Namichaa sodaa koronaavaayirasiin ‘ji’a sadiif buufata xiyyaaraa keessa ture’

Imalaa buufata xiyyaaraa 'O'Hare International Airport' keessa darbaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Adiitiyaa Siing osoo Covid-19 irratti hin argamiin bakka nagaa qabeessa tahe buufata xiyyaaraa keessa ji'a sadii ture

Namichi sababa weerara koronaavayirasiin balali'uu sodaate ji'a sadiif utuu irratti hin baramiin buufata xiyyaarraa Chikaagoo keessa jiraachaa turuu abbootiin alangaa himan.

Adiitiyaa Siing, ganna 36, Sanbata erga hojjataan buufata xiyyaarichaa waraqaa eenyummaa isaa akka agarsiisuuf gaafate booda to’annoo jala oleera.

Yeroo sanatti waraqaan eenyummaa inni itti agarsiisee garuu kan hogganaa Onkololeessa keessa achi buteen isaa dhabamee ta’uu akka hin oolle gabaafameera.

Adiitiyaan Loos Anjelas irraa buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa O’Hare kan seene Onkololeessa 19 ta’uu poolisiin himeera.

Waraqaa eenyummaa hojjatichaa buufata xiyyaraa keessa akka argatee fi “sodaa koronaavayirasiin mana deemu akka sodaate,” haati alangaa Kaatiliin Hageertii dubbachuu Chicago Tribune gabaaseera.

Nyaataa imaltoota irraa kennamuufiin akka jiraachaa ture, Kaatiliin kun haadha murtiitti himteetti.

Bulchaan Kaawuntii Kook Haati murti Susaana Ortiiz haala uumameen ajaa’ibamuu ishee ibsiteetti.

“Kanaaf, namni hojjataa hin taane, namni eeyyamaa hin qabne, Onkololeessa 19, 2020, irraa eegale hanga Amajjii 16, 2021tti buufata xiyyaaraa O’Hare keessa utuu itti hin baramiin jirachaa ture jechaa jirtaa? Sirritti si hubachuun barbaada,” jechuun haadha alaangaa gaafa Dilbata dhadachicha irratti gaafateetti.

Adiitiyaan Loos Anjeelis keessa kan jiraatuu fi ragaa yakka raawwatee beeku agarsiisu akka hin qabne abukatoon uummataa Koortni Ismaalwod ibseera. Maaliif akka gara Chikaagoo hin deeme garuu ifa miti.

Yakka kutaa buufata xiyyaaraa hin eeyyamamne keessa seenuu fi hannaan himatameera. Buufataa xiyyaaraa keessa akkaa hin seennee fi kaffaltii wabii doolaraa 1,000 akka kaffaluu ajajameera.

Dhabbati geejjiba qilleensaa Chikaagoo, kan buufataalee xiyyaaraa biyyatti to’atu, ibsa baasee irratti “gochii kun qoratamuu yeroo itti fufetti, namichii kun buufata xiyyaarichaa irrattis ta’e imaltoota irratti yaaddoo nageenyaa akka hin uumne hubbanneera,” jedheera.