Hanqinni boba'aa guddaa addunyaa yoom mudate? Kan ammaa hangam hammaataadha?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhiyeessii boba'aafi aannisa addunyaaf bu'uura kan tahe Ulaan Hormuuz cufamuun diinagdee biyyootaa gara rakkoo wal-xaxaatti geessaa jira.

Waraana Iraan baatii tokko lakkoofsiseen raafamni addunyaa irratti mudate isa bara 1970 mudaterra akka hammaatu mallattoon mul'achaa jira.

Hanqinni boba'aa bara 1970 keessa mudateefi guutuu addunyaa raase maaliif mudte? Hanqina isa ammaa waliin hoo akkamiin dorgoma?

Ogeessi daddabarsa boba'aa Laars Jaansan akka jedhanitti Ameerikaafi Israa'el waraanni Iraan irratti banan rakkoo diinagdee isa bara 1970 turerraa ''yeroo dheeraa fudhachuu danda'a,'' jedhu.

Daarektarri ejansiin aannisaa addunyaa Feez Birool ''addunyaan rakkoo dhiyeessii aannisaa seenaa keessatti mul'atee hin beekneti mudachaani jira,'' jechuun akeekkachiisa kennanii jiru.

''Isa kan bara 1970 biratti yoo ilaalle kan ammaa kuni akkaan bal'aa dha. Gatiin boba'aa akkaan dabaleera. Raashiyaan Yukireen weeraruun booda daballii gatii mul'ate caala boba'aan akkaan dabaleera,'' jechuun BBCtti himan.

Ulaan Hormuuz cufamuun daddabarsa miyootaafi daldala kan jeequ tahus addunyaan amma jiru isa durii caala qormaata dandamata jechuun ogeeyyiin falman jiru.

Bara 1970 hanqina boba'a akkamitu mudate?

Ittigaafatamtuun olaantuu Kiriistool Enarjii Kaarool Naakiil rakkoon boba'aa bara 1970tti mudate isa ammaa irraa 'akkaan adda dha' jedhan.

''Yeroos rakkoon boba'aa kan mudate jijjiirama imaammataa tahe jedhee taasifameen kan tahe dha,'' jechuun ogeeyyiin diinagdee ni hubachiisu.

Bara 1973 oomishtoonni boba'aa biyyoota Arabaa biyyoota Ameerikaatti goran irratti qoqqobbii kaa'anii ture.

Baha Gidduugalaa, Israa'el fi biyyoota Arabaa gidduu waranaa Yoom Kupuur uumameen biyyooti Israa'eliin deeggaran irratti tarkaanfii fudhatame ture.

Jijjiiramni imaammataa biyyoota Arabaa Israa'el irratti taasisan qoqqobbii oomisha boba'aa dabalata ture.

''Ji'oota keessatti gatiin boba'aa dachaa afur dabalee ture,'' jechuun ogeettiin kuni ibsu.

Biyyootiin sadarkaan olaanaa taheen boba'aa fayyadaman qusataniifi walii hiranii fayyadamuu dirqamaniiru.

Rakkoon wal-xaxaa diinagdee addunyaafi faayinaansii irratti uume kan yeroo dheeraa ture akka tahe himu.

Yuunivarsiitii Kuwiinsitti qorattuu kan tahan Dr Tiiraanaa Heenii akka jedhan yoo tahe gatiin boba'aa dabaluun akka addunyaatti qaala'insi akka mudatu godheera.

''Kanaaf daldalli qabbanaa'aa hojii dhabdummmaan dabalaa jira,'' jedhu.

Biyyoota garaagaraa keessatti lagannaan hojii akka jiraatu sababa tahuu himuun ''hariiroo hawaasaa jeeqee akkasumas namoota jireenya mo'achuuf wal'aansoo qaban ittuu hammeesse,'' jedhaniiru.

Ameerikaafi UK'n bara 1973 hanga 1975tti rakkoon diinagdee wal-xaxaa isaan mudateera.

Rakkoon boba'aa amma mudate maal fakkaata?

Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti waraana banuun booda Ulaan Hormuuz dooniiwwan dabarsaa hin jiru.

Kunis boba'aa dabalatee miyoota galoo galaana kanarraa ka'an sochii dhorkeera.

Dhiyeessii boba'aa addunyaa keessaa harki tokko shanaffaa Ulaa Hormuuziin darba.

Pireezidantiin Ameerikaa boba'aan ulaa kanaan akka darbu tattaaffii gochaa ba'aniiru.

Biyyooti michuu Ameerikaa dooniiwwan waraanaa gara Ulaa Hormuuz akka ergan Tiraamp waamicha dhiyeessaniiru. Iraan dooniiwwan hin dabarsitu taanaan haleellaan jabaa akka raawwatu dhaadataniiru.

Ogeessi daddabarsa boba'aa Jaansan akka jedhanitti boba'aan biyyota galoogalaana kanarraa ka'e baatii tokko booda dhihoo kana biyyoota boba'aa calalan biroo qaqqabe jedhu.

''Ulaan Hormuuz otooma bor banameeyyuu hanqinni boba'aa ni hammaata. Gatiin aannisaa ni dabala. Yoo xiqqaate ji'a jahaa hanga waggaa tokkoo daballiin gatii ittuma fufa,'' jedhu.

Hanqinni boba'aa ammaa kan 1970 caalaa?

Ittigaafatamtuun olaantuu Kiristool Inarjii Dr Kaarool akka jedhanitti gabaan boba'aa addunyaa amma jiru kan isa bara 1970 adda jedhu.

Hammi boba'aa hojiirra oolaa jiru hir'isuu hubachiisu. Gatiin boba'aa hir'isullee rakkoon isa kana duraa waliin wal bira gaafa qabamu hammaataa akka hin taane amanu.

''Hanqina boba'aa olaanaatu mudachaa jira. Seenaa waggoota dhihoo keessatti kuni isa olaanaa jedhamuu danda'a. Tahus gabaan addunyaa isa bara 1970 amma jabaataa dha,'' jedhu.

''Gabaan boba'aa yeroo ammaa kaan waliin wal-makaa dha. Boba'aan waan filannoo hin qabne tokko dha. Rakkoon hatattamaa gaafa mudatu dandamachuuf qophii taasiseera,'' jechuun dabalu.

Ogeessi Naatiks keessatti hoggana qorannoo kan tahan Jooweel Haankuuk akka jedhanitti bara 1970 qoqqobbiin boba'aa biyyoota ''humna siyaasaa'' rakkoo kana dandamachuu qabairratti ture kan tahe.

Rakkoon boba'aa mudate biyyoota guddataa jiran miidha.

''Biyyooti guddataa jiran humna maallaqaa ykn caasaa rakkoo kana dandamatu hin qaban,'' jechuun ogeessi kuni hubachiisu.

Rakkoon aannisaa bara 1970 ture isa ammaa waliin firooma akka qabu himu.

Muddama ammaa keessaa bahuun kan danda'amu waraanni yoo dhaabbatu akka tahe himu.

Yunivarsiitii Kuwiinsitti qo'ataa kan tahan Dr Tiraanaan Heenii gama isaaniin yeroo ammaa addunyaa diinagdee haala fooyya'aa taheen waan hubatuuf biyyooti baayyeen kuufama boba'aa qabaachuu hubachiisu.

''Rakkoon kan hammaatu waraanni yeroo dheeraaf ypoo ture dha. Kuni egeree dukaneessuu mala. Furamaata fooyya'aa kan tahu lolli dhaabbatee yoo tasgabbiin deebi'ee dha,'' jedhu.