Yeroo waraanni kun torban shaniif itti fufee jirutti gama lamaaniin doorsisni waraana kana xumuruu caalaa itti fufsiisuu danda'an dhaga'ameera.
Gama Ameerikaan Tiraamp Iraan adabuu isaanii himuun ammas akka itti fufan akeekan.
Iraan gama isheen haleellaa bal'aa Ameerikaafi Israa'el 'burkuteessu' akka gaggeessitu akeekkachiifterti.
Ajajaan olaanaa waraana Iraan humni waraanaa biyyattii "sochii diinaa kamuu qolachuuf of eeggannoo olaanaarra akka ta'u ofirraa ittisuufi tarkaanfii fudhachuufis akka qophaa'an ajaja kennuun isaa gabaafameera.
. Akeekkachiisni kun kan kenname Tiraamp torban lamaa hanga sadii dhufan keessatti Ameerikaan Iraan “garmalee cimsitee” akka rukuttu erga dubbatanii sa’aatii muraasa booda.
Doorsisni gama lameeniin cimaa jiru kunis yeroo dhiyootti doorsisa biyyoota lamaan gidduu caalatti waraanicha hammeessu danda'u ta'uu akka danda'u eeramaa jira.
Bitootessa 21: Tiraampi humnoonni Ameerikaa yoo Iraan sa’aatii 48 keessatti ulaa Hormuz hin banne ta’e, dhaabbilee annisaa Iraan “balleessa” jedhan. Iraan deebii kenniteen magaalaa Israa'el Dimoonaa irratti haleellaa raawwatte.
Bitootessa 23: Tiraamp Iraan waliin marii ''baay'ee gaarii fi bu'a qabeessa'' ta'uu ibsuun, bu'uuraalee anniisaa irratti haleellaan karoorfame guyyoota shaniif yeroo biraatti dabarsuu ibse.
Guyyaa sadii booda, Bitootessa 26 , gaaffii mootummaa Iraan hordofuun, gara guyyoota 10tti dheeressuu beeksise
Bitootessa 31: Koreen Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC) dhaabbilee teeknooloojii Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa keessatti argaman kanneen akka Microsoft, Apple fi IBM irratti haleellaa raawwachuuf doorsise.
Tiraamp doorsisa kana kuffisuudhaan, Iraan maal gochuu akka dandeessu himan.