Hanqina boba'aa magaalota Itoophiyaa hiriira konkolaataan dhiphisaa jiru

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

"Buufata boba'aa boba'a hin qabnetti 'ni dhufa' abdii jedhuun guyyootaaf hiriirree jirra", konkolaachistoota.

Itoophiyaa keessatti hanqina boba'aa mudachaa jiruun magaalota hedduu buufataaleen boba'aa keessatti hiriira konkolaataa arguun baratamaa dhufeera.

Sababa Waraana Baha Giddugaleessaatti deemaa jiruun kan walqabateen akka ta'e kan himamu hanqinni boba'aa kuni, magaalaa magaalatti garaagarummaa haa qabaatu malee iddoo hedduutti hiriirumaan argama.

Gara Kibba Itoophiyaatti kan imalanii turan gaazexeessitootni BBC, magaalota Naannoo Kibba Itoophiyaa keessatti argamanitti sababa hanqina boba'aatiin buufataalee boba'aati hiriira dhedheeraan jiraachuu tajjaban.

Magaalota akka Arbaaminci, Sooddoo, Diillaa fi Hawaasaatti konkolaattonni fe'iisaa, kan geejjiba ummataa fi taaksii magaalotaa hiriira dhedheeraa hanga fageenya kiiloomeetiraan safaramuu dheeratu hiriiraa jiru.

Magaala Hawaasaa keessatti buufataalee boba'aa daandirratti argaman hedduutti konkolaatonni hiriiranii eegu. Buufata muraasa boba'a dabareen waraabsisan jiraatanis hiriirri konkolaataa hedduun garuu buufata boba'a hin qabne irratti guyyotaf dhaabbatu.

Magaala Hawaasaatti konkolaachisaan deddeebisa uummataa osoo boba'a argachuuf hiriira irra jiruu dubbisne, guyyaa sadi halkanii fi guyyaa hiriira irra jiraachuu BBCtti hime.

"Guyyaa sadii halkanii fi guyyaa ofuma kiyyaafan hiriiree eegaa jira. Bakkan amma hiriiree jiru kanattuu boba'aan dhufuu fi dhiisuun mirkana miti. Hiriirri gamaa fi gamanatti argitu kuni 'dhufuu danda'a' abdii jedhuuni malee amma waraabamaa hin jiru"

"Gara oliis gara gadiis buufata boba'aa hundumaa hiriiratu jira. Garuu boba'aan as jira jettee kan mirkanaan beektu hin jiru. Hunduu bakka isaaf ta'etti tilmaamumaan hiriiree eega" jedha.

Torbee muraasaan duras boba'aan hanqina xiqqaan jiraatus hiriira sa'aatiiwwaniitiin argannee waraabnee hojjechaa turre jedha konkolaachisaan kun.

Yeroo torbee lamaa asitti garuu boba'a akka durii argachuun rakkisaa ta'uu hima.

Guyyaa sadii afur Hojii malee hiriira keessa dhaabbachuun jiruu isaarratti dhiibbaa guddaa fidaa jiraachuus dubbata.

"Guyyoota kana asitti konkolaataa keessa hirriiba nagaa hin raftu. Guyyaa sadii afur hojjettee fiigdee argachuu kan qabdu hojii malee asdhaabachaa oolta. Osuma hiriira kanaanuu argattee waraabdee baatee guyyaa lama ittiin hojjetta. Ammas deebitee hiriira akkanaatti guyyoota turta" jedha.

Gargaaraa konkolaachisaa konkolaataa fe'isaa Siinootiraakii kan ta'e Wandimmuu Gaagamoo ammoo magaala Hawaasaatti guyyootaaf buufataale boba'aa lama irratti hiriira dhedheeraa irra erga turee booda bakka lamaaniiyyuu boba'I osoo isa hin geenye dhumuu hima.

