Suuraawwan Afrikaa filatamoo Eebla 27, hanga Caamsaa 3, 2018

Suuraawwan gaggaarii Afrikaa fi lammiilee Afrikaa addunyaa mara irraa.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni Federeeshinii Gamtaa Daldalaa Afrikaa Kibbaa hiriira dafqaan bultootaa erga taasisaniin booda suuraa ka'uuf siidaa Keep Taawon keessatti argamu biratti yoo aara galfatan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafuma kana Naayiroobiitti gareen do'ii, agarsiisa adda addaa daawwattootaaf dhiyeessuun kabajataniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kaartumitti simannaa Ministira muummicha Itoophiyaaf taasifame.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa agarsiisa Tuurizimii magaalaa guddoo Ivoorii Koost Abiijaaniti geggeefame irratti dubartii supheerraa xuwwee hojjettu.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabuweetti, gareen akiroobaatii Festivaala aartii Haaraaree Intarnaashinaalii kan waggaa kanaa irratti hojii isaanii daawwattootaaf dhiyeessan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Festivaalicha irratti do'iiwwan filatamoo tiyaatiraa,diraamaa,muuziqaa,sarkasii fi faashinii naannoolee fi addunyaa mul'ataniiru.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Festivaala waggaa Afrikaa Kibbaa irratti namoonni fireemii suuraa salfiif fayyadu biratti yennaa gammadan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii duraanii Maalaawwii Jooysee Baandaa, erga biyyatti deebi'anii suuraa buufata xiyyaaraa Chikelaa Bilaantiyeritti ka'an.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Kaameroon murna hidhattootaa xixiqqoo naannolee Kaameroon afaan Ingiliffaa dubbatanifi daangaa Naayijeriyaatti aragaman bilisa gochuu barbaadan lolaaa jiru.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Tuniisiyaatti,namichi bishkiliitii oofaa fakkii bishkiliitii ededa mana namootaa irra jiru otuu ilaaluu..

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Morokootti saffisni bishkiliitii ittiin oofan ariifataa yoo ta'eyyuu dorgomaan kuni otuma kiloometira 600f dorgomuu dubartiii harka fuudhaa ture.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Keessummeessaan kaaffee Kaayirootti aragamuu, cilee ho'aa shiishaa fakkii taphataa Liivarpuul Mahaammad Saaalaah of keessatti qabate maamilootaaf dhiyeesse.

Pictures from AFP, Getty Images, Reuters and EPA