Hantuunni maagawaa jedhamu dandeetti boombii awwaalame arguun meedaaliyaa warqee injifate

Madda suuraa, Pdsa/pa
Hantuunni Afriikaa guddaan bakka boombiin awwaalame adda baasuun dandeettii olaanaa qabuuf badhaasa guddaa injifate.
Maagaawaan boombiiwwan 39 fi rasaasa hin dhukaane 28 bakka jiru adda baasuu danda’eera, erga hojii eegalee as.
Dhaabbanni gargaarsaa UK, PDSA jedhamu ‘‘Kaamboodiyaa bakka boombiin heddumminaan itti awwaalamee nama ajjeesutti tajaajila lubbuu oolchuu raawwateef’’ meedaaliyaa warqee badhaaseeraan.
Biyya Kibbabaha Eeshiyaatti argamtu kana keessatti boombiiwwan miiliyoona jahaa ol awwaalamanii akka jiran yaadama.
Meedaaliyaan Warqee PDSA jechoota ‘‘Kutannoo beeladni agarsiiseef’’ jedhan ofirraa qaba. Beeyiladoota 30 meedaaliyaa kana badhaafaman keessaa, Maagaawaan hantuuta isa jalqabaati.
Hantuunni ganna torba guute kun dhaabbata Beeljiyem kan Taanzaaniyaatti argamu ‘Apopo’ jedhamuun kan leenji’e yoo ta’u, dhaabbatichi 1990 keessaa eegalee hantuutota boombii awwaalameefi dhukkuba TB adda baasan leenjisuu irratti argama. Beeyiladoonni kunneen leenjii wagga tokkoon booda sartafikeetii argatu.
‘‘Badhaasa kana argachuun nuuf kabaja guddaadha’’ kan jedhan hogganaan Apoopoo Kiriistoof Kooksi, ‘‘Caalaatti garuu ummata Kaamboodiyaafi addunyaa biroorra boombii awwaalameen miidhamaa jiraniif injifannoodha’’ jedhani.
Sirni badhaasa kanaa har’a marsariitii PDFA irratti kan tamsa’u ta’a.
Akka Apoopootti Taanzaaniyaatti dhalatee kan guddatte Maagaawaan, kiiloo 1.2 yoo madaalu, cm70 dheerata. Sanyii hantuutaaf ulfaatinniifi dheerinni hagasii kan hin baramne ta’us, Maagaawaan boombiiwwan awwaalaman osoo hin dhoo’in irra deemuu danda’a.
Hantuutonni kunneen keemikaala boombii awwaalame keessa jiru akka foolii fuudhaniif kan leenji’an yoo ta’u, sibiila irratti waan hin xiyyeeffanneef dafanii argachuu isaan dandeessisa. Battala argatanittis irra keessa isaa soquun namoonni isaan waliin hojjatan akka argan godhu.
Magaawaan lafa hanga teeniisa dirree ga’u sakatta’uuf daqiiqaa 20 qofa yoo itti fudhatu, namni maashina boombii adda baasuun bakka hagasii haguuguuf guyyaa 1-4 itti fudhachuu mala, akka Apoopoon jedhutti.
Maagaawaan guyyaatti daqiiqaa 30'fa kan hojjatu yoo ta'u, sooroma ba'uuf ga'eera. Haata'u malee wanti inni dalagaa ture waan ajaa'ibaati jechuun dinqisiifatu daayirektarri jeneraalaa PDSA Jaan MaakLuufliin.
"Wanti Maagaawaan dalagu namoota kallattiidhaan boombiiwwan awwaalamaniin lubbuu dhabaniifi miidhaman baraaruudha, battala boombii tokko argatutti lubbuu dhabuu yookaan qaama miidhamuurraa oolcheera jechuudha," jechuun PA'tti dubbatani.
Akka dhaabbanni miti mootummaa 'the HALO trust' jedhamu gabaasetti, bara 1979 irraa kaasee Kaamboodiyaan namoota 64,000 caalan boombiiwwan awwaalamanii dhokatanii jiraniin kan dhabde yoo ta'u, 25,000 kan ta'an ammoo qaamni hir'ateera.
Boombiiwwan kunneen heddumminni isaanii kan awwaalaman wal-waraansa 1970 fi 1980 keessa biyyattii turetti kan awwaalamanidha.




![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)







