Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan Ulaa Hormuuz cufuunshee xaa'ooo, qorichaafi omishaalee murteessooo ta'anirratti dhiibbaa qabaatu
Sababa waraana US-Israa'elifi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiruu Tehraan Ulaa Hormuuz cufuunshee gatiin boba'aa addunyaa akka malee akka dabalu gochuu qofa osoo hin taane, omishaaleen biroo murteessoo ta'an kan karaa ulaa kanaa addunyaaf dhiyaatan danqamaniiru.
Ulaan kun cufamuusaan gatiin keemikaalotaa, xaa'oo, nyaata, ismaartifooniifi kaanis gatiin akka dabalu ta'aa jira.
Xaa'oo (nyaata)
Keemikaalonni peetirooliyeemii boba'aafi gaazii irraa argaman heddumminaan biyyoota Galoo Galaanaa keessatti omishamuun gabaa addunyaaf dhiyaatu.
Galtee omisha qonna idiladdunyaa guddaa kan ta'e xaa'onis karaa ulaa kanaa darba.
Akka gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamatoomaniitti, dhiyeessii xaa'ooo addunyaa keessaa [tokko] sadaffaan karaa Ulaa Hormuuz darba.
Gosoonni xaa'oo akka yuuriyaa, potaashii, amooniyaafi foosfarasii fa'aa karaa ulaa Iraan cufte kanaa gabaa addunyaaf dhiyaata.
Waraanichi erga eegalee omishawwan xaa'oofi isaan wal-qabatan karaa ulaa Hormuuz gabaa addunyaaf akka hin dhiyaanne danqamaniiru.
Hanqinni dhiyeessii xaa'oo mudannaan omishatummaan qonnaa akka malee miidhamuu akka danda'utu ibsamaa jira. Keessumaa ji'oota Bitootessaafi Eblaa keessa hemisfeerri kaabaa waktii omisha qonnaati waan ta'eef.
Inistiitiyuutiin Kiil akka beeksisetti, Ulaan Hormuuz guutummaatti kan cufamu taanan, omishtummaa qonnaarratti rakkoon mudachuun alatti gatiin qamadii addunyaarratti 4.2% akka dabaluu danda'a.
Keessumaa biyyoonni akka Zaambiyaa, Siriilaankaa, Taayiwaanifi Paakistaan heddumminaan miidhamuu akka danda'an dhaabbatichi yoo ibsu, sababni ammoo biyyoonni kun omishaalee xaa'oo harka guddaa karaa ulaa kanaa galchu.
Gabaa addunyaa omisha xaa'oo harka shan kan dhiyeessitu Raashiyaan rakkoo kana furuuf omisha ni dabalti jedhamee eegama.
Ergamaa addaa Pirezidaant Vilaadmiir Puutiin kan ta'an Kiriil Dimiitiriiv, Raashiyaan omishaalee xaa'oofi kaan addunyaan barbaaddu dhiyeessuuf qophii ta'uu himan.
Hiiliyeemii (Maayikiroochiipsii)
Maayikiroochiipsii omishuuf kan gargaaru hiiliyeemiin addunyaarraa harka sadi gabaa addunyaaf kan dhiyeessu Kaataar yoo taatu, omishni kun karaa Ulaa Hormuuz darba.
Hiiliyeemiin gaazii umamaarraa kan hojjatamu yoo ta'u, omishaalee akka seemiikondaaktarii, maayikiroochiipsii fa'aa kanneen kompiitara, konkolaatafi meshaalee elektirooniksii biroof oolan omishuuf gargaara.
Akkasumas waldhaansa fayyaa keessatti Magnetic Resonance Imaging (MRI) qabbaneessuuf hiiliyeemiin gahee guddaa qaba.
Haleellaa Iraan buufata gaazii Ras Laffan jedhamu irratti raawwatteen omishi gaazii cufameera.
Warshicha deebistee hojii eegalchiisufis waggaa shan akka fudhatu Kaatar beeksiftee turte.
Kuni ammoo dhiyeessii hiiliyeemii gaazii kanarraa omishamuurratti dhiibbaa guddaa qabaachuunsaa waan hin oolledha.
Gama biraan ammoo Ulaan Hormuuz cufamuun gatiin omishaalee teeknolojiifi ismaartifoonii heddu akka dabalu gochuu akka danda'au sodaatamaa jira.
Qorichoota peetirookeemikaalii irraa hojjataman
Galteewwan peetirookeemiikaalii irraa argaman kanneen akka meetaanoolifi itaanoolii omisha qorichoota aantibaayotiksiifi talaallii fa'aa keessatti gahee guddaa qabu.
Biyyoonni amma daafiin waraanaa Baha Giddu Galaa isaan waadaa jiru kanneen akka Saawudii Arabiyaa, Kaataar, Omaan, UAE, Baahireenifi Kuweet fa'aa peetirookeemilaalii addunyaa harka jaha isaantu gabaa adunyaaf dhiyeessa.
Biyyoonni kunneen omisha peetriookeemikaalii galtee omisha qorichootaaf oolu gabaa addunyaaf kan dhiyeessan Ulaa Hormuuz fayyadamuuni.
Iraan Ulaa Hormuuz cufuusheerraa kan ka'e gatiin qorichaas addunyaarratti ol ka'uu akka danda'u xinxaaltonni akeekkachiisaa jiru.
Salfarii (sibiilota/baatirii omishuuf kan oolu)
Salfariin wantoota gaazii dikitaafi gaazii uumamaarraa hojjatamu keessaa tokko yoo ta'u, harka guddaa biyyoota Galoo Galaanaa Ulaa Hormuuz fayyadamtu omisha.
Salfarii gabaa addunyaaf dhiyaatu keessaa harki walakkaan karaa Ulaa Hormuuz darba.
Salfariin xaa'oo omishuuf galtee guddaa yoo ta'u, omisha sibiilafis baay'ee murteessadha.
Akkasumas omishoota akka salfarik asiidii omishuufi galtee murteessadha. Salfarik asiidiin ammoo sibiilota akka kobbarii, koobaaltii, nikeelii fa'aa omishuu keessatti galtee baay'ee barbaachisaadha. Akkasumas liitiyeemii omishuu keessatti fayidaa cimaa qaba.
Sibiilonni kunneen omisha baatiriiwwanii keessatti hojiirra kan oolaniidha. Baatiriiwwan kunneen ammoo meeshaalee elektirooniksii mana keessatii kaasee hanga konkolaatawwaniifi meeshaalee waraanaa ammaayytti kanneen tajaajila kennaniiidha.
Dhiyeessin salfarii karaa Ulaa Hormuuz gabaa addunyaaf dhiyaatu danqame taanan, gatiin omishaalee galtee kanarraa hojjatamanii addunyaarratti daran dabaluun waan hin oolledha jedhamaa jira.