"Kibxata darben hiriira kana buufata boba'aa 'Total' jedhamutti eegale. Guyyaa lama ergan dhaabadhetti boba'aan dhume jedhamne. Ergasii halkan sa'aatii 4tti buufata boba'aa biraa deemnee hiriirre. Achis guyyaa tokko hiriiraa oollee osoo nun qaqqabin dhume jedhame. Amma Buufata sadaffaa irra hiriireen jira" jedha.

Sababa guyyootaaf hojii malee dhaabbataniif jiruu dhuunfaa fi maatiisaa irratti dhiibbaa guddaa uumuus dubbata.

"Maaliin hojjennee nyaanna. Ijoollee maalin guddisna. Ani amma 'qoqoriin' nyaachaa jira. Tana nyaadhee gommaa hiikuu akkamittan danda'a?. haala rakkisaa keessa jirra. fuulduratti akkam akka ta'u mooji. Baayyee sodaanneerra" jedha.

Obbo Shaambal Taaddasaa ammoo magaala Hawaasaatti taaksii hojjechuun nama jiraatani. Isaanis hiriira boba'aa guyyoota fudhatu kana keessa osoo jiranii arginee dubbisne. Torbeewwan lamaa asitti haalli jiru hammaachaa dhufeera jedhu.

"Anillee reefun guyyaa tokko bule. Warri kaan abdii 'Nidhufa' jedhuun qofa guyyaa sadii afur bulan jiru. Buufanni amma irra hiriire kuni boba'a hin qabu. Abdiidhumaan hiriirree eegna" jedhu.

Tajaajila geejjibaa magaala keessatti kennamu irratti hanqina guddaa uumuu kan himan konkolaachisaan kuni hojjettoonni iddoo hojii, barattoonnis yeroodhaan mana barumsaa gahuu irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu dubbatan.

Fiqaaduu Baaltaa ammoo konkolaataa fe'iisaan Arbaamiinc irraa muuzii fe'ee Hawaasaa dhufe. Amma Magaala Hawaasaatti hiriira erga qabatee guyyaa sadii ta'eera. Buufanni inni irra hiriiree jiru garuu amma boba'a hin qabu.

Konkolaachisaan kuni muuziin fe'ee dhufe bakka ga'umsa isaatti buusuunkoo akkan carra qabeessa ta'ettin ilaala jedha.

"Ani muuziin fe'ee dhufe Hawaasaatti buuseera. Hiriyoonnikoo waliin feene kan gara Finfinnee fi Dasee deeman amma muuzii fe'ani magaalota biraa dhaabachaa jiru. Muuziin harkati baduunsaa ifa. Ani fee'iisakoo buuseen guyyootaf hiriiraa jira" jedha.

Torbanitti yeroo sadii magaala Arbaaminc irraa gara Hawaasaatti muuzii fe'aa akka ture kan himu Fiqaaduun, amma boba'a barbaachaaf erga hiriiree torbee tokkotti deemaa jiraachuu hima. Kunimmoo jiruu isaarratti dhiibbaa guddaa akka uumus yaaddoodhaan dubbata.

Sababa waraana baha Giddugaleessaatti mudateen Itoophiyaa keessatti hanqinni boba'aa mudachuu akka danda'uu fi lammiileen boba'a biyya keessa seene qusannaadhaan akka fayyadaman angaa'onni biyyattii gorsaa turan.

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad dhimma kanarratti ergaa darbarsaniin rakkoo Bahaa Giddugaleessaatti uumamerraa kan ka'e biyyootni boba'a bitanii fayyadaman akka garaatti argachuu dadhabaa jiraachuu eeran.

"Rakkoon furamee hamma sirna dhiheessii boba'aa idileetti deebinutti boba'a qusannaa fi wantoota bu'uuraaf dursa kennuun fayyadamuu qabna" jedhan.

Kanaafis ,qooda fiudhattoonni dame kana keessaa gahee qaban miira ittigaafatamummaatiin dirqama isaanii akka bahan dhaamuun isaanii niyaadatama.