kan itti gargaaramtu meeshaalee waraanaa hedduu dhiyeessite jechuun himatan.
Dubbi Himaan Mana Maree Nageenya Biyyaaleessa Ameerikaa, Joon Kiiribii akka jedhaniitti, Kooriyaan Kaabaa ‘‘meeshaalee waraanaa fi rasaasa’’ konteenaroota 1,000tti guutaman ‘‘torbanoota dhiheenyaa’’ keessatti Raashiyaadhaaf ergitee jirti jedhan.
Qondaalli olaanoon kunis himannaasaanii kanarratti suuraalee konteenaroota 300 gara Raashiyaatti ergamuuf Kooriyaa Kaabaa bakka Naajiin jedhamuutti saamsaman jedhan dhiyeessaniiru.
Baatii darbe keessa dursaan Kooriyaa Kaabaa, Kiim Joong Un walta’insa waraanaa qabaachuu danda’an irratti mari’achuuf Raashiyaa dowwachuunsaanii ni yaadatama.
Waraanni Mooskoo, waraanaa Yukireen waliin taasisaa jiran irratti meeshaalee waraanaa hedduu fayyadamuun kan amanamu yoo ta’u, kuusaa ishee guutachuuf jecha, Raashiyaan deeggarsa michootashee biyyoota addunyaan gargar bahan irraa barbaachuu akka dandeessu yaadama.
Xinxaltoonni muraasnis, bulchiinsi Kiim kuusaa meeshaa waraanaa faayidaarra oolfamu danda’an hedduu qabaatullee, garuu ammoo hanqina meeshaalee galtee waan qabuuf meeshaalee hedduu kennuun shakkisiisaa ta’uu kaasu.
Dhaabbanni Tika Ameerikaa haala odeeffannoo argateetti, Kooriyaan Kaabaa Fulbaana 7 hanga Onkolooleessa 1 jidduutti karaa galaanaafi baabuuraan meeshaa waraanaa Raashiyaaf ergitee jirti.
Joon Kiiribii guyyaa Jimaataa gaazexessitootatti wayita dubbataniitti, meeshaan waraanaa jedhame kunis galaanaafi baaburaan Raashiyaa dhiheenya Tikhoretsk, kan daangaa Yukireen irraa fageenya km290 irratti argamtuutti geeffame jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa attamii Raashiyaaf akka ergite kan bal’inaan hin ibsne yoo ta’u, garuu ammoo kanaan duras Ameerikaan Raashiyaan Kooriyaa Kaabaa irraa rokkeettiiwwaniifi rasaasa madifii bittee jirti jechuun himattee akka turte ni yaadatama.
Raashiyaan waggaa tokkoon dura Guraandhala 2022 keessa yeroo Yukireen weerartee kaasee, aanga’oonni mootummaa Ameerikaa Kooriyaan Kaabaa Raashiyaaf meeshaa waraanaa dhiyeessaa jirti jechuun irra deddebiin himataa turan.
‘‘Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa Raashiyaaf ergitu kan balaaleeffamu sababii Raashiyaan magaaloota Yukireen keessatti haleellaa raawwachuu, lammiilee Yukireen ittiin ajjeesuufi waraanni Raashiyaa seeraan alaa akka bal’atu taasisuufidha’’ jedhan.
Aab Kiiribii itti dabaluudhaan, dhiyessiin Kooriyaan Kaabaa taasiftu kunis kan seera Mana Maree Nageenyaa UN cabsu waan ta’ef, ‘‘nutis itti dhimminee dhimmi meeshaa waraanaa kan irra deddeebiidhaan michoota keenya waliin walgahii dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin irratti kan kaafnuf’’ jedhan.

Raashiyaan Yukireen weerarushee hordofee, Ameerikaan meeshaalee waraanaa hammayya’oo doolara biiliyoonotaatti tilmaaman Yukireenif kennuunshee ni yaadatama.
Adooleessa irratti Ministirri Raayyaa Ittisa Raashiyaa, Sargeey Shooyiguu jila waraanaa dursuun yeroo Kooriyaa Kaabaa dowwatanitti, Pireezidanti Kiim waliin wal arganii ture.
Kanaanis misaa’eeloota ardiiwwan qaxxaamuraniifi meeshaalee waraanaa biroo dowwachiifamanii ture.
Raashiyaan kuusaa meeshaalee waraanaashee mofa’an akka fixatte kan dubbatan aanga’oonni Ameerikaa, meeshaaleen waraanaa amma Kooriyaa Kaabaa irraa argatte kunis waraanicharratti jijjiirama guddaa hin fidu jedhu.
Meeshaalee waraanaa hedduu Yukireeniif dhiyeessaa kan turte Ameerikaan, sababii wal dhabdee bajataa mana maree ishee keessatti ka’een, deeggarsi waraanaa doolaara biiliyoona jahaa Yukireeniif kennuuf yaadde yeroodhaaf danqameera.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan garuu Yukireen gargaaruudhaaf filmaata gara biraa akka barbaadan ibsaniiru.
![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)











