Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el akkamiin qiyyaafannoo haleellaa Iraan keessaa adda baafatti?
Israa'el akeeka waraanaa US waliin Iraanirratti eegalte galmaan gahuuf basaasa ammayyaawaafi teeknolojii xiinxala odeeffannoo irratti hundaa'e abdatti.
Maddi Intelejensii Israa'e' BBC'tti akka dubbatetti, kunneen Israa'el haleellaa qilleensaa akka gaggeessitu ishee dandeessisu. Israa'el Iraan keessatti misaayeloota 15, 000 fayadamuun haleellaawwan 8,500 raawwatte.
Teknolojiiwwan kunneen saatalaayitoota cifraa intelejensii waraanaan sochoofaman, sirna xiinxala odeeffannoo, jeettiiwwan lolaa, diroonotaa fi seensaroota ammayyaati.
Akka maddi BBC kun jedhutti saatalaayitiiwwan Israa'el buufataalee dhukaasa misaayelootaa Teehraan battalaan akka hordoftu dandeessisan, kun osoo Teehraan Israa'el hin haleelle dursitee akka haleeltu mijeesseefi jira.
Akkaataa madda maqaan isaa akka eeramu hin feene kanaatti, dandeettin basaasa qilleensaa utubaa carraaqqii intelejansiiti, saatalaayitiidhaan magaalaa Teehraan sa'aatii 24 hordofuuun ragaalee murtoo dabarsuu dandeessisan Israa'eliif ergu.
Akka madaallii Intelejensii waraana mootummaa Israa'elitti oppireeshiniin "Barooda Leencaa" Iraan irratti eegalame dandeettii waraana Iraan sadarkaa olaanaan macaaseera.
Haleellaan jalqabaa, kan sekondii 40 keessatti qondaalota Iraan 40 fixe jedhamu, iddoowwan Hogganaa Olaanaa Iraan, Mana Maree Nageenyaa Olaanaa Biyyaalessaa fi mootummaa dabalee wiirtuuwwan ajaja Eegdota Warraaqsaa Iraan sadi irratti kan qiyyaafamee ture.
Haalli kun Iraan keessatti hoggansa Iraan keessatti burjaajii uumeera.
Iraan hoggantoonni ishee gariin ajjeefamuu mirkaneessiteerti, BBC'n ofii baay'ina haleellaa qilleensaa Israa'el Iraanirratti raawwattee adda hin baafanne.
Guraandhala 28, kaasee qondaalonni olaanoon Iraan, Hogganaa Olaanaa Ayaatolaa Kaamenii fi qondaalotni waraanaa ajjeefamuu fi Mojtaabaa Kaamenii gara aangootti dhufuu gabaafame.
Iraan misaayeloota fi haleellaa dirooniin Israa'elii fi buufataalee US galoo galaanaatiin haaloo baate. Ulaa Hormuz ni cufte, haalduree addaa ulaa kana fayyadamuus ni keesse.
Maddeen sirni xiinxala intelejensii haala qabatamaa lafarraa hordofu haalli lafarraa jijjiiramaa jiraachuu himu, ijaarsawwan haaraa, haaromsi buufataalee waraanaa fi meeshaalee geejjibsiisuu fa'itu mul'ata.
"IDF wayita haleellaa jalqabaa gaggeessaa turetti ragaalee kanneen fayyadamuun sochii diinaa hordofaaa ture, haleellaawwanis akkaataa karoorfamaniin akka milkaa'an mirkaneeffachaa ture, dhiibbaa dirree lolaarratti qabus madaalaa ture"
Qiyyaafannoowwan ijoo: nikularaa fi misaayeloota baalastikii
Akka madda kanaatti, Humni Qilleensaa Israa'el daangaa qilleensaa Iraan dhuunfachuu danda'eera, kuni immoo bu'uuraalee waraanaa Iraan, keessumaa sirna misaayela baalastikii irratti haleellaa siistamaa akka godhu dandeessiseera. Iddoowwan irraa dhukaafamanii fi dandeettii isaanii rukutuudhaan jechuudha.
Haleellaawwan kunneen indaastiriiwwan waraanaa misaayeloota fi diroonota oomishan, akkasumas bu'uuraalee sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan fa'irrattis qiyyaafataniiru. Kunis dandeettii gabbisa niwukilaraa gad buusuu kan kaayyefate.
Oppireeshiniin kunneen of eeggannoon akka karoorfaman, to'annoo daangaa qilleensaa hordofuudhaan misaayeloonni akka dhukaafamaa turan maddi kun hime.
Haleellawwan walirraa hin cinne raawwataman dandeettii Iraan Israa'eli fi biyyoota naannichaatti yaaddoo ta'uurraa dadhabsiisaniiru.
Akkaataa Ministeerri Fayyaa Israa'el jedhutti, lammiileen Israa'el 5,229 misaayelaa fi dirooniin madaa'aniiru.
Haleellaan misaayelaa bakki rukute keessaa naannawa Araad fi Dimoonaa, bakka riyaaktarri nikularaa Israa'el itti argama jedhamurraa 20km fagaatu dha.
Maddi intelejensii kun Israa'el buufata misaayelaa Iraan 70%, sirna ittisa qilleensaa Iraan 80% barbadeessite. Buufataaleen waraanaa sirna misaayelaan hidhata qaban 700 barbadaa'an. Miseensonni Eegdota Warraaqsaa fi humnoonni mootummaa Iraan kumaatamaan lakkaawaman dhuman.
Haa ta'uu malee, Iraan ammas haleellaa hin dhaabne, haleellaawwan ishee kunneenis Israa'elii fi biyyoota galoo galaanaa keessatti mancaatii qabeenyaa fi ajjeechaa itti fufanii jiru.
Kasaaraa namaa fi diinagdee
Maddi waraana Israa'elii haleellaawwan of eeggannoon raawwatamuu hima. Dhumaatii lammiilee hambisuuf.
Kanaaf gosti meeshaa waraanaa, yeroon haleellaan raawwatamuu fi akkatti haleellaan raawwatamufi yeroo gariin akeekkachiisi kennameeti.
Haleellaan hunduu bu'aa waraanaa fi balaan isaa herregameeti.
Aangawoonni Iraan US fi Israa'el haleellaa mana barnootaa kibba Iraan irratti guyyaa jalqabaa raawwataniin namoota nagaa 168 ajjeesuu himatu.
Biyyoonni lamaanuu gaafatamummaa hin fudhanne. Ministirri Ittisaa US dhimmi kun qoratamaa jiraachuu hime.
Xiinxalaa fi gabaasaaleen miidiyaalee US kanneen akka CNN fi The New York Times haleellaan sun misaayela US Tomahawk jedhamuun raawwatamuu akka hin oolle agarsiisu.
Israa'el haleellaa naannawa mana barnootaa Minaab kana qubayyuu hin qabu jette.
Iraan rakkoon interneetii hammaataan jiruufuu haala jiru qulqulleeffachuun rakkisaa dha. Mana barnootaa sana keessatti ijoollee 100 oltu ajjeefamuu gabaafameera.
Haala qabiinsa mirga namoomaa Iraan keessaa kan gabaasu The Human Rights Activists News Agency (HRANA), daa'imman 214 dabalatee hanga amma Iraan keessaa namoonni nagaa 1,400 ajjeefaman jedhe.
Gama diinagdeen waraanni kun guyyaatti qabeenya dolaara biliyoonaan lakkaawamu nyaachaa jira.