Xaaliyaan ammas waancaa addunyaarratti hin hirmaattu, Turkiimmoo waggaa 24 booda itti deebite

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Shaampiyoonaan yeroo afurii addunyaa Xaaliyaan yeroo walitti aanu sadaffaaf waancaa addunyaarratti hirmaachuurraa hanqatte.

Kibxata galgala gulaalli isa dhumaa Bosniyaa fi Herzegoviinaa waliin morkattee rukuttaa peenaalitiin injifatamte.

Biyyi shaampiyoonaa addunyaa taatee yeroo waliti aanu sadaffaaf dorgommii guddaa kanaratti hirmaachuu hin dandeenye Xaaliyaan taateetti. Bara 2018 isa Raashiyaatti qophaaye, bara 2022 isa Kataaritti qophaayerratti Xaaliyaan hin hirmaanne.

Bara 2006tti yeroo araffaaf waancaa addunyaa kan injifatte Xaaliyan ,ergasii milkiin irraa fagaateera. Bara 2010 fi 2014tti ramaddiirraa darbuu hin dandeenye.

Gidduu kanatti injifannoo guddaan takkittii argatan bara 2020tti Ingilaandiin injifachuun waancaa isa fudhataniidha.

Gama kaaniin Kosovoo waliin kan taphatte Turki goolii 1-0n injifattee waggaa 24 booda yeroo jalqabaaf dorgommii addunyaatti deebiteetti.

Bara 2002 waancaa addunyaa gaggeeffamee ture irratti sadarkaa sadaffaa qabattee kan xuurtee turte Turk amma dorgommichatti wayita deebitu ramaddii C jalatti Awustiraaliyaa, Paaraaguwaayfi Yunaayitiid Isteets waliin ramadamte.

Deeggartootni Turki biyyisaanii waggoota hanga kanaa booda itti deebi'iisaaniitti gammachuu ibsataniiru.

Biyyii Roobeert Lewaandooskii Poolaandis Siwiidiniin injifatamtee dorgommicha irratti akka hin hirmaanne mirkanaa'eera.

Waggoota 15 darban keessa jifataa addunyaa gahumsa guddaa qabu kan ta'e Lewaandooskiin taphattoota maqaa guddaa waancaa addunyaa baranaarratti hin mul'anne keessaa tokko ta'eera.

Jifataan Baarselonaa ganna 37 kun biyyasaaf goolii 89 lakkoofsiseera. Kibxata kaleessaa Siwiidin biyya Yookereeshiin 3-2n injifatame.

Biyyootni waancaa addunyaa j'oota booda US Kaanadaa fi Meksikoo waliin qopheessan kanarratti hirmaatan marti adda bahaniiru.

Dogommii waancaa addunyaa biyyyootni 48 irratti hirmaatan kana keessaa biyyootnii afur yeroo duraaf hiree hirmaachuu argataniiu. Isaanis odola xiqqoo Kuuresaaw jedhamtu biyya ishii xiqqoo waancaa addunyaarratti hirmaattu taateetti. Keep Veerdee, Usbeekistaaniifi Joordaani.

Shaampiyoonaan Awurooppaa Ispeen waancaa kana injifachuuf tilmaama jalqabaa argatteetti.

Taphattootni maqaa guddaa dorgommii kanarratti hirmaachuuf hiree hin argannee ammoo goolii eegaa jabaa Maanchister Siitiifi Xaaliyaan Guwaanluujii Doonaarumaa, jifataa Baarseloonaafi Poolaand Roobert Lewaandooskii, taphataa sarara gidduu Liiverpuuliifi Hangarii Dominiki Soboozlaay, jifataa Gaalataasaraayiifi Naayijeeriyaa Viktoor Osimeen, jifataa PSG fi Joorjiyaa Kavaariskeeliyaa fa'adha.

Afrikaan yeroo jlqqbaaf dorgommii kanarratti biyyoota 10 hirmaachisuuf hiree argatteetti.

Biyyootni kurnan Afrikaa bakka bu'anis Senegaal, Morookoo, Gaanaa, Afrikaa Kibbaa, Masrii, DR Koongoo, Ayivoorii Koost, Tuniiziyaa, Aljeriyaafi Keep Verdeedha.