Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Boordiin Filannoo 'galmee filattotaa dirqamaa fi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise
Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa galmee filattootaa ilaalchisee ibsa baaseen seermaleessummaa cimaan mulataa jira jedhe.
Akka ibsa boordii kanatti Filannoon Waliigalaa Itoophiyaa 7ffaa haala bilisaa, haqa qabeessa fi nagaan akka adeemsifamuuf hojiiwwan filannoon duraa hedduun hojjetamaa jira.
Haa ta'uu malee hojiiwwan filannoo duraa keessaa tokko kan ta'e galmee filattotaa irratti taatewwaan dambii boordichaal ala raawwataman jiraachuu gabaasni isa ga'ee ibseera.
Kanneen keessaa kaneen akka gocha mana manarraa deemanii kaardii filannoo raaabsuu irraa kaasee hanga galmee filattota tajaajila hawaasummaa akka mindaa irraa kutuuf doorsisuu dabalatee, dhiibbaan hin barbaachifne lammiilee irratti raawwatamuu isaa Boordichi gabaasni na qaqqabeera jedhe.
Boordichi aangoo isaaf kenname irratti hundaa'un karaa dhaabbilee hawaasa siivikii ykn dhaabbilee barnootaa filattootni akka hubannoo argataniif barsiisuu danda'u jedha ibi boordii kun.
Gama biraanis, paartileen siyaasaa galmaa'an duulaa filannoo gaggeessuu danda'u. haa ta'uu malee, Boordicha eeruu isa bira ga'aa ture irratti hundaa'uun mootummoota naannolee fi namoota isaan jala jiran hundaaf akasumas bulchiinsa magaalota lamaan jala jiraniif galmee filattootaa mana manarratti ykn duula na filadhaa mana manatti gaggeessan irraa akka of qusatan xalayaan beeksisuu ibseera.
Duualaa na filadhaan mana manaas ta'ee galmee filattotaa dirqaman taasifamu dhiibbaa hin malle hawaasa irraan gahaa jiras jedhe.
Kana hambisuuf boordichi xalayaa barreessus ammallee itti fufu isaa eeruun isaa qaqqabuu ibseera.
Paartiin kamiyyuu mana manarra deemee hojjettoonni waajjira tokkoon tokkoon isaanii akka filannoof galmaa'an dirqisiisuun seera cabsuu hin qabu jechuun akeekkachiisera.
Yoo kaardii filannoo hin fudhannee mindaan keessan isinirraa cita jechuun doorsisa taasifamu boordichi ibsa isaan cimsee balaaleffateera
Qaamolee fi dhaabbilee kana raawwatan Boordiin Filannoo hordofee ummataaf saaxilaa jiras jedhe.
Kanaaf paartiin kana hunda keessatti tarkaanfii sirreeffamaa yoo hin fudhatamne naannoo filannoo fi buufata filannoo duulli seeraan alaa jedhame kun itti gaggeeffamaa jiru adda baasuun filannoon akka hin gaggeeffamneef tarkaanfii fudhachuuf dirqama jechuun akeekkachiise.
Kanaafuu, filattootni sagalee kennuun mirga heera mootummaa isaanii ta'uu fi fedhii isaanii fi murtoo mataa isaanii qofaan galmaa'uu akka qaban,yoo hin barbaanne galmaa'uun dirqama akka hin taane, fi galmaa'uu dhabuun mindaa kan nama hin adabsiifne cimsee hubachiisera.
Kana qofa utuu hin taane hojii ykn tajaajila hawaasummaa kamirraayyuu dhorkamuun sermalessummaa ta'uu Boordichi beeksiseera.
Dabalataanis Boordichi lammiileen dhaabbilee fi qaamolee mirga bu'uuraa kana sarban adda baasuun tarkaanfii seeraa Boordiichaan akka irratti fudhatuuf akka tumsan waamicha dhiyeessera.
Boordichi addatti paartii kana godhe jedhe garuu maqaa hin dhoofne.