Gondor Kibbaatti haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin aanga'oonni ajjeefamuu bulchiinsi godinichaa beeksise

Madda suuraa, Wogeda City Comm.
Hidhattoonni Faannoo naannoo Amaaraa, godina Gondor Kibbaa jalatti "aanga'oota mootummaa fi caasaa nageenyaarratti" haleella araawwataniin aanga'oonni lakkoofsi isaanii hin beekamiin ajjeefamuu bulchiinsi godinichaa beeksise.
Maddi bulchiinsa godina Gondor Kibbaa BBC'n dubbise tokko, bulchitoota aanaa dabalatee yoo xiqqaate aanga'oonni naanawaa sanaa ajjeefamuu ibseera.
Ji'a tokko dura magaalaa guddoo Dabre Taabor keessatti haleellaa dhaabbileen mootummaa mancaase kan keessummeesse godinni Gondor Kibbaa, caasaa isaarratti haleellaan kan raawwatame gaafa Roobii Bitootessa 19, 2026 akka ta'e ibsameera.
Bulchiinsi godinichaa Jimaata Bitootessa 20, 2026 galgala ibsa baaseen garee hidhattootaa humnoota badii jechuun ibse "Nifaas Mawucaa fi magaalaa Hamuusit keessatti walitti bu'iinsa" uumuu isaanii ibseera.
Haleellaan hidhattoota kanaa "hojiirra" kan turan hojjetoota mootummaa fi caasaa qaamolee nageenyaa aanaalee Laay Gaayintiifi Darraa, akkasumas magaalota alamaaniirratti kan xiyyeffate" akka ture beeksiseera.
Hidhattoonni kunneen haleellaa kan raawwatan "bakkawwan gara garaatii wal waamuufi walitti qabamuun" akka ta'e eeraara.
Maddi bulchiinsa godinaa tokko BBCf akka ibsetti, guyyaa sana haleellaa raawwachuun kan jalqabe barii sa'aatii naannoo12 irraa kaaseeti.
Ji'a darberraa kaasee raayyaan ittisa biyyaa naannawaa godinicha keessatti argamanii gadhiisee ba'uu kan yaadachiise maddi kun, humnoonni nagenyaa bakka sana turan kora bittinneessaa fi milishoota naannichaa ta'uu ibseera.
Miseensonni raayyaa ittisaa "waan hin jirreef [hidhattoonni] qaamolee nageenyaa isa kaanirraan miidhaa geessisanii bahaniiru," jedha.
Hidhattoonni Fannoo aanaalee "Taach Gaayint fi Simaadaa" keessatti socho'aa turan ta'uu kan dubbate maddi kun; haleellaa amma raawwatame kanaan hidhattoonni kunneen gara magaalota Nifaas Nigala fi Hamusit bakka "humni nageenyaa cimaan jirutti" socho'aniiru jechuun ibseera.
Bulchiinsi godinni Gondor Kibbaa ibsa baaseen, "Gootonni keenya 'Baandaa ykn bitamtootaaf akkasumas gantootaa ykn bitamtootaaf harka hin kenninu; ummata keenya dhiisnee hin deemnu' jechuun xoofoo Mootii Tewodroos fudhatan" jechuun qondaaltonni ajjeefaman akka jiran agarsiise.
Itti dabaluudhaanis, qondaaltonni kunneen "waadaa fi amanamummaa ummataaf qaban eeganii fi itti amananii kabajaan darbaniiru" jedheera. Ibsi godnichaa kun hoggantoonni ajjeefaman kunneen meeqa fi sadarkaa kamirra akka jiran hin ibsine.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maddi godina kanaa BBC'tti dubbate tokko akka jedhetti, haleellaa torban kana mudateen yoo xiqqaate hoggantoonni shan ajjeefaman quba qaba.
Hogganaan aanaa Darraa Obbo Estibel Guwaaddee, itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Darraa Obbo Fantaahun Dires, akkasumas hogganaan poolisii godinichaas ajjeefamaniiru.
Bulchaan aanaa Simaadaafi kantiibaan magaalaa Hamusit namoota ajjeefaman keessatti eeramaniiru.
BBCn ajjeechaa qondaaltota kanneenirratti raawwatame addatti hin mirkaneefffanne. Gondar Kibbaa fi bulchiinsa aanaalee irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf carraaqqiin godhamaa ture hin milkoofne.
Hidhattoonni magaalota seenan haleellaa kana erga raawwataniin booda bahuu isaanii kan dubbate maddi kun, booda miseensonni raayyaa ittisaa naannoolee aanaa Laay Gaayinitti bobbaafamuu isaanii ibseera.
Hoggantoonni aanaalee Simaadaa, Laay Gaayint, Taach Gaayint, Darraa Ebnaat fi Maqaxawaa, akkasumas magaalaa Hamusit yeroo ammaa kana sochii hidhattootaarraa kan ka'een magaalaa guddoo godinichaa "Dabre Taabor" keessa akka jiran himaniiru.
Godina Gondor Kibbaa keessa magaalota torbaa fi aanaalee 13 jiru, "isaan keessaa humna nageeny amootummaa kan qabu Foogaraa, Warrataa, Liboo Kamkam, Addis Zaman irradha. Aanaan Gaayint, Nifaas Maawucaas raayyaan ittisaa seeneera," jedhe.
Bulchiinsi godina Gondor Kibbaa ibsa isa akaleessaatiin, hidhattoonni kunneen, "namoota nagaa ugguruun akkasumas ajjeesuufi ummatichi hogganaa akka hin qabaanneefi al-seerummaan akka babal'atu yaadanii hojjecha ajiru," jedheera.
"Nageenya naannichaa gara bakka duraan tureetti deebisuufi naannawaa sana garee farra nageenyaa keessaa baasuuf hojiin nagaa kabachiisuu cimaan akka hojjetamu" beeksiseera ibsichi.
Taateewwan tibba kanaa ilaalchisee BBC'n sirrii ta'u isaanii ammatti kan hin mirkaneessiin jiru viidiyoowwaniifi suurawwan bahaa turaniiru.












